Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hamaas: Hoggantoota isaa beekamoo ta’an maaltu mudate?
Erga Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa’el irratti haleellaa raawwateen booda, hoggantoonni olaanoo garichaa hedduun ajjeefamaniiru. Kunis garee kanaaf miidhaa guddaadha.
Qondaaltota beekamoo Hamaas irratti wanti mudate kunooti:
Yahyaa Sinwaar
Yahyaa Sinwaar qindeessaa haleellaa Onkololeessa 7, kan ittiin namoonni 1,200 ajjeefamuun, kanneen 251 ol ta'an ammoo Gaazaatti butamuun fudhatan ta'u himama.
Guyyaa sanaa kaasee namoota Israa'el irratti xiyyeeffate keessaa tokkodha.
Sinwaar Gaazaa keessatti hogganaa Hamaas ture, haata'u malee ajjeechaa Ismaa'il Haaniyeeh kan bara kana Adooleessa keessa Teehiraaniitti raawwatamee hordofuun hogganaa Hamaas waliigalaa taasifame.
Sinwaar, kan bara 1962tti Gaazaa keessatti dhalate, umurii ijoollummaatti sochichatti makame.
Innis tajaajila nageenyaa Hamaas kan Majd jedhamuun beekamu fi kan dhimma nageenya keessoo bulchu, ergamtoota Israa’el shakkaman qoratu, akkasumas qondaaltota basaasaa fi tajaajila nageenyaa Israa’el hordofu hundeesse.
Israa'el Sinwaar yeroo sadii to'annoo jala oolchitee turte. Bara 1988 yeroo sadaffaaf erga hidhamee booda hidhaa umurii guutuu afur itti murtaa'e.
Haata’u malee, hidhamtoota Arabaa Filisxemotaa fi Israa’el 1,027 loltuu Israa’el waggoota shanii oliif Hamaasiin booji’amee ture jijjiiruuf Israa’el kan gadhiiste keessaa tokko ture.
Sinwaar Hamaas keessatti hogganaa beekamaa ta'uun bakkasaatti deebi'ee bara 2017tti itti gaafatamaa biiroo siyaasaa garee kanaa Gaazaa ta'uun muudame.
Bara 2015'tti Ameerikaan Sinwaar tarree gurraacha "shororkeessitoota idil-addunyaa" jedhu keessatti galmeessite.
Sinwaar humnoota Israa'eliin Raafaa keessatti guyyaa Roobii Onkoloolessa 16 bara 2024 ajjeefame.
Ismaa'eel Haniyeeh
Ismaa'eel Haaniyeh hanga garichi gaafa Adooleessa 31, 2024 Iraan keessatti du'uunsaa mirkaneessetti, hogganaa waliigalaa Hamaas ture.
Dhuma bara 1980moota keessa miseensa sochii kanaa beekamaa kan ture namni kun, Israa’el bara 1989 fincila Filisxeem jalqabaa irratti tarkaanfii fudhatteen Haaniyeh waggaa sadiif hidhaatee turte.
Innis sana booda bara 1992tti hoggantoota Hamaas hedduu waliin gara lafa nama hin qabne kan Israa'elii fi Libaanos gidduu jirutti baqate.
Waggaa tokko baqattee erga tureen booda gara Gaazaatti deebi'e. Bara 1997'tti itti gaafatamaa waajjira geggeessaa amantaa Hamaas ta'uun, muudamuun ejjennoo isaa cimse.
Haaniyeh filannoo biyyaalessaa irratti Hamaas teessoo baay’ee erga injifatee booda, bara 2006 pirezidaant Mahmuud Abbaasiin ministira mummee Filisxeem ta’uun kan muudaman yoo ta’u, garuu waggaa tokkoon booda gareen kun jeequmsa lubbuu namaa galaafate torban tokkoof paartii Faataah kan Abbaas Gaazaa keessaa erga ari’ee booda hojiirraa ari’ame.
Haaniyeh hojii irraa ari'amuunsaa ''kan heera mootummaa faallessudha'' jechuun kuffisee. Mootummaan isaanii ''ittigaafatamummaa biyyoolessaa ummata Filisxeem irratti qabu akka hin dhiisne'' cimsanii ibsuun, Gaazaa bulchuu itti fufe.
Bara 2017tti ammoo itti gaafatamaa biiroo siyaasaa Hamaas ta'uun filataman.
Bara 2018 Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Haaniyeh shororkeessaadha jechuun faraje. Waggoota muraasa darbaniif Kaataar keessa jiraachaa ture.
Mohaammad Daayif
Mohammed Deif itti gaafatamaa damee waraana Hamas, Birgeedii al-Qassam kan turan yoo ta'u, haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatameef karoorsitoota ijoo turan jedhamee yaadama.
Innis nama gaaddidduu ta'ee fi Filisxeemoota biratti sammuu waan hundaa (The Mastermind), Israa'el biratti ammoo adurree lubbuu sagalii (The Cat with Nine Lives) jedhamuun beekamu ture.
Angawoonni Israa’el erga inni Birgeedii Al-Qassam loltoota Israa’el booji’uuf kaayyeffatee hundeesse booda bara 1989tti isa hidhanii ture.
Erga gadhiifameen booda ammoo ijaarsa ulaawwan lafa jalaa kan oltoonni Hamaas Gaazaa irraa gara Israa’el akka seenan gargaaru ijaaruun gargaareera,
Daayif namoota Israa'eliin baay'ee barbaadamaa turan keessaa tokko yoo ta'u, boombii bara 1996tti atobisii ittiin lammiilee Israa'el hedduu ajjeese karoorsuu fi to'achuun, akkasumas walakkeessa bara 1990moota keessa ammoo loltoota Israa'el sadii to'achuun ajjeesuu keessatti hirmaachuusaatu himatame.
Israa’el bara 2000 mana hidhaatti buuftee kan turte yoo ta’u, jalqaba fincila Filisxeem lammaffaa ykn intifadaa irratti miliqe.
Daayif yaalii ajjeechaa bara 2002tti irratti taasifee irraa lubbuun kanhafe yoo ta'u, garuu ija isaa tokko dhabe. Israa'el ammoo miilaafi harka tokkos akka dhabuufi dubbachuunis akka rakkate himte.
Humnoonni nageenyaa Israa’el ammas bara 2014 haleellaa Gaazaa irratti raawwatameen Daayif ajjeesuu dadhaban, garuu haadha warraa isaa fi ijoollee isaa lama ajjeesan.
Israa'el dhumarratti haleellaa qilleensaa mooraa Kaan Yuunis irratti Adooleessa 2024 raawwateen Daayif ajjeesuu beeksiifte.
Marwaan Isaa
Maarwaan Isaa itti aanaa ajajaa olaanaa Birgeedii al-Qasaam kan turan yoo ta’u, haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatameef karoorsitoota ijoo ta’uunsaa ni amanama.
Waggootaaf tarree namoota Israa'eliin baay'ee barbaadama keessa kan ture yoo ta'u, bara 2006tti yeroo Israa'el isa ajjeesuuf yaalteetti miidhamee ture.
Sababii sochii inni Hamaas waliin taasisuutiin humnoonni Israa’el Isaa yeroo intifadaa ykn fincila Filisxeem jalqabaa kan bara (1987-93)tti waggoota shaniif to’annaa jala oolchanii ture.
Abbaan Taayitaa Filisxeem ammoo bara 1997tti to'annaa jala oolchee, garuu bara 2000tti intifadaan lammaffaan erga jalqabee booda bilisa ba'e.
Xiyyaaronni waraanaa Israa'el bara 2014 fi 2021 wayita Gazaa weeraranii turaniitti yeroo lama mana Isaa barbadeessuun obboleessa isaa ajjeesan.
Isaan maqaa masoo Nama Gaaddidduu jedhu kan kennameef, miidiyaaleen Israa'el akka gabaasaniitti sababii dandeettii miliquuf inni qabuutiin yoo ta'u, hanga bara 2011tti suuraa garee hidhamtoota wal jijjiiramaniitti kaafamerratti mul'ateen alatti maal akka fakkaatu hin beekamu ture.
Israa’el Guraandhala bara 2024 keessa haleellaa qilleensaa ulaa kaampii baqattootaa giddugala Gaazaa jala jirurratti raawwateen Isaa ajjeesuu himte.
Kaaliid Meshaal
Kaaliid Meshaal bara 1956 tti Weest Baankii keessatti kan dhalate yoo ta'u, hundeessitoota Hamaas keessaa tokko akka ta'eetti fudhatama.
Qajeelfama kallattiin Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu irraa argateen, dhaabbati basaasaa Israa’el Moosaad bara 1997tti Meshaal osoo inni Joordaan keessa jiraatuu ajjeesuuf yaalii godhee ture.
Ergamtoonni Moosaad paaspoortii Kanaadaa sobaa qabatanii gara Joordaan seenuun, Meshaal daandirra osoo deemaa jiruu wanta summii qabu itti naqan.
Angawoonni Joordaan yaalii ajjeechaa kana hubachuun miseensota Mosaad lama to'annaa jala oolchan.
Mootiin Joordaan duraanii Huseen qoricha Meeshaaliitti naqame akka fashaleessaniif MM Israa'el gaafate. Dhiibbaa pirezidaantii Ameerikaa yeroo sanaa Biil Kilinton irraa mudateen, Mr Netaaniyaahuun erga jalqaba irratti gaaffii kana kuffisanii booda qoricha farra summichaa kennan.
Kaataar kan jiraatu Meeshaal bara 2012 yeroo jalqabaaf naannoo Gaazaa daawwate. Innis qondaaltota Filisxeem fi lammiilee Falasxiin hedduudhaan simannaan taasifameef.
Hamaas bara 2017tti Ismaa'il Haaniyeeh Meeshaal bakka bu'ee itti gaafatamaa biiroo siyaasaa akka ta'ue filate. Meeshaal ammoo biyya alaatti hogganaa biiroo siyaasaa garee kanaa ta'e.
Mahmuud Zahar
Mahmuud Zahaar abbaa isaa lammii Filisxeemii fi haadha isaa lammii Masrii irraa bara 1945tti Gaazaatti dhalate.
Hoggantoota Hamaas beekamoo ta'an keessaa tokko fi miseensa hoggansa siyaasaa sochii kanaa ta'ee fudhatama.
Gaazaatti mana barumsaa fi Kaayirootti ammoo yunivarsiitii barate. Achiinis Gaazaa fi Kaan Yuunis keessatti doktora ta'ee hanga aanga'oonni Israa'el ejjennoo siyaasaa isaaf hojiirraa ari'anitti hojjetaa tureera.
Mahmuud Zahaar bara 1988 erga Hamaas hundeeffamee ji'oota booda manneen hidhaa Israa'el keessatti hidhamee ture. Namoota Israa'el bara 1992tti gara kibba Libaanositti ari'atte keessaa tokko yoo ta'u, waggaa tokko achitti dabarseera.
Bara 2006tti sochiin Hamaas filannoo waliigalaa Filisxeem injifachuu isaatiin, Zahaar mootummaa haaraa Ministirri Muuummee Ismaa’il Haaniyeehiin ijaarame keessatti osoo dhuma irratti hin ari’amiin dura Ministeera Dhimma Alaatti makame.
Israa'el bara 2003 keessa xiyyaarri manasaa kan magaala Gaazaarratti boombii darbuudhaan Zahaar ajjeesuuf yaaltee turte. Haleellaan kun miidhaan salphaa kan irra gahe yoo ta'u, garuu ilma isaa angafaa Kaaled ajjeese.
Ilmisaa inni lammaffaan Hosaam miseensa Birgeedii al-Qasaam kan ture yoo ta'u, bara 2008 haleellaa qilleensaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwateen ajjeefame.