Gaaffiiwwan ijoo Sa'udiin Waancaa Addunyaa 2034 qopheessuurratti ka'an maali?

Madda suuraa, Saudi 2034
Federeeshiniin kubbaa miilaa Addunyaa FIFA'n Sa'ud Arabiyaan Waancaa Addunyaa dhiirotaa bara 2034 akka keessummeessitu mirkaneessuun isaa seenaa kubbaa miilaa keessatti tarkaanfii guddaadhaa jadhamullee, biyyattiin qabiinsa mirga namoomaa fi naannawaa irratti qeeqni muudateera.
Ta'ullee biyyattiin invastimantii ispoortii kanaan dura mul'atee hin beekne taasisaa jirti.
Dorgommiin kun maqaa Sa'uudii Arabiyaa jijjiiruuf moo haaromsa hawaasummaa isheef kakaasuuf ta'uu danda'aa kan jedhu fi taateen kun waa'ee FIFA fi kubbaa miilaa bal'inaan maal hima kan jedhurratti gabaasa qophaa'edha.
Qeeqni murtee kana booda maaf jabaate?
Murteen kun kan murtaa'e walgahii koongireesii FIFA kan waggaa tokkoo oliif sirnaan qorataa ture boodadha.
Awustiraaliyaan Onkoloolessa bara 2023 dorgommii kana keessaa bahuu hordofee, Sa'uudiidhan kan mormu akka hin jirre ifa ta'e.
FIFA'n komiin murticha irratti ka'u baatii tokkoo gaditti akka ta'u eeruun, sun garuu hangas mara murtee jijjiirsisuu irratti bu'aa akka hin qabne akeekkachiisera.
Murtee adeemsa iftoominaa fi itti gaafatamummaa hin qabnedha yaada jedhus Federeeshinichi kuffisera
Waancaa addunyaa bara 2030 ardiilee sadii (Ispeen, Poorchugaal fi Morookoo)waliin kan qopheessan yoo ta'u, taphootni sadan jalqabaa Ameerikaa Kibbaatti gaggeeffamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kun dorggommii waancaa addunyaa bara 2034 Sa'udiidhaaf karaa kan bane yoo ta'u, qopheessumma waancaa addunyaa bara 2034'f kan dorgoman Eeshiyaa fi Ooshiiniyaa qofa.
Sa'uudii pirezidaantii FIFA, Jiyaanii Infaantiinoo waliin walitti dhufeenya cimaa kan qabdu yoo ta'u, biyyattiin waancaa addunyaa kilaboota FIFA bara 2023 qopheessiteetti.
Fifa'n dhaabbata boba'aa mootummaa Sa'uudii Aramco waliin waliigaltee ispoonsara guddaa qabu.
Murteen kun faayidaa ispoonsaraa kan giddu galeessa godhate malee biyya eegumsa mirga namoomaa fi kunuunsa naannoon yaddoo guddaa keessaa jirtuf murteessuun sirrii akka hin taane qeeqaa garaa garaa kaaseera.
Akka qeeqxonni jedhanitti waancaa addunyaa Sa'uudii Arabiyaan seenaa FIFA keessatti gocha seeraan alaa ispoortii guddaa ta'uu isaa eeraniiru.
Biyyatti keessatti dhiittaa mirga namoomaa, cunqursaa dubartootaa, hariiroo saala walfakkaataa yakka taasisuu, bilisummaa dubbii dhorkuu fi adabbii du'aa, akkasumas waldhabdee Yaman keessatti hirmaachuu irraa kan ka'e qeeqni kun jabaachutu himame.
Tarkaanfiin kun kan itti fufee yoo ta'u, Sa'uudii Arabiyaan bara 2023tti hidhamtoota murtiin ajjechaa itti murtaa'e heddu ajjeeftetti. Bara kanas gara namoonni dhibba sadii ajjeefamaniiru.
Gareen duula filannoo Reprieve jedhamu, Biyyattiin mootummoota abbaa irree addunyaa gara jabeeyyii ta'an keessaa tokko jechuun, maqaa gaarii isaanii olkaasuufi ukkaamsaaf sarbama jiru dhoksuuf mallaqa guddaan baasu jedhe.
Qondaaltonni Sa'uudii akka jedhanitti, Waancaan Addunyaa kun diinagdee guddisuu, turizimii guddisuu fi ummanni keessumaa dargaggoota kakaasuuf akkasumallee egeree fooyya'aa uumuuf kan gargaaran ta'uu ibsaniiru
Biyyoonni biroo maal jedhan?
Federeeshiniin kubbaa miilaa Noorweey waancaa addunyaa bara 2034 Sa'uudii Arabiyaatti akka gaggeeffamuu murtaa'uun Amantaa FIFA irraa qabu qormaata keessa kan galchudha jedhe.
Itti dabaluudhaanis qajeelfamni qorannoo sirrii FIFA'n baase irrtii yaaddoo qabaachuu ibsuun, ''balaa sarbama mirga namoomaa biyyatti keessatti dabaleera'' jedhe.
Federeeshiniiwwan biroo hundi injifannoo Sa'uudii kana kan deeggaran yoo ta'u, biyyoota Awurooppaa keessaa muraasni yaaddoo isaanii ibsaniiru
FIFA'n deeggartoonni LGBTQ+ waancaa addunyaa bara 2034 irratti akka eeyyamamu mirkaneeffachuu ibsus biyyootni tokko tokko sodaa qaban ibsaniiru
Federeeshiniiwwan kubbaa miilaa Biriteenis sababoota kanaaf kanneen biroof FIFA waliin wal dhabbii qabaachuu akka malan tilmaamni kennameera.
Dhaabbileen mirga namoomaa gabaasa sarbama mirgaa Saawudii keessatti rawwaatamu ibsuun FIFA'n murtee isaa irra deebi'ee akka ilaalu gaafataa jiru.

Waancaan Addunyaa Sa'udii maal fakkaata?
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Sa'uudii waancaa addunyaa "haala addaa" ta'een qopheessuuf magaalota shan keessatti istaadiyeemii 15 qopheessuf karoorfatteerti.
Kuwaatar bara 2022 istaadiyeemii haaraa torba ijaartee turte. Saa'udiin ammoo istaadiyeemii 11 ijaaruun 4 dabalataan haaromsaa jirti. Walumaagalatti taphoota 64 tu Kuwater keessatti kan taphatamaan yoo ta'u, Waancaa Addunyaa bara 2034 garuu taphoota 104 waan taphatuuf dhiibbaan naannoo irratti geessisu olaanaa ta'a.
Gabaasni madaallii FIFA's Istaadiyeemii dinqisiisaa bu'uuraalee misoomaa ammayyaa dhiyeessuu danda'an kan ibsudha.
Waancaan Addunyaa kun waqtii qorraatti kan gaggeeffamu yoo ta'u, haala qilleensaa fi taateewwan ayyaana amantaa hawaasaa kabajamu waliin walirra bu'uun dhiphina uumuu danda'a jedhamees sodaatama
Piriimiyerliigii fi liigoonni Awurooppaa olaanoo biroos waancaa addunyaa waqtii qorraa ni mormu, sababiin isaas dorgommiiwwan kilaboota Awurooppaa babal'achuun waancaa addunyaa gara dorgommii gareewwan 48'tti guddisuun guyyaa taphaa duraanuu dhiphaa ta'e caalatti jeeqa.
Waancaa Addunyaa Sa'uudiin akka qopheessitu murtaa'uun humna ispoortii biyyattii guddachuu fi addaa addummaa qopheessummaa Isportii keessatti mul'atuuf tarkaanfii guddaa ta'ee ilaalama.
Bara 2021 irraa eegalee, Mootiin Gonfoo Saa'udii Foormulaa 1, tapha xumuraa waancaa Ispeen fi Xaaliyaanii, waancaa addunyaa Kilaboota, fi ispoortii sadarkaa olaanaa dabalatee taateewwan hedduu keessummeessuuf mallaqa biliyoonaan invast godheera.
Fandiin Invastimantii Mootummaas tapha goolfii LIV jalqabee, kilaboota Sa'udii Liigii afur dabalatee Niwukaastil Yunaayitid bite.
Sa'uudii Arabiyaan federeeshiniiwwan kubbaa miilaa waliin waliigaltee fi ispoonsaraa 900 ol mallatteessitee dhiibbaa ishee haala ispoortii hunda irratti babal'isuu ragaaleen kan mul'isan
Garuu waancaa addunyaa qopheessuun warraaqsa ispoortii Sa'uudii sadarkaa guutummaatti adda ta'etti kan geessu yoo ta'u, tarii gara fuulduraatti dorgommii Olompikiidhaaf illee karaa saaqa.
Sa'udiin bara 2034 jijjiirama akkami fiddi?
Kuwatar bara 2010 waancaa addunyaa qopheessuun ishee fi falmiin mirga namoomaa, seera loogii fi kalaandarii kubbaa miilaa irratti uumame bara 2034tti Sa'udii Arabiyaa keessatti irra deebi'amee falmisiisaa ta'uu danda'a.
Imaammanni mirga namoomaa FIFA bara 2017 murtee kana irratti qorannoon akka dabalu fi ragaan dhiibbaa hamaa hojjettoota irratti mul'atu kamiyyuu irratti qorannoon akka dabalu taasisuu danda'a.
Murteen waancaa addunyaa Sa'uudii hojjettoota godaantota Eeshiyaa Kibbaa irraa dhufaniin ijaaraman, dhiibbaa dorgommiin kun hojjettoota irratti qabu yaaddoo uumera
Gabaasni FIFA mataan isaa bara 2010 hanga 2022tti Kuwatar keessatti dhiibbaan mirga namoomaa hamaan akka ajjeechaa, dararaa, hidhaa, mindaan ji'ootaaf hin kaffalamiin, fi liqaa guddaa dabalatee akka ture ibseera.
Qorannoon amma Saa'uditti taasifamus haaromsa mirga hojjettootaa fiduu danda'a, garuu duula kan taasisan hojiirra oolmaa fi FIFA'n hojjettoota miidhamaniif beenyaa maallaqaa kaffaluu dhabuu isaa irratti yaaddoo qaban kaasaniiru.
Gabaasni madaallii FIFA Sa'uudiiN haalawwan hojii haqa qabeessa hin taane ittisuuf haaromsi seeraa dabalataa fi raawwii bu'a qabeessa ta'e barbaachisu ibsa.
Aministii Internaashinaal akka ibsutti, yeroo waancaa addunyaa bara 2034 gaggeeffamu irratti faayidaa, loogii fi cunqursaa ittisuuf haaromsi mirga namoomaa bu'uuraa Sa'uudii Arabiyaa keessatti barbaachisaadha.

Kun waa'ee ispoortii maal nutti hima?
Waancaan Addunyaa bara 2034 Sa'uud Arabiyaan qopheessitu humni fi fedhiin ispoortii haala adda ta'e gara Baha Giddugaleessaatti jijjiiramuu isaa agarsiisa.
Hanga yeroo dhiyootti yaadni Kuwaatar xiqqoo fi ollaan ishee Sa'uudii Arabiyaan waggoota 12 gidduutti waancaa addunyaa keessummeessuu jedhu namoota hedduu biratti waan hin yaadamne ture.
Garuu qabeenyi fi qaamotni ispoortii biyyoota kanaa guddina faayinaansii fi gabaa haaraaf fedhii yoo qabaatan sun amma ta'a.
Sa'udiin waggoota dhiyoo asitti dorgommii guddaa ispoortii falmisiisaa ta'e kana kan keessummeessituu ta'uu ishee agarsiisa.
Waggoota kurnan lamaan darban Raashiyaan waancaa addunyaa fi Olompikii kan keessummeessite yoo ta'u, Chaayinaan ammoo Olompikii waqtii Gannaa fi Bonaa keessummeessiteerti.
Bara 2030 waancaa addunyaa gareen kan keessummeessitu Morookoonis akkuma Kuwater hariiroon saala walfakkaataa kan hin eeyyamnee fi seeraan ala ta'uu ibsiteetti.
Akkasumas ogeeyyiin naannoo waancaa addunyaa bara 2030 ardiilee sadii irratti gaggeeffamaa jiru irratti gadda isaanii ibsaniiru.
Aministii Internaashinaal dhiheenya kana waancaa addunyaa bara 2026 keessummeessituu Ameerikaa keessatti waa'ee mirga namoomaa yaaddoo kaasuun isaa ni yaadatama.
Murteen FIFA kun akkuma kun biyyattiin mirga namoomaa akka foyyeessitu fulduratti tarkaanfachiisamoo biyya akkasii keessatti qophaa'uun isaa itti gaafatamaa kubbaa miilaa addunyaatiif qabxii gadi aana ta'ee darba kan jedhu kan fuulduratti ilaalamu ta'a.












