Badhaasa Noobeelii Nagaa dhabuu booda Tiraamp maal jedhe?

Badhaasni Noobeelii Nagaa ''naaf mala'' jedhee kan amanu Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp badhaasicha akka hin injifanne erga beekamee booda hanga ammaa ifatti waa hin dubbanne.

Garuu ammoo miidiyaalee hawaasaa gubbaatti yaada injifattuun badhaasichaa lammii Veenzuweelaa isa galateeffachuun barreessiteefi yaada Pirezidanti Putiin qoodeera.

Hoggantuun Paartii mormituu Venezuweelaa Maariyaa Kuuriyaa Machaadoo badhaasa kana injifachuun ibsamee sa'aatiiwwan booda Daayireektarri Kominikeeshinii Waayit Haawus koreen Nobeelii ''nagaarra siyaasaaf dursa akka kennu mirkaneesse'' jechuun badhaasichi gara darbuu komate.

Isteeven Cheeng yaada X gubbaa barreesseen Pirezidant Doonaald Tiraamp ''waliigaltee nagaa raawwachuu, waraanota xumuruufi lubbuu baraaru itti fufa'' jedhe.

''Pirezidantichi gara laafessa, namni akkasaa fedhiisaatiin gaara dhiibu hin jiru'' jedhe.

Tiraamp mataansaa ammatti waayee badhaasa kanaa ifatti dubbachuu haa baatu malee yaada aanga'oota badhaasichi gara darbuu barreessanii qoodeera.

Fakkeenyaaf Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin waayee badhaasa kanaa yaada akka kennu gaazexessitootaan yoo gaafatamu Tiraamp rakkoolee walxaxoo furuuf waan hedduu hojjete jedheera.

Viidiyoo Putiin ''badhaasni kun amanamummaa dhabeera'' jechuun dubbatu ammoo Tiraamp fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaa Truth Social gubbaatti qoodeera. Irratti ammoo ''Pirezidant Putiin galatoomi'' jedheera.

Injifattuun badhaasichaa Machaadoo ammoo X gubbaatti ''badhaasa kana dararaa uummata Veenzuweelaaf fi Pirezidant Tiraamp kaayyoo keenyaaf deeggarsa murteessaa godheef yaadannoo haa ta'u'' jettee barreessite.

Tiraamp barreeffama Machaadoo kanas Truth Social gubbaatti qoodeera.

Tiraamp waliigalteen nagaa Gaazaa malleeffamuu booda ''eebbifamoon warra nagaa buusaniidha'' jedhe. Waayit Haawus ammoo ''pirezidantii nagaa buusu'' ittiin jedheera.

Tiraamp irra deddeebiin addunyaarratti waraanotni torba akka xumuraman gochuu dubbateera.

Badhaasni kun akka maluuf yoo himu, ''namni hunduu ani akkan fudhachuu qabu dubbata'' jedhe ji'a darbe Varjiiniyaatti wayita loltootatti dubbatu.

''Nama waa hin hojjenneef kennu, nama sammuu Doonaald Tiraamp jedhee kitaaba barreesse fa'iif kennu...biyya keenyaaf kun arrabsoo guddaadha.''

Hogganootni addunyaas wanta inni hawwu akka ta'e hubataniiru. Gariin duula gochaafii turan.