Arsenaal vs Aston Viilaa- Eenyutu injifata? Tilmaama taphoota Piriimiyer liigii Ingiliiz

taphattota Arsenalif Astoonvillaa

Madda suuraa, Getty Images

Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliz torbee 22ffaa har'aa eegaluun Arsenaal Astoon Viilaa, Bireentifoordi ammoo Liiverpuul keessummeessuun dorgommiin taasifamu eeggaleera.

Har'a waaree booda sa'aatii 9:30 eegalee Niiwuukaastiil Boornimaawuuz waliin morkata.

Niwukaastil seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaatiif taphoota 10 walitti aansuun injifachuu danda'a jedhamee eeggamaa jira.

Xinxalaan Ispoortii BBC Kiriis Saatan tapha Arsenaal dirreeisaa irratti Aston Viilaa keessummeessu ilaalchisee, bara darbe Arsenaaal akka waancaa hin injifanne dhorke gahumsa Aston Viilaan Arsenaal irratti agarsiiseedha jedha.

Saatan taphoota torbee 22ffaa Piriimiyerliigii Ingiliiz kanneen tilmaameera.

Sanbata

Niwukaastil vs Boornemaawuz

Tapha kana tilmaamuun rakkisaadha. Sababni isaas Niwukaastil waan isaan dhaabu waan hin jirre fakkaata. Boornemaawuz taphoota 10 darban keessatti tapha tokkollee hin mo'amne.

Niwukaastil ammoo tapha har'aa kana yoo injifate seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf taphoota 10 walitti aansuun injifata jechuudha.

Leenjisaan Niwukaastil Eedi Haawuu kanaan dura garee isaa durii injifatee hin beeku. Garuu kun tapha Sanbataa kana irratti ni jijjiirama jedheen yaada.

Tilmaama: 2 - 1

Asxaa Birentfordi fi Liivarpuul

Madda suuraa, Getty Images

Birentford Vs Liivarpuul

Liivarpuul tapha walakkeessa torbee taasisaniin Nootinghaam Forast waliin qixa ba'aniiru.

Akkuma carraa ta'eeti malee silaa tapha kana injifachuu qabu turan. Goolii eegaa Nootinghaam ajaa'iba ture.

Tapha kun Liivarpuuliif Arsenaal injifachuu hordofee tapha murteessaadha. Tapha kana injifachuu qabu.

Liivarpuul erga bara haaraatii dorgommii hunda irratti yeroo tokko qofa injifachuu danda'e.

Taphi isaan gara dirree Bireenfoorditti imaluuntaasisan salphaa ta'uu baatus ni injifatu jedheen tilmaama.

Tilmaama: 1 - 2

Weestihaam vs Kiristaal Paalaas

Leenjisaan Weestihaam haaraa Grahaam Pootar tapha jalqabaa itti milkaa'era Kibxata galgala Fuulhaam injifatus gareen kun qaawwa akka qabu ifaadha.

Taphi kun qixaan xumuramuu danda'a ture, garuu hin xumuramne.

Faallaa kanaatiin haala gaarii irra kan jiru Paalaas ni injifata jedheen yaada.

Tilmaama: 0 - 1

Asxaa Arsenaal fi Aston Viilaa

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal fi Aston Viilaa

Sababni Arsenaal bara darbe waancaa injifachuu dadhabeef tokko Astoon Viilaatiin mo'amuu isaaniiti.

Arsenaal kana waan dagatu natti hin fakkaatu. Tarii leenjisaan Mikel Arteta kana akka kaka'umsaatti fayyadamuu danda'a.

Viilaan taphoota walakkeessa torbee irratti Evertan waliin taphata; Arsenaal tapha darbii Kaaba Landan irrattis Tootinaam injifateera.

Tapha kana irrattis Arsenaal injifannoo walitti aansuun itti fufu jedheen eega.

Tilmaama: 2 - 0

Dilbata

Evertan vs Tootinaam

Leenjisaan haaraan Evertan Deeviid Mooyes tapha banaa taphataan isa duraa caalaa taphachuuf yaale, garuu tapha jalqabaa irratti mo'amuun isa mudateera.

Taphi Tootinaam waliin taphatan qaawwaa ta'a jedheen yaada.

Evertan goolii gadi bu'eera. Taphoota 20 darban keessatti goolii 15 qofa lakkoofsiseera. Ga'uumsi ammaa Tootinaam gaarii ta'uu baatus tapha kana akka injifatan shakkii hin qabu.

Tilmaama: 1 - 3

Asxaa Maanchistar Yunaayitid vs Biraayitan

Madda suuraa, Getty Images

Maanchistar Yunaayitid vs Biraayitan

Yunaayitid tapha Kamisaa walakkaa jalqabaa irratti Saawuzhaampitaniin injifateera

Garuu Amad Dihallo daqiiqaawwan xumuraa 12 irratti goolii sadii galchuun qabxii sadii mirkaneesse. Kana jechuun Yunaayitid bakka duraan turetti deebi'eera jechuu miti.

Leenjisaan Ruuben Amorim ammallee hojii guddaatu ​​isa eeggata. Qormaanni tokko tapha Wiixata ta'a. Sababni isaas Biraayitan garee Saawuzhaampitan caalaa cimaa waan ta'eef.

Taphichi qixaan xumurama jedheen yaada.

Tilmaama: 1 - 1

Nootinhaam vs Saawuzhaampitan

Saawuzhaampitan gara Ooltiraafoordi imaluun tapha gaarii taphate, garuu daqiiqaawwan dhumaa irratti mo'ame.

Garuu Nottingham Forest bifa amma jiraniin Saawuz Haampitaniin ni qoramu jechuun waan yaadamu miti.

Taphataan sarara fuulduraa Bosonaa Kiriis Wuud goolii galchuu itti fufeera. Tapha kana irrattis goolii ni galcha jedheen yaada.

Tilmaama: 2 - 0

Asxaa Ipswich fi Maanchistar Siitii

Madda suuraa, Getty Images

Ipswich vs Maanchistar Siitii

Ipswich taphoota jalqaba haala dinqisiisaan erga deemaa turee booda, Kamisa galgala Biraayitaniin mo'amte.

Siitiin ammoo tapha 2 fi 0n injifachuuf ture kana daqiiqaawwan dhumaa irratti goolii lama galchuun qixa ba'eera.

Taphataan sarara fuulduraa Siitii Erling Haaland kilabicha waliin waliigaltee waggaa sagal fi walakkaa mallatteesse. Kun Siitiif oduu gammachiisaa dha.

Ipswich Siitiif dorgomaa salphaa hin ta'u, garuu tapha kana irraa qabxii ni argatu jedhee hin amanu.

Tilmaama: 1 - 2

Wiixata

Cheelsii fi Woolvis

Ga'uumsi Cheelsiin amma qabu abdii kutachiisa. Garuu bakka duraan tureetti akka deebi'u shakkii hin qabu.

Leenjisaan Woolvis taphoota lamaan jalqabaa irratti injifannoo argateera, lamaan itti aanan irratti garuu mo'ameera.

Cheelsiin tapha kana salphaatti injifachuu qaba.

Tilmaama: 3 - 0