Saalaan taphoota Awurooppaarratti goolii 50ffaa isaa Liivarpuuliif galchuun kan gita hin qabne ta'e

Madda suuraa, Getty Images
Liivarpuuliin osoo Mohammad Saalaa jiruu eenyullee qabee dhaabuu hin dandeenye. Guyyaa biraa, goolii Saalaa, mo'icha.
Taphataan sarara fuulduraa lammii Masrii kun bara dorgommii waancaa chaampiyoonsi liigii baranaa irratti hanga ammaa goolii sadi galcheera. Taphoota hunda, 31, irratti ammoo goolii 22 galcheera.
Kana malees gooliiwwan 17 taphattoonni gareesaa kaan galchan isatu mijeessee kenneef.
Waliigalatti gooliiwwan 39 keessaa hirmaannaa guddaa qabaachuun taphattoota kilaboota gurguddoo Awurooppaa shan keessaa kan gita hin qabne ta'eera.
Tapha torbaffaa dorgommii Chaampiyoonsi Liigii Kibxata galgala Liil waliin taphatanirratti gooliin inni galche gamanumaan kilabichi osoo taphi tokko hafuu 16 keessa galuusaa akka mirkaneeffatu taasiseera.
Dorgommii Awurooppaarratti Liivarpuuliif goolii 50ffaa isaati. Gooliiwwan 44 dorgommii Chaampiyoonsi Liigiirratti, shan dorgommii Liigii Awurooppaa bara darbeerratti, tokko ammoo dorgommii Chaampiyoonsi Liigii marsaa itti aanutti darbuuf kan galcheedha.
Goolii amma Liil irratti galcheen dorgommiiwwan Awurooppaa irratti taphataa kamuu caalaa nama goolii galche ta'eera.
Anfiildi qofarratti ammoo hanga ammaa goolii 20 galcheera.
Garee kubbaa miillaa Ingilaand keessaa dirree tokkorratti Mohaammad Saalaa caalaa goolii kan galchan jifataa Maanchistar Siitii Sarjiyoo Aguweeroo (Itihaad irratti goolii 23) fi taphataa sarara fuulduraa Maanchistar Yunaayitid kan ture Ruud Vaan Nistirooy (Old Trafford irratti goolii 23) qofa.
Ittisaan duraanii Liivarpuul Istiifan Waarnook ''yeroo hunda fuula Saalaa irraa kolfaa fi gammachuu hin dhabdu. Garuu ofitti amanummaan keessa isaa waan jiruuf goolii galcha,'' jechuun jaje.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Kanatu dirree keessatti cimaa fi hamaa isa taasisa. Taphattoonni akkasaa kun bilchina sammuu fi qaamaa gadi fagoo qabu.''
Mohammad Saalaa bara dorgommii kanas taphoota Anfiild irratti taphate 15 irratti gooliiwwan galan 18 keessaa qooda guddaa qaba. Goolii 10 ofiif galche, saddeet ammoo mijeessee kenne.
''Taphataa sirriitti Liivarpuuliif ta'eedha. Waan hundaan walsimeera,'' jedhe jifataan duraanii Reds Roobii Faawular.
''Yeroo hundaa mo'ataadha. Fuuldurri ammoo isaaf ta'eera. Yoo carraan tokko isa jala darbe abdii kutee taphataa dhaabatu miti. Hamileedhaan taphatee inuma galcha,'' jechuun jaje taphataan duraanii kun.
Mohammad Saalaa Amazon Prime irratti akkas jedhe: ''Isa dhumaa akka hin taane abdiin qaba. Garuu baayyeen ittiin boona. Tapha dura garuu hagas mara xiyyeefffadhee hin turre.''
Turtii taphataan umrii waggaa 32 Liivarpuul keessatti qabaachuu danda'u erga ijoo dubbii ta'ee bubbuleera.
Kontiraati isaa bara kana dhumarratti obba'a. Garuu hanga yoonaa kilabichi waa'e kontiraatasaa itti fufsiisuu waan jedhe hin qabu.
Dhuma ji'a Mudde darbeerratti Mohammad Saalaa waliigalteen akkaan fagoo jira, ittiyyuu hin dhihaanne jedhee ture.
Taphataan sarara fuulduraa duraanii Liivarpuul Luwiis Gaarshiyaa ammoo haalli kontiraatasaa waliin walqabatee jiru taphaticharratti dhiibbaa uume hin qabu jedhe.
''Akka ba'uu barbaadu gonkumaa dubbatee hin beeku,'' jedhe Luwiis Gaarshiyaa Amazon Prime irratti.
''Kilabichi gonkumaa taphatichi ba'aa jira jedhee hin dubbanne. Yeroo kennaafii waan jiran fakkaata. Inni torbee gara torbeetti bu'aa buusaa jira. Goolii galchaa jira. Kanaafuu haalli kontiraataa waan isa miidhe hinqabu.''

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












