Itoophiyaatti daddabarsa maallaqaa karaa dijitaalaa bal’achaa jiruufi taarifa haaraa maamilootatti gaaffii uume

Madda suuraa, Getty Images
Bittaa gurgurtaa akkasumas maallaqa nama tokkorraa gara nama biraatti dabarsuuf malli dijitaalaa addunyaa irratti waan bubbule ta’ulleen Itoophiyaatti tajaajilichi guddachuu kan eegale waggoota lamaan asitti.
Keessumaa Tajaajilli dhaabbatni Itiyoo Telekoom jalqabsiisee fi ‘Telebirr’ jedhamuun beekamu Itoophiyaatti mala Dijitaalaa maamiloota hedduu daddabarsa Birrii Noottii irraa bilisa ta’e jalqabsiisuun adda durummaan kan eeramuudha.
Mootummaanis malli daddabarsa karaa dijitaalaa kuni akka babal’atuuf seerota dirqamsiisan hojiirra oolchaa jira.
Isaan keessaa konkolaachistoonni yeroo boba’a guutan kaffaltiin guutumatti karaa Telebirr qofaan akka ta’uu fi kaffaltiiwwan mootummaa adda addaas karaa kanaan qofa akka raawwatamu ta’eera.
'Gatii daddabarsaa dachaan dabale'
Jiraattuu magaala Finfinnee kan taatee fi maqaan ishee akka hin ibsamne kan gaafatte tokko yaada BBC’f kenniteen tajaajilli daddabarsa maallaqaa karaa dijitaalaa kuni erga eegalamee baasii fi yeroo qaamaan baankii deemuuf gaafatu akka hambiseef dubbatti.
“Ani amma fakkeenyaaf waajjira tokko keessan hojjedha. Sa’aatiin barbaade bahee baankii deemee maallaqa baasee waanin kaffaluu barbaadu qaaman deemee kanfaluun narakkisa. Erga tajaajilli karaa dijitaalaa kuni jalqabee baayyuma jireenya nuuf salphiseera” jetti.
Tajaajilli karaa dijitaalaa akka ‘Mobile banking’ fi ‘Internet Banking’ kuni baankileen tokko tokko tajaajilichaaf maallaqa gadi aanaa kan kaffalchiisaa turan jiraatanis kaan ammoo bilisumaan daddabarsuu kan dandeessisanis turaniiru.
Yeroo torbee lamaan asitti garuu Baankileen hundinuu tajaajila karaa dijitaalaatiin kennan kanarratti gibiraa fi VAT kaffalchiisuu jalqabuun baasii dabalataa akka ishee gaafates himiti.
“Duraan toluma akkaawuntii tokkkorraa kan biraatti dabarsina ture. Yeroo dhihoo asitti garuu sababasaa hin beeku malee yeroon tajaajila kana fayyadamee xumuru maallaqa dabalataa akka narraa kute ergaa gabaabaa naadhufurraa argaan jira” jetti.
Ogeessa Dinagdee fi maamila tajaajila Baankii dijitaalaa ta’uu kan himan Obbo Asfaaw Mul’ataa gamasaaniin, mootummaan baankileen tajaajila kennan kamirrattii VAT dhibbeentaa 15 akka dabalan waan godheef maamilli tajaajila kanaa kaffaltii dabalataa akka gaafatamu ta’eera jedhu.
Mootummaas ta’e dhaabbileen baankii hawaasni tajajaila baankingii karaa dijitaalaa kana akka baruuf jajjabeessuun waan gaarii ta’us, kaffaltiin dabalataa jalqabamuun dura maamilli beeksifamuu qaba ture jedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Kaffaltiin dhaabbilee mootummaa fi boba’aa karaa dijitaalaa qofa akka ta’u gochuun lakkoofsa fayyadamtootaa hedduu dabaleera. Amma moobaayilli keenya baankii keenya ta’eera. Waan bituu fi kanfaluu barbaaddu bilbiluma keetin fixatta”jedhu.
Tajaajilawwan kennaman irratti gibirri VAT dhibbeentaan 15 dabaluun garuu fedhii fi karoora imala gara dijitaalaa godhamaa jiru kanarratti dhiibbaa fiduu malus himu.
“Fakkeenyaaf birri 100 yeroo dabarsitu gibira birrii 2 kanfalta osoo ta’ee amma kan dabalame dhibbeentaa 15 birrii lamaati jechuudha. Kunimmoo hammuma maallaqni ati daddabarsite dabalu olguddachaa deema”
“Namni baasii dabalataa akka baasu taasisa. Fakkeenyaaf, namni tokko moobaayilaan birrii hamma ta’e tokko dabarsuuf kaffaltii birrii 160 kan gaafatamu osoo ta’ee kana kanfaluurra qaaman baankii deemee maallaqa dabarsuu filata. Kunimmoo imala gara dijitaalaa sanaan wal faallessa” jedhu.
Obbo Marid Tulluu ammoo ogeessa indastirii baankii fi xiinxalaa dinagdeeti. Akka isaan jedhanitti, kaffaltiin tibbana fayyadamtoonni tajaajila baankingii dijitaalaa kaasan kallattii mootummaan taarifa tajaajila kennamuu dabalerraa kan madde jedhu.
“Mootummaan tajaajila kennitan kamirrattiyyuu, galii guurrattan kamirraayyuu VAT dhibbeentaa 15 naaf galchaa kan jedhu qajeelfamni baankilee hundaaf kenname. Baankileen kaffaltii tajaajilaa kennanirratti dhibbeentaa amma jedhame kana dabalanii maamila kaffalchiisu” jedhu.
Ammaan dura tajaajila baankingii karaa dijitaalaa kana barsiisuu fi jajjabeessuuf jecha Baankii Daldala Itoophiyaa dabalatee baankileen hundi tajaajila gosa kana tolaan maamilootaaf kennaa turuus himu.
“Maallaqa erguu, baankii tokkorraa kan biraatti erguu, herreega ofii ilaaluuf kanfalchiisuun hin turre. Ammalleen taanaan kaffaltiin tajaajilaa baankonni biyya keenyaa kanfalchiisan baayyee xiqqaa kan jedhamudha” jedhu.
Baankilee ilaalchisee poolisiin amma dura ture waan jijjiiramee fi galii maddisiisuu, madda galii isaanii baay’isuu kan dirqamsiisu waan ta’eef, baankileen tajaajiloota tola kennaa turan amma galii maddisiisuu qabna jedhanii hojjechuu waan jalqabaniif akka ta’e himu.
“Tajaajilli dijitaalaa maamilli fayyadamu kuni tolaan hin dhufu. Teeknolojiiwwanii fi sooftiweeriiwwan doolaaraani kan bitaman. Amma dura tola kan ture kisaaradhaan lammiileen gara dijitaalaa dhufuu qabu yaada jedhuuni,” jedhu.
Ammatti baankileen madda galiisaanii guddisuuf kaffaltiin tajaajilaa kanfalchiisan baankilee gidduu garagarummaa kan qabu akka ta’e kan himan ogeessi baankii kuni. Daballiin amma tajaajila Dijitaalaa irratti taasifame kuni garuu baankilee hunda kan ilaalatu jedhu.
Tajaajilli baankii karaa dijitaalaa Itoophiyaatti erga eegalamee gara waggaa kudhanii akka lakkoofsisee fi amma gara maamila hedduu horachuurra gahuus himu.












