Mariin Itoophiyaafi Somaaliyaa Turkitti gaggeefamaa ture waliigaltee malee xumurame

Madda suuraa, Türkiye Cumhuriyeti Dışişleri Bakanlığı
Mariin marsaa lammataa muddama Itoophiyaafi Somaaliyaa furuuf kaayyeffatte guyyaa Wiixataa jaarsummaa Turkiin Ankaaraatti gaggeefamaa ture waliigaltee malee xumurame.
Guyyaa Wiixataa Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakan Fidaan Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaafi kan Somaaliyaa akkuma marsaa duraa qofa qofaatti waliin dubbataa turan.
Ministirri Haajaa Alaa Turk Hakan Fidaan ibsa waloo aanga'oota Itoophiyaa fi Somaaliyaa waliin kennaniin mariin marsaa lammataa dhimmoota mariirratti walitti dhiyaachuun irratti mula'tee goolabamuu himan. Marii marsaa sadaffaafis beellamni qabamuu dubbatan.
''Marsaa sadaffaa Fulbaana 17 akka gaggeefamu, milkaahinaan xumurama jedheen abdadha'' jedhan.
''Yaadota marii gariin irratti walitti dhiyaachuun waan jiruuf adeemsa mariirratti foyya'iinsi gaariin jira'' jedhan.
Garaagartumma aejjannoo biyyoota lamaan gidduu jiru haala faayidaa biyyoota lamaaniifi naannichaa eeguun dhiphisuun waliigalteetti fiduuf akka hojjetanis dubbatan.
''Walta'iinsaan furmaata ijaaraa bira hahuu ni dandeenya'' jedhan.
Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Taayyee Asqasillaasee gama isaaniin Itoophiyaan gaaffii haqaa ulaa galaanaa qabaachuuf qabdu muddama dhalate xiqqeessuuf tattaaffii gochuu dubbatan.
Ammatti ejjennon Somaaliyaa waliin qaban walirraa faallaa ta'uu himanii, ''marii dhufu irratti garaagarummaan kun dhiphatee hariiroon Somaaliyaa waliin qabnu gara duraanitti ni deebi'a jennee abdanna'' jedhan.
Mariin kuni akka ija godhatu Pirezidantiin Turkii Reesip Xayyib Erdohaan dursanii guyyaa Sambataa MM Itoophiyaafi Pirezidantii Somaaliyaatti bilbilaan dubbatani.
Itoophiyaan erga bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan daangaa kiyya jettu waliin ulaa galaanaa argachuuf waliigaltee booda biyyoonni ollaa kun muddamatti jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Haajaa Alaa Somaaliyaa Ahimad Fiqii yaada X gubbaa maxxansaniin mariin marsaa lammataa waliigaltee malee xumuramuu beeksisan. Mariin marsaa saaffaa achuma Turkitti akka gaggeefamu himan.
''Mariin marsaa sadaffaa Turkitti gaggeeffamuuf yeroon qabameera'' kan jedhan Fiqii, ejjennoon Somaaliyaa kan hin jijjiiramne ta'uu himan.
Gorsaan nageenya biyyaalessaa Somaaliyaa Huseen Sheek Alii gama isaaniin ''tokko taanee birmadummaa keenya kabachiisuu itti fufna'' jedhan.
Mariin lammataa yeroo ni taasifama jedhamee dura beellamamerraa as siqee gaggeeffame.
Marii kanarratti Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaaseefi kan Somaaliyaa Ahimad Mowaalim Turkii jiru.
Mariin teellanaa Ministirri Dhimma Alaa Turkii torban dura gara Finfinnee imaluun MM Abiy Ahimad waliin erga mari’atan booda taasifame.
''Dhimma kana MM Abiy waliin gad-fageenyaan mari’anneerra,’’ jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Eega Ertiraan walabummaa gonfatte booda ulaa galaanaa kan dhabde Itoophiyaan, biyya ummata hedduu qabaattee karra galaanatti ishee baasu dhabde taatetti.
Sochiin ulaa galaana barbaacha Ministirri Muummee Abiy taasisan garuu Gaanfa Afrikaatti muddama haaraa uumeera.

Madda suuraa, MFA Turkey
Yaada Turkiin mariif dhiheessite maali?
Mariin guyyaa wiixataa ‘’fedhii, yaaddoofi akkaataa biyyoota lamaan [walitti fiduurratti]’’ xiyyeeffata jedhe Ministirri Dhimma Alaa Turkii ibseera.
Akkaatuma kanaan, marii kanarratti qaamoleen lamaan fedhiifi yaaddoo biyyoota isaanii bu’uura godhachuun gara waligalteetti akka dhihaatan ni taasifama.
Dhimmi ijoo marsaa lammataa kanaa Itoophiyaan osoo birmadummaa Somaaliyaatti hin bu’in karaatti karra galaanaa argachuu dandeessu barbaaduurratti xiyyeeffata.
Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakan Fidaan ajandaa ijoo marii kanaa torban dura dursanii yoo dubbatan akkana jedhan:
Muddamni jiru ‘’Itoophiyaan birmadummaa Somaaliyaa yoo kabajje, karaa Somaaliyaa ulaa galaanaa argachuun xumura argata.’’
Dhimma kanarratti ejjennoon Itoophiyaa maal akka ta’e ifa miti.

Madda suuraa, Getty Images
Haa ta’u malee, kana dura Somaaliyaa waliin mari’attee ija godhachuu dhabnaan filmaata biraa akka hordofte ibsiteetti.
Eegasiimmoo Pirezidantiin Somaaliyaa Itoophiyaatti ulaa galaanaa kennuuf fedhii akka qaban ibsaa turan.
Marii MM Abiy fi Erdogaan
Mariin marsaa jalqabaas ta’e kan lammataa keessa kan qooda fudhataa jiran Ministira Dhimma Alaa Turkiidha.
Guyyaa Sambataa Pirezidantiin Turkii Erdogaan bilbilaan Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin marii taasisaniin karaatti furmaanni argamuu malu akeekan.
MM Abiy ''haala qaamota lamaan waliigalsiisuun Itoophiyaa biyya ummata 120m qabduuf barbaachisummaa ulaa galaanaa dhiheessuun qabu'' isaaniif ibsuu waajjirri isaanii ibseera.
Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud immoo Somaaliyaan ''birmadummaashee haala hin dhiibneen Itoophiyaa waliin hariiroo dinagdeefi misoomaa cimsachuuf qophii ta’uu,'' waajjirri isaanii dubbate.
Gama kaaniin Pirezidant Erdogaan tarkaanfii Itoophiyaan ''yaaddoo Somaaliyaa xiqqeessuuf fudhachuu qabdu'' eeruummoo marii booda waajjirri isaanii beeksiseera.
Dureewwan lamaan carraaqqii Pirezidantiin Turkii dhibdee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru furuuf taasisan jajaniiru.
Akkaaaa waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaandiin, Itoophiyaan qarqara galaanaa 20km bal’atu ni argatti.
Somaalilaand buufata doonii kam Itoophiyaaf akka eeyyamtu garuu ifa miti.
Faallaan immoo Itoophiyaan bulchiinsa beekamtii idil-addunyaa hin qabne Somaalilaandiif beekamtii akka kennitu Somaalilaand ibsiteetti.
Itoophiyaan garuu kana hin mirkaneessine.
Marii marsaa duraa booda maaltu ta'e?
Marii marsaa duraan Itoophiyaafi Somaaliyaan Turkiitti wal-gahanii erga mariyatanii booda muddama gidduusaanii jiru karaa nagaan akka furan ibsanii turan.
Ministeerri dhimma alaa Turkii yeroo sana mariin sun abdi-qabeessa akka ta’eefi gartokkeen milkaa’aa akka ture ibse.
Eegasii booda bulchaan Itoophiyaa ''mootummaan Somaaliyaa nutti dubbachuurra gandarra naanna’e nuun himachuu filateera,'' jechuun qeeqaniiru.
Dubbii MM Abiy booda Pirezidantiin Somaaliyaa paarlaamaa biyyattiitti dhihaachuun Itoophiyaan mariin furuuf ‘’qophii miti’’ akkasumas ‘’ejjennoo ishee hin geeddarre’’ jedhanii turan.
Dhimma daddabarsa meeshaa waraanaafi daangaarratti eegumsi laafu eerunis biyyoonni lamaan wal himataa turan.
Kuni kanaan osoo jiruuti mariin marsaa lammataa xumura baatii Hagayyaatti yaadame guyyaa Wiixataa kan taasifame.
Jaarsummaan kan qooda fudhataa jirtu Turkiin Itoophiyaafi Somaaliyaa waliin hariiroo jabaa qabdi. Somaaliyaa keessa buufata waraanaas qabdi.
waliigaltee waraanaa waggaa 10'f turu Somaaliyaa waliin kan mallatteesite yoo ta’u, ulaa galaanaa ishee eeguu fi humna galaanaa ishee deebistee ijaaruuf waliigalte.
Turkiin Somaaliyaan ala Itoophiyaa, Liibiyaa, Keeniyaa, Ruwaandaa, Naayijeeriyaafi Gaanaa waliin waliigaltee ittisaa mallatteessuun ishee ni yaadatama.












