Tapha Liiverpuul, Siitiifi Chelsiin morkattoota isaanii waliin walqixa bahanirratti waan ture

Madda suuraa, Getty Images
Taphoota Piriimer Liigii Amajji 14 galgala taphatamaniin kilaboonni gurguddoon: Liiverpuul, Maanchester Siitiifi Chelsiin morkattoota isaanii waliin wal qixa bahan.
Liigicha dursaa kan jiru Liiverpuul lamaffaarratti kan argamu Notingihaam Forest waliin 1-1 walqixa xumre.
Shaampiyoonaa bara darbee kan tureefi bara kana ammoo sadarkaa ja'affaarra kan jiru Maanchester Siitiin ammoo sadarkaa 10ffaarra kan jiru Bireentifoord waliin 2-2n walqixa baheera.
Sadarkaa afuraffaarratti kan argamu Chelsiinis Barnimaaziin dirree isaarratti simatee 2-2n walqixa baheera.
Tapha biraa Amajji 14 tureen West Haam dirree ofiirratti Fuulham 3-2n mo'ateera.
Taphoota kunneen keessaa kan akkuma ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan dursee tilmaame kan ta'ee argame kan Notingihaam Forest fi Liiverpuul gidduutti gaggeeffamedha.
Notingihaam Forest v Liiverpuul
Taphni halkan saatii shanirratti Notingihaam Forest fi Liiverpuul gidduutti gaggeeffame gamaafi gamasiin wal yaaddessuu cimaa qaba ture.
Liiverpuul tapha kana mo'atee dursummaa isaa cimsachuu qofaf hin turre, kan darbe Anfiild irratti Notingihaam Forest waan isa mo'ateef miiraa haaloo ba'uutiin dhufe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Notingihaam Forest ammoo yoo danda'e mo'atee, yoo dadhabe ammoo wal qixa bahee sadarkaa isaa lamaffaa qabatee turuu waan barbaade fakkaata.
Kanaaf ture, leenjisaan Liivepuul Arnee Siloot walqixa bahuu isaaniitti aareera. Taphichi tilmaama Liiverpuul bara kana ofiif kennee irratti hojjetaa jiruun yeroo illamu kan isaaf hin malledha kan jedhe Siloot, kilaba taphoota ja'an darbe walitti aansee mo'ate Notigihaam Forest waliin walqixa bahuun qabxii tokko qofaan galuun sirrii miti jedhe.
Leenjisaa Notingihaam Forest kan ta'e Nuunoo Espiriitoo Saantoon ammoo murannoo taphattoonni isaa agarsiisan 'ajaa'iba' jechuun gammachuun ibse.
Hanga daqiiqaa 66tti Forest bara kana keessa si'a lamaffaaf Liiverpuuliin kan jilbeeffachiisan fakkaatu ture.
Boqonnaa dura Forest daqiiqaa saddet irratti goolii Kiriis Wood kubbaa Antoonii Elaangaa kenneef lakkoofsiseen dursuu jalqaban.
Ga'umsi karra eegaa Forest Maatz Seels adda ture; kan taphattoota sarara ittisaa Murilloo fi Nkoolaa Mileenkoovichis kan caalu.
Liivarpuul kubbaa %71tti dhiyaatu to'atee qabachuu danda'ee ture garuu tooftaan tapha Forest garuu hanga humni dabalataa teessoo irraa dhufutti garee Awurooppaa keessaa isa gaarii ta'e fashaleessuu danda'eera.
Siloot aariin wixxifataa, sa'aatii ilaalee akka Forest ta'e jedhanii sa'aatii guban waywaachaa mul'ateera.
Boodarra Ibiraahim Konaatee baasee Diyaagoo Jotaa galchuun goolii mo'amuurraa Liiverpuul baraarte argatanii wal qixa akka bahan taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Bireentifoord v Maanchester Siitii
Bireentifoord dhumarra goolii lama galchuun Maanchester Siitii waliin 2-2n walqixa bahe.
Peep Gaardiyoolaan gareen isaa siitiin Bireentifoord waliin walqixa bahuu hanqina qabxii argame eegsifatanii ba'uu dhabuuti jedhe.
Hanga daqiiqaa 80 boodaatti 2 fi 0n dursaa kan ture Maanchester Siitiin, boodarra daqiiqaa 1o keessatti goolii Wisaa fi Noorgaard lakkoofsisaniin wal qixa bahaniiru.
Goolii lamaan maanchester Siitiif kan lakkoofsise ammoo Fiil Fooden ture.
Leenjisaan Bireentifoord Tomaas Firaankcimina sammuufi gootummaa taphattoonni isaa qaban jajeera.
Chelsiin taphoota shan darban keessaa tokkollee hin mo'anne. Sadii wal qixa bahuun, lama mo'ameera.
Kool Palamer daqiiqaa 13ffaa irratti Barnimaawozitti galchuudhaan dursuu jalqabanii ture. jalqaba lakkoofsisuu qofa osoo hin taane, Chelsiin boqonnaa dura kubbaa dhuunfatee tapha gaarii agarsiisaa ture.
Haata'u malee, dirree Chesliirratti kan taphate Barnimaawoz hanga dhmaati qabsaa'ee 2 fi 2n wal qixaan xumureera.

Madda suuraa, BBC Sport
Roobii galgala
Roobii galgala taphoota gaggeeffaman afur keessaa Landan darbii Arsenaal fi Tootenham gaggeessanidha..
Saakan miidhamuurraa kan ka'e sararri fuulduraa Arsenaal oneera. Ta'us, akkaatan tapha Tootenhaam Arsenaaliif kan mijatu fakkaata jedha Kiriis Saatan.
Kana jechuun, Arsenaal dhiibbaa dandamatee deebisee galchii lakkoofsisuu ni danda'a.
Tapha darbii kanarratti Tootenhaam galchii lakkoofsisuun isaa waan hin oolledha. Arsenaal dorgommii waancaaf taasisu itti fufsiisuu waan barbaaduuf mo'achuu qaba jedha ogeessi kubbaa miilaa BBC kun.
Taphni biraan eegamu kan Niwukaasil fi wolvis gidduutti taasifamudha.
Woolvis leenjisaa isaa haaraa jalatti mo'icha galmeessee turus Nootingham Foorestiin mo'ameera.
Amma immoo Niwukaasiliin ni injifatama. Sababni ammoo Aleeksaandar Isaak gahuumsa ajaa'ibaarra jira waan ta'eef.
Everten fi Aston Viilaan, akkasumas Leestarii fi Kiristaal Palaas ni eegamu.












