"Jireenya koo keessatti penaaliitii akka kanaa argee hin beeku" – Mikeel Arteettaa

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan tapha Sanbata galgala Biraayiten waliin taphaterratti bu'aa argateeen gammadaa hin fakkaatu. Haalli ture " kan bitaa namatti galudha" jedhe Arteettaan.

Arsenaal gara dirree Biraayiten deemuun goolii 1 fi 1n walqixaan xumuree deebiye.

Yeroo ammaa kana Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti sadarkaa lamaffaarra kan jiru Arsenaal, tapha Biraayiten waliin turerratti tapha boqonnaa duraarratti taphataan ol adeemaa umuriin isaa wagga 17 ta'e Etaan Niwaaneerii lakkoofsiseen dursaa turaniiru.

Kanaanis qabxii sadan barbaadan qabatanii bahuudhaaf osoo jiranii yakka taphataan sarara ittisaa Arsenaal Wiliyaam Saliibaa jifataa Biraayiten Jaawoo Peediroo irratti raawwateen daanyaan guyyichaa Biraayiteniin penaaliitii kenneef.

Pediroon ammoo penaaliitii kanaan goolii tokko argatee gareen lamaan qabxii qiiddatanii bahu danda'aniiru.

"Murtee kanname kanaan hedduu aarree jirra. Ani [penaaliitii] akka kanaa jireenya koo keessatti argee hin beeku," jechuun BBC Sport'tti hime Mikeel Arteettaa,.

"[Saliibaan] kubbaa sana tuqeera. Waan baayyee bitaa namatti galudha. Ani baran kubbaa miilaa keessatti dabarse keessatti wanti akkasii ana mudatee hin beeku. Taphattoota kiyya yeroon gaafdhus wanti akkasii akka isaan mudatee hin beekne dubbatan. Waan haaraa ta'a."

Leenjisaan lammii Ispeen Mikeel Arteettaan murtee daanyaa Antoonii Teeler kenneen gammadaa ta'uu baatus leenjisaan Biraayiten Faabiyaan Hurziler garuu murteen sun sirriidha jedha.

"Penaaliitii ifa ta'edha. Mataatiin walitti bu'an," jechuun yaada isaa kenne laanjisaan lammii Jarmanii kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arsenaal tapha boqonnaa duraatiin ture goolii lakkoofsifatee kan ture.

Boqonnaan booda goolii ittiin Arsenaal waliin walqixa ta'an argachuuf cimanii taphataa kan turan warri Biraayiten, Jaawoo Pediroo balbala karra Arsenaal keessatti kubbaa mataan yeroo rukkutetti ture kan Saliibaa waliin walitti bu'e.

Daanyaanis sekondii muraasaa erga fudhateen booda penaaliitii Biraayiteniif kenneera.

VAR ammoo haala ture erga qorateen booda murtee daanyaa sanaan waliigaleera.

Taphaan boodas murteen ture sun falmisiisaa ta'ee itti fufeera. Xiinxaltoonni baayyeen lamatti qoodamanii irratti yeroo dubbatan argamaa jiru.

BBC Match of the Day kan dhiyeessu Gaarii Liniikar "mataan walitti bu'amee penaaliitii kennamu argee hin beeku," jedheera.

Arsenaal penaalitiin Biraayiteniif kenname nuuf hin galu jedhus garuu xiinxaltoonni baayyeen Arsenaaliif qabxii walqixaan ol hin maluuf jedhuun falmu.

Taphataan ol adeemaa waggaa 17 Etaan Niwaaneerii Liigicha keessatti goolii isaa lamaffaa lakkoofsiseera.

Osoo umuriin isaa waggaa 18 hin guutiin goolii lama lakkofosiseen sadarkaa ja'affaa qabateera.

Waayinii Ruuniin osoo umuriin isaa waggaa 18 hin guutuun goolii ja'a lakkoofsisuun sadarkaa tokkoffaa qabateera.

Arsenaal taphoota 20 taphateen qabxii 40 qabatee sadarkaa lamaffaarratti argama. Taphni lama ammallee osoo isa hafuu Piriimer Liigii dursaa kan jiru Liiverpuul ammoo Dilbata har'aa galgala Maanchester Yunaayitid dirreesaarratti simatee keessummeessa.

Liiverpuul taphooota 18 taphateen qabxii 45 sassaabbatee dursaa jira.

Taphoota Sanbata kaleessa abirootiin Tootenhaam dirreesaarratti Niwukasiliin 2 fi 1n mo'ameera.

Maanchester Siitiin ammoo Weest Haamiin 4 fi 1n adabe gara miira mo'achuusaatti deebiyuuf karaa jalqabeera. Chesliin ammoo Kiristaal Palaas waliin akkuma ogeessi kubbaa miilaa BBC Sport Kiriis Saatan tilmaametti 1 fi 1n walqixa bahaniiru.

Aston Viilaa, Bornmaaziifi Birentifoordis mo'ataniiru.

Taphni guddaan Dibata har'aa eegamu ammoo Anfiild irratti kan Liiverpuul fi Maanchester Yunaayitid taasisanidha. Tapha kana dursee ammoo Fuulhaam Ipsiwiich simatee keessumeessa.