Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammii Taayilaand poolisii jalaa miliquuf wal'aansaan fuulasaa jijjiirrate
Lammiin Taayilaand qoricha sammuu hadoochu daddabarsuun beekamu tokko hordoffii poolisii jalaa miliquuf jecha irra deddeebiin fuulasaarratti walaansa baqaqsanii yaalamu hedduu raawwate to’annoo jala oolfame.
Lammiin Taayilaandi kunis ‘lammii Kooriyaa bareedaa fakkaachuun’ poolisii jalaa bahuuf jecha yaaliin taasise osoo hin milkaa’inii hafeera.
Namni maqaansaa Saahaaraat Saawaangijaang jedhamu kuni fuulasaa qofa osoo hin taane maqaasaatilleen ‘Jiimiin Cheewoongi’ jechuun erga geeddareen booda socha’aa akka ture bira gahame.
Fuulasaa wallaansa baqaqsanii yaaluutiin jijjiree qoricha sammuu hadoochu dadabarsaa kan ture namni kun, torban darbe Baankook keessatti pooliisiin to’annoo jala oolfame.
Poolisiin Taayilaandi shakkamaa umuriinsaa waggaa 25 ta’e kana to’annoo jala oolchuuf baatiiwwan sadiif hordoffii gochaa ture.
Poolisiin akka jedhutti, namtichi kuni fuulasaa duraanii wal'aansaan gutummaatti jijjiireera.
Innis qoricha sammuu hadoochaa ecstasy jedhamu bitttuufi gurgurtootaaf raabsaa wayita tureetti poolisiin odeeffannoo argate hodofuun to’annoo jala kan oolfate.
Namoonni ijaan argan namtichi ‘lammii Kooriyaa bareedaa’ jechuun akka ibsan poolisitti himaniiru.
Namni qoricha daddabarsuufi maqaafi fuulasaa guutummaatti jijjirrate kunis, erga to’annoo poolisii jala oolfameen booda, Kooriyaa Kibbaa seenuun jireenyasaa akka haaraatti eegaluu barbaadee akka ture poolisiitti dubbateera.
Saahaaraat seeraan ala qoricha sammuu hadoochu biyya keessa galchuun yakkaan himatameera.
Qorichi sammuu hadoochuun MDMA jedhamu karaa intarneetiin ajajuufi kiriptookaransii kanfalu amaneera.
Namni kuni kana dura yeroo sadiif to’annoo jala oolfamee ture.
Yeroo tokkoos yakka humnaatti fayyadamuun himatame osoo jiruu poolisiin qoricha sammuu hadoochu dhangala’aa kilograama 2 fi kiniinii ecstasy 290 harkatti argee ture.
Haata’u malee bakka to’annoo jala oolfate ture keessa miliquun fuulasaa wal'aansaan jijjiirrachuu poolisiin bira gahe.
Poolisiin Taayilaandii Meejar Janaraal Taamaasute, ‘‘weerara MDMA Baangikook keessatti argamuuf ittigaafatamaa tokko’’ jechuun ibsan.
‘‘Kana duras daddabarsitoota qoricha sammuu hadoochu ture. Innis Awuroppaarraa MDMA galchaa ture.
''Biyya biraa keessa ammoo shakkamtoonni akka jiran amanna. Qorannoo itti fufna,’’ jedhan Meejar Janaraalichi.