Waancaan Piriimer Liigii Liiverpuul moo Arsenaalitu fudhachuuf deema?

Lewis Iskeelii kaardii diimaan yoo bahu taphattoonni Arsenaal murteessaa taphachaatti naannahuun falmaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Ji'a tokkoon dura yeroo Arsenaal qabxii gatee Liiverpuul injifannoon itti fufu waancaan bara kanaa kan Liiverpuul jedhamaa ture.

Liiverpuul erga Nootiingihaam Forestiin gara jalqabaa mo'amee as osoo hin mo'amiin galchii hedduunis osoo irratti hin lakkaa'amiin injifannoodhaan ittifufe.

Shaampiyoonaan bara darbee Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaa jalatti akka bara kanaa qabxii gatee hin beeku. Ammoo bayyaannachaa jira. Taphattoota murteessoo mallatteessiseera.

Liiverpuul Ipsiich Taawon mo'achuun qabxii 53'n liigicha dursaa jira.

Arsenaal bara darbe xiqqumaaf waancaa kan dhabe amma gara dorgomaa cimaa tahuutti deebi'eera. Liiverpuul waliin garaagarummaan qabxii qaban jaha qofa.

Taphni guddaa kaleessa Cheelsii fi Maanchister Siitii gidduutti gaggeeffame injifannoo Maan Siitii 3-1 xumurame. Givaardiyool, Haalaandii fi Fooden galchii lakkoofsisaniiru.

Maan Siitiif garuu jalqabbii gaarii hin turre. Taphataan lammii Uzbeekistaan Amajji kanatti mallatteesisan Kuushaanoov, daqiiqaa 2ffaa irratti dogogora hojjeteen Cheelsiin galchii lakkoofsise.

Kuushaanoov kilaba Faransaay Leensi irraati Maan Siitii kan gale. Taphataan lammii Masirii tahe Omaar Maarmush torban darbe Maan Siitiif mallatteessee jalqaba irratti hiriire. Dhiibbaa gaariis umeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Cheelsiin dursa qabatus dogogora guddaa karra eegaan isaanii Saanches uumeen Haalaandi galchii lammaffaa irratti lakkoofsise.

Peep Gaardiyoolaan Kuushaanoov maaliif jijjiirtee baaste jedhamee gaafatamnaan; ''Maal gochuun danda'a. Dogogora hojjete akkamiinan itti hima. Afaan Uzbeek ykn Raashiyaa barachuun qabaa? Gurbaan kun afaan Ingiliffaa homaa hin dubbatus hin dhagahus'' jedhe.

Leenjisaan Cheelsii Eenzoo Maareshkaa ammoo dogogora karra eegaan isaa uume, ''Ammas Saanchesitti ni amanna. Akka dogogora hedduu hojjetu innuu ni beeka'' jedhe.

Cheelsiin waancaaf dorgomaa hin jiru kan jedhu Maareshkaan hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuu kaayyoo isaanii akka tahe himu. Innumti iyyuu bara kana kaayyoo isaanii jalqabaa akka hin taane dubbatan. Garuu Cheelsiin qabxii 40 qabachuun jahaffaa irra jira.

Nootiingihaam Fooresti Boornimaawuziin 5-0 mo'ame. Kun qabxii namuu hin tilmaamnedha. Boornimaawuz erga Niwkaastiliin 4-1 mo'anii ammas injifannoo bareedaa argataniiru.

Kaardii diimaa Arsenaal mufachiise

Arsenaal galchii Kaalaafiyooriidhaan 1-0 Woolvis mo'ate. Garuu falmii jabaa kan irratti mul'ateefi Arsenaalis itti qorame ture. Taphataan Arsenaal ol adeemaan Lewis Keelii kaardii diimaan bahe.

Woolvis erga kubba koornaa irraa rukutamte deebisanaii booda Maat Doohertiin kubba qabatee gara galchii Arsenaalitti qajeele. Garuu karra Arsenaalitti tasumaa hin dhiyaanne.

Lewis Iskeelii taphicha dhaabsisuuf jecha Doohertii irratti balleessaa hojjete. Miili isaa gara hojjaa Doohertitti ol siqeera jechuun Murteessaa [daanyaa] kaardii diimaa kenneef.

Taphattoonni Arsenaal kaardii diimaa tahuu hin qabu jechuun fincilaniiru.

Daqiiqaa 73ffaa irrattis taphataan Woolvis tokko kaardii diimaan bahe. Arsenaalis galchii lakkoofsise.

Arteettaan ''takkaa balleessaa akka kanaa kaardii diimaa namaaf kennisiisu argee hin beeku. Kana hubachuuf jechakoo iyyuu isin hin barbaachisu. Waanuma namni hundi beekudha. Garuu jechan ittiin murtee kana ibsu hin qabu'' jechuun aariin dubbate.

Balleessaa kana VAR ilaalee murtee sirriidha jechuun ture kaardii diimaan kan kennameef.

Alan Siirer Piriimer Liigii keessatti galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii qabatee kan jiruu fi amma xiinxalaa kubba miilaa tahe ''yeroo dhiyoo keessatti murtee akka kanaa argee hin beeku. Gonkuma kaardii diimaa hin tahu'' jedhe.

Saffisa guddaa irra hin turre. Gara galchiitti hin dhiyaanne. Morkattoota carraa guddaa kan dhabsiise miti. Akkamumatti murteessaan VAR murtee kana sirriidha jedhe? Kun waanuma laffarra hin jirre'' jedhe.

Taphoonni Piriimer Liigii har'as itti fufuun taphatamu. Maanchister Yuunaayitid Fuulhaam waliin, Aston Viilaan West Haam waliin taphatu.