Liyooneel Mesii fi Hilaarii Kilintan Medaaliyaa Kabajaa Bilisummaa argatan

Madda suuraa, Reuters
Bara Gadaa isaa fixachaa kan jiru pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden taphataa kubbaa miilaa Arjentiinaa Liyooneel Mesii fi Hilaarii Kilintaniif badhaasa Medaaliyaa Kabajaa Bilisummaa kennan.
Weellisaa Boonoo fi Biliyeenara kan ta'e Joorj Sooros akkuma kana namoota pirezidaanticharraa Medaaliyaa Kabajaa badhaafaman keessaati.
Ministirri dhimma alaa duraanii Ameerikaa Hilaarii Kilinten, taatoon beekamaa Deenzeel Waashingiten fi Maayikel J Fooks sirna Waayit Hawusitti turerratti argamanii medaaliyaa fudhataniiru.
Walumaagalatti namoonni 19 aadaa, siyaasaafi hojii dhugaaf falmuu keessa tajaajilan medaaliyaan kennameeraaf.
Waayit Hawus akka ibsetti, namoonni medaaliyaan kennameef "qajeeloo warra ta'aniifi biyyasaaniif, akkasumas addunyaatiif hojii qajeelaa warra hojjetanidha," jedheera.
Itti-dabaluun namoota badhaasni kun kennameef, "badhaadhina, duudhaa, akkasumas nagaa Yunaayitid Isteetiifi addunyaatiif gahee warra gumaachanidha," jedheera Waayit Haawus.
Taphataan Kilaba Inter Maayaamii Liiyooneel Mesii namoota medaaliyaan kabajaa kennameef keessaa tokko ta'us garuu bakka sanatti hin argamne.
Haata'u malee, karaa bakka bu'aa isaatiin ergaa ergeen "badhaasa argate kanaan kabaja guddaan akka itti dhaga'ame" dubbachuun bakka sanatti qaamaan ofiisaa argamuu dhabuusaatiin dhiifama gaafateera.
Liyoneel Mesiin eenyu? Ijoollummaa hanga mootii kubbaa miilaa addunyaatti.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kubbaa miilaatiin taphataa baayyee filatamaa kan ta'e hanga har'aa umuriin isaa waggaa 37 gahutti badhaasa Balaandoorii saddet, akkasumas taphataa filatamaa FIFA saddet argachuun nama addaa ta'eera.
Waayit Haawus Mesii ilaalchisuun ibsa baaseen, "Mesiin gama fayyaafi barnootaatiin guutummaa addunyaarratti karaa Liyoo Mesii Faawondeeshiniitiin tajaajila kennaa jira.
Ambaasaaddar tola-ooltummaa UNICEF ta'ees tajaajilaa jira jedheera.
Baayiden osoo aangoorraa hin bu'iin dura Ameerikaatti badhaasa kabajaa guddaa sivilootaaf kennamu yeroo kennetti haasaa taasiseen badhaafamtootaafi kabaja qabuufi galata dhiyeesseeraaf.
Hilaarii Kilintaniifi Liyooneel Mesii dabalatee taphataan duraanii kubbaa Kachoo kilaba Loos Anjeles Leekars Maajik Joonsan badhaasicha fudhateera.
Badhaasni medaaliyaa bara pirezidant Joon F Kenedii hundeeffame kun eeruu pirezidaantichaafi karaa gorsitoota walabaatiin kan kennamudha.
Kanaan dura Jiminaastii Ameerikaa kan taate Simoon Baayils, badhaafamaan Oskaarii Miishel Yewooh, akkasumas hundeessaan Aplle Istiiv Joobs badhaasa kana argataniiru.












