Kaardii diimaa godaantota US balaa ari'amuurra jiran gargaaru

Kaardii diimtuu mirgoota baqattootaa qabatte

Madda suuraa, Handout

"Yeroo hunda kaardii diimtuu tana qabachuun nageenyi akka natti dhaga'amu na taasisa."

Veronikaa Velaskeef lammii Filippiin godaantota waraqaa jireenyaa hin qabne magaalaa Loos Anjalas keessa jiraattudha.

Yeroo hunda kaardii diimaa xiqqaa boorsaashee keessaa qabattee deemti.

Yeroo tokko tokko "kaardii mirgakeetii beeku" jedhamuun kan waamamu. Kaardiin kunis namoota akka Veronikaa jiran, wayita US keessa jiraatanitti mirga heera mootummaa isaanii isaan beeksisa.

Akkasumas yoo hojjattoota dhaabbata Imigireshinii fi Raawwachiiftoota Gumurukaa (Immigration and Customs Enforcement (ICE)) US keessatti hojataniin wal arganiitti maal gochuu akka qaban isaan yaadachiisa.

Kaardiin kunis waggaa 20 dura ture kan Giddugala godaantota gargaaruuf qophaa'e (Immigrant Legal Resource Center (ILRC)) jedhamuun kan qopheeffame. Yeroo ammaattis afaanooti 19'n argama.

Haata'u malee, erga Doonaald Tiraamp Amajjii 20 aangoo qabatanii booda, ''seenaa biyyattii keessatti godaantota biyyaa ari'amuu isa guddaadha jedhame'' raawwachuuf waadaa galanii as, fedhiin kaardii kanaa samii xuqe.

''Erga filannoo pirezidantii Sadaasa 5n booda, gaaffiin kaardii kanaa waliiglaa miliyoona sagal nu gaheera. Kunis waliigala kan waggoota 17n darban keessa kenname caala," jedha ILRC.

Mirgaa fi qajeelfama

Namoonni Ameerikaa keessatti jiraatan kamiyyuu, haala baqatummaa kamuu keessa jiraatan illeen, mirgoota heera biyyattiin mirkanaa'e qabu.

Baqattoonni balaa Ameerikaa keessaa ari'atamuu irra jiran, yeroo bakka buutoonni imigireshinii gara manasaanii dhaqaniitti wantoota raawwachu qaban ilaalchisee fakkeenya waliin Kaardii diimaa qabataniiru.

Fakkeenyaaf, godaantoonni mirgoota heera mootummaa biyyattiin labsamaniitti fayyadamuun yeroo bakka bu'oonni immigireshinii gaaffii kaasan deebii kennuu dhiisuu ykn callisuu filachu danda'u.

Kunis namoonni of keyyuuf dirqamurraa kan isaan eeguudha.

Akkasumas bakka bu'oonni immigireshinii osoo ajaja abbaa seeraatiin mallatteeffame hin qabatiin gara mana godaantootaa akka hin seeneef kaardiin tun ni gorsiti.

Kaardii diimaa mirga godaantootaa qabattee

Madda suuraa, Handout

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kunis heera mootummaa irratti qaamooleen motummaa sakkata'iinsa sababa maleefi to'annoo akka hin taasifne ittisuudhaaf kan ajaju bu'uureeffachuudhaan.

Kaardii diimtuun tunis haalluushee kan argattee kaardii diimaa murteessitoonni kubbaa miilaa taphattoota balleessaa raawwatan dirree kubbaa keessaa baasuuf itti fayyadaman irraayi.

Teessoo isaa Kaaliifooriyaa kan taasifate ILRCn yaada kaardii kanaa kan maddisiisee, bakka buutoonni immigireshiinii hojjattoota seeraan alaa irratti kan xiyyeeffateedha jechuun, eddoowwan baayyeetti bara 2007tti weerara ''hawaasa jeequu'' jechuun raawwatan hordofeeti.

Dhaabbatichi kaardicha dhaabbilee mit-motummaa faayidaaf hin dhaabbannee fi dhaabbilee daldalaa, manneen barnootaa, waldaalee, kilinikoota ykn baankiiwwan yaataa akkasumas abbukaatoota gaafattoota kolugaltummaa fi godaantummaa gafatan waliin hojjataniif akka raabsamu taasisan.

Kana malees, namni kamuu marsariitii dhaabbatichaarraa buufachuun maxxansuu ni danda'a.

Kaardii kanarrattis fuula tokko irratti afaan Ingiliffaa kan biraarratti ammoo, afaan fayyadamtootaaf odeeffannoo qabatti. Afaanoota Ispaanish, Poorchugiiz, Afabiffa, Giriikii, Yukireen, Veetinaam akkasumas Chaayinaa dabalatee afaanoota biraas qabatteetti.

Baqataa to'annoo jala oolfame

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaa keessa godaantoota sanda seeraa hin qabne miiliyoona 11 akka argaman dhaabbanni qorannoo Piiw jedhamu ni agarsiisa.

Lakkoofsi kunis godaantota US keessa jiran hunda keessaa %23 fi ummata waliigalaa keessaa %3.3 kan haguuguudha.

Kanneen gara miliyoona afur ta'an ammoo, Meksikoo irraa kan dhaqan yoo ta'u, kaan namoota gara miliyoona lamaa ta'an ammoo kanneen Giddugaleessa Ameerikaa (El Saalvaador, Honduraas fi Gutiimaalaa) irraa dhaqaniidha.

Kana malees, namoonni sanada seeraa hin qabneefi biyyoota Eshiyaa kan taatee Indiyaa irraa namoonni kuma 725 fi Chaayinaarraa kuma 375 kan dhaqaniidha.

Bara 2022tti namoonni gara 375,000 ta'anis Afrikaa irraa kan dhaqan yoo ta'u, bara 2019 irraa eegalee kuma 100n dabaleera.

Godaantota waraqaa seeraa hin qabne kana keessaa hedduun isaaniif mirga kaardii diimaa irratti tarreeffame mirkaneessuun biyyattii keessa turuu ykn biyyaa ari'amuu gidduu jiru ta'uu danda'a jedhu kanneen mirga namoomaaf falman.

"Meeshaalee salphaadha, garuu ammoo dhiibbaa guddaa qabaachuu kan danda'uudha," jetti Daaliyaa Zeetinaa, Giddugala Pirojektii Diriim Yunivarsiitii Kooslaayiin Niwupoort Biich, Kaalifoorniyaatti argamu irraa.

''Namni kaardii kana baattee deemus yeroo manaa bahu ykn hojii deemu nageenyi akka itti dhaga'amu gargaara,'' jechuun BBC News Mundo'tti himte.

"Hojjataan immigireshinii tokko yoo si dhaabuu rifachuun kee hin oolu. Yeroos kaardii sana qabdee dubbisuu qofa qabda ykn kallattiin isaaniif kennuu qabda," jetti.

Giddugalli isheen keessa hojjettu hanga ammaatti kaardii 700 raabseera, afaan Ispeen, Taagaalog fi Veetnaamtiin.

Kaardii 'hidhamuu irraa nama oolchitu'

Godaantonni waraqaa jireenyaa seeraa hin qabne hedduun hojjattoota ICE mudachuu sodaachuun jiraatu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Godaantonni waraqaa jireenyaa seeraa hin qabne hedduun hojjattoota ICE mudachuu sodaachuun jiraatu

Aanga'oonni bulchiinsi Tiraamp dhaabbileen miti mootummaa fi tola ooltoonni godaantoota sanada hin qabne akka ''ajaja hojjattoota imigireshiinii hin fudhanneef'' gargaaraa jiru jechuun komatu.

''Kaardiittiidhaan mirga keessaan beekaa jechuun waamuun. Ani ammoo 'attamiin hidhamu jalaa akka itti miliqamuun'' jedhaan'' ittigaafatamaan olaanaan eegumsa daanaa fi godaantoota arii'uuf itti gaafatamummaan kan itti kenname Toom Homaan kan dubbatan.

"Godaantoota yakkamtoota arii'uudhaan wanti na dhaabu omtuu hinjiru'' jechuun af-gaaffii Fooksi Niiwus waliin taasisaniin kan dubbatan.

Godaantoota akka ari'atan dhaadachaa gara aangootti kan dhufan Tiraamp, godaantoota sanada seeraa hin qabne to'achuudhaaf sakkata'insii manneen jireenyaa fi eddoowwan hojiitti taasifamu itti cimeera.

Bulchiinsa haaraan kunis gochaawwan raawwatu ummatatti ifa gochuun miidiyaalee hawaasaatti fayyadama.

Waayiti Hawuustti, biiroon tika biyya keessaa fi ICn ammoo suuraalee godaantoota guyyaa guyyaan to'annoo jala oolchuu maxxansa. Tokko tokkoos harkii fi miillisaanii cancalaan hidhamee akka xiyyaara koran yoo dirqiisiifaman kan agarsiisaniidha.

Mootummaan Ameerikaa tarkaanfiiwwan kanneen fudhataa kan jiran nageenya biyyaaleessaa biyyattii akka ta'eefi ''yekkamtoota gara biyyasaaniitti deebiisaa jirra'' jedhu.

Haata'u malee, kanneen to'annoo jala oolchan keessaa parsantaa 40 ol kan ta'an kan galmee yekkaa omaatu hin qabnee ta'u odeeffannoon NBCn argate ni mul'isa.

Namoota 4,422 torban lamaan jalqabaa ji'a Guraandhala keessa ICEn to'annoo jala oole keessaa namoonni 1,800 (%41) murtiin itti murtaa'e ykn himannaa yakkaa akka hin qabne adda baaseera.

Sodaan bakka bu'aa immigireeshinii qunnamuu godaantota waraqaa seerummaa hin qabne biratti akka ibidda bosonaatti babal'ateera.

Haala qilleensaa kana keessatti meeshaan salphaan akka kaardii diimaa jijjiirama guddaa fiduu danda'a.