'Tiraamp Mootii nurratti hin ta'u', hiriira mormii gudda US keessatti Tiraamp irratti gaggeeffamaa jiru

Hiriirri guddaan dhaadannoo "Mootii Hin Barnaannu" jedhu Tiraamp mormuuf magaalota US heddu keessatti gaggeeffamaa jira.

Magaalota akka Niwu Yoork, Waashingtan DC, Chikaagoo, Mayaamiifi Loos Anjelas fa'aa keessatti namoonni heddu bahuun tarsiimoo bulchiinsi Tiraamp dimokiraasii USf yaaddessaa ta'uu ibsaa jiru.

Magaalaa Niwu Yoork keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman adda babahii Times Squaretti bahuun dhaadannoo "Dimokiraasiin Sirna Gonfoo miti", "heeran buluun dirqama" fa'aa dhageessisuun mormii gaggeessan.

Mormiim Tiraamp mormuu irratti xiyyeeffate kun osoo hin gaggeeffamin dura, bulchiinsi Tiraamp "warra jibba Ameerikaa qaban" jechuun qindeessitoota hiriirichaa hammeessaa ture.

Inumaayyuu bulchiinsiwwan US humnoota nageenyaa Eegdota Biyyaalessaa jedhaman bobbaasanii ture.

Tiraamp aangotti erga dhufee as aangoo ajaja pirezidaantummaa fayyadamuun waan heerri hin hayyamneef raawwataa jira jechuun komiin irratti ka'aa ture.

Keessumaa loltoota Eegdota Biyyaalessaa magaalota garaa garaatti bobba'uun seera akka kabachiisan gochuunsaa, 'aangoo pirezidaantii miti' jechuun namoonni lammiileen US heddu isa mormaa turan.

Namoota isa mormaniifi "diinota koo" jedhuun irratti qorannoo akka gaggeessaniif qondaalota olaanoo seera kabachiisan ajajaas ture.

Tiraamp tarkaanfii kana fudhachuunsaa rakkoo biyyattii mudate sirreessuufi UsS ijaaruuf akka ta'e ibsa. "Tiraamp akka abbaa irree ykn faashistiidha" komii jedhu hin fudhatu.

Kanneen isaan morman garuu adeemsi isaa faallaa heera biyyattiifi dimokiraasiif yaaddoo akka ta'e ibsu.

Tiraamp turtii Fox News waliin taasiseen, "Inni Mootidha naan jedhu; ani garuu Mootii miti," jechuun mormitota isaaf deebii kenne.

Namoonni magaalaa Niwu Yoork keessatti hiriira bahan "dimokiraasiin keenya yaaddoo jala galeera" fa'aa jechuun dhaadannoo qabatanii bahan.

Poolisiin Niwu Yoork akka beeksisetti namoonni 100,000 ol hiriira mormii kanarratti hirmaataniiru.

Beet Zaasloof barreessituufi editara yoo taatu, mormii bulchiinsa Tiraamp kanarratti sababa hirmaattef himti. "Bulchiinsi Tiraamp gara mootummaa abbaa irree fi faashistiitti deemaa jira," jechuun dubbatto.

Masiimoo Maskoolii nama ganna 68 yoo ta'e, keessumaa bulchiinsi Tiraamp tarkaanfiin inni godaantota irratti fudhate yaaddessaafi waan dimokiraasii US hin madaalle akka ta'e ibsa.

"Mana Murtii Olaanaa amanaa hin jirru, mootummaa amanaa hin jirru, Kongireesii amanaa hin jirru," jechuun dhaabbileen Ameerikaa bulchiinsa Tiraamp jalatti abbaa irree ta'aa akka ta'an himuun kana falmuuf hiriira bahuu ibsa.

Hiriira Tiraamp mormuuf magaalota US keessatti gaggeeffamaa jiru kanarratti namoonni siyaasaa paartii Dimokiraatik irraa hirmaatanii jiru. Isaan keessaa Senaatar Chaak Shuumar tokkoodha.

"Ameerikaa keessatti abbaa irree hin qabnu. Tiraamp dimokiraasii keenya akka inni mancaasu hin hayyamnuuf," jechuun fuula X gubbaatti barreesse.

Hiriira Washingtan DC irratti ammoo Senaator Barnii Saandars haasaa taasiseera. "Hiriira kan baane Ameerikaa waan jibbinuuf miti, waan Ameerikaa jaalannuuf as jirra," jechuun namoota kumaatamaan hiriira bahanitti dubbate.

Lammiileen Ameerikaa Doonaald Tiraamp irratti gargar bahaniiru.

Qorannoon Rooyitars dhiyeenya gaggeesse akka agarsiisutti, %40 kan ta'an inni pirezidaantii sirrii ta'uu yaada yoo kennan, %58 kan ta'an ammoo kufaa godhaniiru.