Maan Yunaayitid mallattoo 'lubbuu horachuu' agarsiisaa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Namuu hin eegne, deeggartoonnis kana hin abdanne. Ogeessonni kubbaa miilaa xiinxalaniifi tilmaamanis akkasitti hin keenye.
Maanchester Yunaayitid Dilbata galgala gara dirree Liiverpuul Anfiild deemee 2 fi 2n walqixa bahuun isaa wanta hin eegamiintu ta'e.
Fakkeenyaaf, ogeessi kubbaa miilaa BBC Sport Kiriis Saatan Liiverpuul Maanchester Yunaayidiin 5 fi 0n mo'a jedhee tilmaamee ture.
Liiverpuul Piriimer Liigii dursaa jiraachuu qofa miti; bara kana yeroo goolii galchu ni sodaachisa, yeroo ittisus garee morkataaf qaawwa hin banu.
Maanchester Yunaayitid ammoo Liigicha keessatti sadarkaa 14 irra kann jiru yoo ta'u, seenaa isaa yeroo dhiyoo keessatti kilabiin kun akka kanaatti gadi bu'ee hin beeku.
Kana qofaa miti dhimmi waan hin eegamiinitu ta'e kann jechisiise. Kilaboonni kunneen lamaan waan caa Piriimer Liigiis ta'e Shaampiyoons Liigii mo'achuun milkaa'ina gurguddaa walitti dhyaate qabu waan ta'eef akka ‚masaanuutti' wal ilaalu.
Maanchester Yunaayitid erga Amajji 2016 goolii tokkittii Ruuniin galchee mo'ateen as Anfiild irratti mo'atee hin beeku.
Kana malees, Maanchester Yunaayitid taphoota shan darban gara dirree Liiverpuul deemee taphate keessaa tokkorrattiyyu gooliiyyu lakkoofsisee hin beeku.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isa dhumaa kan Maanchester Yunaayitid Liiverpuul irratti lakkoofsise bara 2018 ture.
Sadarkaa kanaafi rikkardii kana fakkaatuun ture Maanchester Yunaayitid Dilbata gara Liiverpuul deemuun tapha gaarii taphachuun 2 fi 2n walqixaan kann deebiye.
Leenjisaan Maanchester Yunaayitid haaraa dhufe Ruuban Amorim tapha kana dursee taphattoonni garee isaa "muddamaafi sodaa hamaa keessa jiru" jedhee ture.
Dhugaadha, gareen kun gahumsa yeroo kamiyyu gadi bu'aa ta'e keessatti waan argamuuf leenjisaa kanaafis yaaddoo guddaa ture.
Faallaa kanaan garuu gareen Ruuban Amorim miiraafi qaamaan cimanii argaman jedha barreessaan BBCSport Fiil Maakineeltii.
Tapha Dilbata ture kanaan maanchester Yunaatid osoo mo'ameera ta'ee erga bara 1979 as si'a afur walitti aansuun Liiverpuuliin mo'amee seenaasaa balleessa ture.
Tapha Anfiildirra ture kanarratti maanchester Yunaayitid daqiiqaa 52ffaa irratti goolii taphataan sarara ittisaa isaa Lisaandiroo Maartineez lakkoofsiseen dursuu jalqabee ture.
Daqiiqaa torbaan booda taphataan warra Liiverpuu Koodii Gaakpoo goolii lakkoofsiseef walqixa ta'an. Kun ta'ee daqiiqaa 20 booda ammoo Mohaammed Saalaah penaaliitiin goolii galchee Liiverpuul dursuu eegale.
Mohaammed Saalaah amma Piriimer Liigii keessatti gooliiwwan 175 lakkoofsisuun taphataa duraanii Arsenaal Teerii Heneriin qixxaateera.
Maanchester Yunaayitid akka tilmaamame hamileen isaan yaaddessaa hin turre. Durfamaa osoo jiraniillee harka hin kennanne.
Diyaaloo Amad akkuma yeroo kaanii Maanheef oolmaa hin dagatamne oole. Taphni Liiverpuul 2 Maanchester Yunaayitid 1n xumuramuuf daqiiqaa 10 yeroo hafu kubbaa manii warra Liiverpuul keessa buuse. Kanaan walqixa bahuun qabxiitokko argatanii, hamilee ammoo daran cimanii qe'eetti dacha'an.
Taphni dhumuuf sekendiiwwan yeroo hafutti ammoo taatee 'utuu' nama jechisiistu tokkotu ta'ee ture.
Taphataan sarara ittisaa maanchester Yunaayitid Harii Maaguweer kubbaa mijooftuu goolii ta'uu dandeessu tokko kann jijjiiramee gale Zirkizeerraa argatee itti hin fayyadamiin hafe.
Kanaaf, maanchester Yunaayitid 'lama nama dubbachiiseera'. Namni hunduu Liiverpuul akka Maanchester Yunaayitid mo'urratti waliigalanii ture. Wanti namoonni jechaafi gaafachaa turan 'goolii meeqaan mo'a? 'kann jedhudha malee mo'uu isaarratti shakkii hin qaban ture.
Barreessaan BBCSport Fiil wanti eegame hin taane jedha. Maanchester Yunaayitid Anfiild irratti gahumsa gaarii agarsiisuun mallattoo deebiyee 'lubbuu horachuu' agarsiisaa jira jedheera barreessaan kun.
Amma namoonni leenjisaa haaraa Ruuban Amorim irratti abdii horachuu jalqabaniiru.
Amorim 'Maanchester Yunaayitid' carraan Piriimer Liigii keessaa sadarkaa gadiitti bu'uu isa mudachuu danda'aa'? jedhamee BBCn gaafatamee, "hin ta'u jechuu hin dandeenyu' jechuun soda qabu dubbatee ture.
Yaaddoo gareen isaa kun keessa jiru akkuma jirutti ta'ee, Amorim Maanchester Yunaayitid fi deeggartoota kilabichaatiif yeroon gaarii ni dhufa jedheera.
"Ani hangan danda'e nan hojjedha. Kilabicha gargaaruudhaaf waanan gochuu danda'u hin hambifadhu. Akkasiin ammoo milkaa'uu ni dandeenya. Yeroo kana keessatti rakkoo gahumsaa kilabichi keessa jiru hubachuuf rakkisaadha, garuu ammoo milkaa'uuf jirra," jedhe.
Maanchester Yunaayitid tapha Liiverpuul waliin taphaterratti gahumsa taphattoonnisaa Maanu'el Ugaartee, Biruunoo Ferenaandeeziifi Koobii Maayinoo agarsiisan dinqisiifatameera.
Faallaa kanaatiin gara kilaba ispeen-Riyaal maadiriid deeme jedhamee odeeffamaa kann jiru taphataan sarara ittisaa Liiverpuul Tireent aleksaandar-arnoold hedduu qeeqameera.
Liiverpuul taphni tokko osoo isa hafuu Piriimer Liigii qabxii ja;aan Arsenaal dursuun 46 qabatee dursaa jira.
Arsenaal ammoo qabxii 40n sadarkaa lamaffaarra jira. Har'a galgala kann taphatu Notingihaam Forest ammoo qabxii 37n sadarkaa sadaffaarratti argama.
Shaamiyoonaan bara darbee Maanchester Siitiin ammoo qabxii 34 sassaabbatee sadarkaa ffaa irratti argama.












