Liivarpuul injifate, Arsenaal qixa bahus Arteettaan 'nan boona' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Liivarpuul Pirimeer Liigii Ingilizii dursuu cimsee itti fufeera.
Guyyaa Sambataa galchiiwwan yeroo xumuraarratti Daarwin Nuuneez galcheen Bireentifordiin injifachuun garaagartee liigicha dursaa jiru qabxii jahatti guddise.
Gama kaaniin, Arsenaal dirree isaatti Aston Viilaa keessummeessuun goolii lamaan galchuun dursa erga ture booda Aston Viilaan lama galchee qixxee bahan.
Arsenaal gooliin taphni wayita goolabamuuf ka'u galche ni haqame.
Kaayi Haavertiz goolii taphni xumuramuuf daqiiqaan tokko wayita hafe galche sababa kubbaa Mikaa'el Merino dhiite harkaan xuqe jedhameef haqame.
Arsenaal goolii Gabri'eel Maartineelii fi Kaayi Havertiz galchuun dursaa kan ture yoo ta'u, taphataa Aston Viilaa Yuurii Tiilemen kubbaa mataan dhahee goolii galchuun garichatti abdii hore.
Daqiiqaa 8 booda Olii Waatkins kubbaa mataan dhahee galchuun Astoon Viilaa Arsenaaliin qixxeesse.
Taphataan sarara moggaa Arsenaal Liisaandiroo Tiroosaard goolii lamaan akka galu gargaare.
Kubbaan daqiiqaa dabalataatti gara gooliitti dhiite dhaaba gooliitti bu'ee alaatti bahe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tapha kana hordofuun Arsenaal liigicha kan dursaa jiru Liivarpuulirraa qabxii 6'n caalamee sadarkaa 2ffaa irra jira.
Gareen Arni Isloot, Liivarpuul, tapha hin taphatiin tokko qaba.
Viilaan sadarkaa 7ffaa irra jira, sadarkaa 4ffaa kan jiru Niwukaasil qabxii 2'n Astoon Viilaa dursa.
Leenjisaan Arsenaal Miikeel Arteetaan yaada tapha booda kenneen, ''ga'umsa taphattootakoo guyyoota jaha keessatti taphoota sadiirratti agarsiisanitti nan boona'' jedheera.
"Waan ajaa'ibaa ture. Tapha kanarraa qabxii fooyya'aa argachuu qabna turre. Waan kana hundatti nan boona" jedhe.
Waggoota shan booda Arsenaal dirree isaarratti goolii lamaan dursaa otoo jiru injifachuu dadhabuun kan jalqabaati.
Viilaan ammoo waggoota 15 booda yeroo jalqabaaf goolii lama durfamaa turee qixa bahe.
Taphoota birootin Boornimaawuz dirree Niiwukaastil 4-1'n mo'atee gale. Taphataan Boornimaawuz Jastiin Kiluvart goolii sadii galche.
Leesteer Siitiin Fuulhaamin 2 fi 0, akkasuma Weestihaam Kiristaal Paalaasin mo'ame.
Dilbata Evartan Tootinaam waliin, Maanchistar Yunaayitid Biraayitan waliin, Nootingihaam Saawuzhaampitan waliin, Ipsiwiich Maanchistar Siitii waliin taphata.
Liivarpuul qabxii 50'n liigicha dursaa kan jiru yoo ta'u, Arsenaal qabxii 44'n 2ffaa irratti argama. Nootingihaam qabxii 41'n sadarkaa 3ffaarra jira.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












