Hanqina Arsenaal guutuu dhabuun gatii kan isa kaffalchiise Arteettaan amma maal jedha?

Arsenaal Maanchistar Yunaayitidiin mo'amee dorgommii waancaa FA keessaa ba'e

Madda suuraa, Getty Images

Tapha waancaa FA marsaa kanaarratti Maanchistar Yunaayitid carra qabeessa hin turre. Dirree Arsenaal irratti taphattoota 10 qofaan falmate. Garuu dhumarratti eenyu carraa akka hin qabne barameera.

Yunaayitid taphattoota 10 qofaan taphatee Arsenaaliin injifachuun gara marsaa itti aanuutti darbeera.

Taphi kun rukuttaa adabbiin (peenaalitiin) kan xumurame yoo ta'u, Jooshuwaa Zarkizii goolii ishee dhumaa galchuun Arsenaal dorgommii kanatti akka nagaa dhaamu taasise.

Yunaayitid taphataansaa Diyeegoo Daaloo kaardii keelloo lamaan dirreedhaa ba'uu hordofee taphattoota 10 qofaan taphicha taphatee xumuruuf dirqameera.

Dursaan kilabichaa Biruunoo Fernaandeez daqiiqaa 52ffaa irratti goolii lakkoofsiseen Yunaayotid dursa taphicha dursuu eegale.

Diyeegoo Daaloo daqiiqaa 62ffaa irratti dirreedhaa baafame. Inni ba'ee daqiiqaa lama booda goolii ittisaan Arsenaal Gabreel galcheen walqixa ta'an.

Balleessaa ittisaan Yunaayitid Haarii Maguwaayer jifataa Arsenaal Kayi Haveriz irratti raawwateen peenaalitiin Arsenaaliif kennamee ture.

Carraan rukuttaa adabbii Arsenaaliif kennamuu hordofee daqiiqaawwan muraasaaf miirra taphattoota gidduu ture gaarii hin turre.

Hanga harkaan walqabachuutti walitti deemaa turan.

Haata'u malee dursaan taphattoota Arsenaal Martin Odegaard taphattoota isaa hin boonsine, deeggartootaafi jaallattoota isaas mufachiise.

Kubbaa inni dhiite gooli eegaan Maanchistar Yunaayitid Altaay Baayindir salphaamattti jalaa deebise.

Gareen Mikeel Arteettaa yaalii Deklaan Raayis fi Kayi Havertiz taasisaniin carraa mo'achuuf isaan dandeessisu bira ga'anii turan. Garuu jabina gooli eegaa Yunaayidiin hunduu milkii dhaban.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa ''kubbaawwan dhabne hunduu kan amanuuf nama rakkisanidha,'' jechuun tapha booda yaada kenne.

Mikeel Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Taphicha olaantummaa guddaadhaan mo'achuutu nurra ture. Garuu osoo mo'ichi nuuf maluu dorgommii waancaa keessaa baafamne,'' jedhe.

Tapha daqiiqaa 90 guutuu walqixa erga xumuranii booda daqiiqaa 30 dabalame keessattis Arsenaal ittistoota Yunaayitid cabsee seenee waan barbaadu argahcuu hin dandeenye.

Sababa kanatti dhumarratti kilaboota lameen rukuttaa adabbiin garagar baasuun dirqama ta'e.

Taphaan olaantummaa qabatee sa'atii lama caalaa dirree keessa kan ture Arsenaal dhumarratti mo'uu yookiin mo'amuusaa baruuf rukttaa adabbii shan qofa eeguuf dirqame.

Rukuttaa adabbii kanas taphataan Arsenaal Kayi Havertiz yoo dhabu, taphattoonni Yunaayitid shananuu galchaniiru. Haala kanaan Arsenaal dorgommii waancaa FA keessaa gaggeeffame.

Arsenaal waggoota dorgommii darban afur keessatti yeroo sadaffaaf marsaa sadaffaarratti dorgommii waancaa FA keessaa gaggeeffame.

Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Ruuban Amorim Muddee darbe gara Emireetis imaluun kan mo'ame yoo ta'u, amma garuu milkaa'ina argate kanaan kilabichi daran jabaatee waan deebi'e fakkaata.

Yunaayitid booddana akkaan fooyya'iinsa agarsiisaa jira. Duratti Maanchistar Siitii mo'ate. Dilbata darbe ammoo fiixee gabatee Piriimer Liigiirra kan jiru Liivarpuul waliin qixa ba'e.