US taankarii boba'aa qarqara galaanaa Veeniziweelaa jiru to'atte
Humni waraanaa Ameerikaa taankarii boba'aa qarqara galaanaa Veenizuweelaatti argamu to'achuu Pireezidaant Tiraamp dubbatan.
Kunis duula Ameerikaan mootummaa biyyattii Nikoolaas Maaduroo irratti taasisaa jirtu kan agarsiisedha.
''Qarqara Veenizuweelaatti taankara boba'aa to'anneerra - taankarii guddaa, baayyee guddaa, guddaan akkasii kana dura qabamee hin beeku,'' jechuun Tiraamp Waayit Haawusitti himan.
Abbaan Alangaa Waliigalaa US Paam Boondii yeroo taankariin kuni to'atamu viidiyoo agarsiisu gadhiisuun, ''taankarii boba'aa uggurri irra kaa'ame Veenizuweelaa irraa Iraan geessu,'' jedhan.
Mootummaan Veenizuweelaa magaalaa guddoo biyyattii Kaaraakaas irraa tarkaanfii kana balaaleffachuun, ''gochaa wanbadummaa daangaa ce'e'' kan jedhe yoo tahu, kanaan dura Pireezidant Maduroon Veenizuweelaan ''kolonii boba'aa'' hin taatu jedhan.
Bulchiinisi Tiraamp Veenizuweelaan qorichoota sammuu namaa hadoochan gara Ameerikaatti geejibdi jechuun himata. Sababa kanaanis Pireezidanticha irratti dhiibbaa jabeessaa jira.
Veenizuweelaan biyya kuusaa boba'aa guddaa addunyaa kanaa mirkanaa'e kan qabdu yoo tahu, gamasheen Ameerikaan lecelloo koo hatuu barbaaddi jetti.
Roobii US taankarii to'achuun dhagahamuun booda gatiin boba'aa hamma tahe kan hir'ise yoo tahu, xiinxaltoonni tarkaanfiin kana booda fudhatamu dooniiwwan Veenizuweelaa boba'aa geejiban yaaddessuu mala jedhan.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan Alangaa US Paam Boondi Ministeera Haqaa, Waajira Qorannoo Federaalaa, Ittisa Biyyaa, Minsiteera Hajaa Biyyaa Keesaafi Eegdota galaanaatu waliin tahuun to'annoo kana geggeessee jedhan.
''Taankariin kuni boba'aa seeraan alaa geejibuun gareelee shororkeessitoota biyya alaa deeggaruun qoqqobameera,'' jedhan abbaan alangaa ergaa X irratti barreessaniin.
Viidiyoon Abbaa Alangaa Paam Boondiin viidiyoon yeroo heelikooptarrii doonii guddaa tokkorra marsuufi loltoonni wadaroodhaan keessaa bu'an agarsiisu qoodaniiru.
Namoonni uffata danbii keewwatan kunneenis qawwee qabaanii yeroo gara dooniitti siqanis mul'ataniiru.
Qondaalli waraanaa gameessi tokko michuu BBC kan tahe CBS'tti yoo dubbatan heelikooptarooonni kunneen doonii waraanaa USS Gerald Ford akka addunyaatti isa guddaa taheefi baatii darbe gara naannoo Kaarabiyaanitti ergamerraa furguggifaman.
Kunis heelikooptarriiwwan lama, miseensota eegdota galaanaa 10 fi loltoota galaanarraa 10 akkasumas humna addaa fayyadamuun to'annoon kuni kan geggeefame.
Hogganaan waajira Ittisaa Piit Heegsees oppireeshiniin kun geggeefamuu quba qabaachuu himuun Tiraamp tarkaanfii wal-fakkaataa dabalataa geggeessuuf akk barbaadan himan.
Ameerikaan taankara kanatti maal gooti jechuun kan gaafataman Tiraamp, ''boba'aa kana hinuma fudhanna, ni keewwanna,'' jedhan.
















