Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoleen haaraa hundaa'un gaaffii Kibba Itoophiyaatti ka'aa tureef furmaata waaraa fidaa?
Sirni federaalizimii Itoophiyaatti akkuma hojiirra oolen Itophiyaan naannolee sagalitti gurmooftee turte.
Haa ta’u garuu, naannoo Sabaafi Sab-lammoota Uummattoota Kibbaa keessatti gaaffiin of-danda’anii naannoo ta’uu ka’aa ture.
Kanarraa ka’uun Kibba Itoophiyaatti naannoleen haaraan sadii hundaa’un Itoophiyaan amma naannolee 12'tti gurmooftee jirti.
Naannoo Sidaamaafi Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa hordofee dhihoo naannoon haaraan “Kibba Itoophiyaa” jedhamu hundaa'eera.
Naannoon kana godinaalee akka Walaayittaa, Geediyoo, Gaamoo, Goofaa, Koonsoo, Oomoo Kibbaa, akkasumas aanaaleen aaddaa akka Burjii, Amaaroo, Daraashee, Baskeetoofi Allee fa’aa bakka tokkotti gurmaa’un hundaa'u Manni Maree Federeeshinii ibseera.
Keessumaa MM Abiy aangotti dhufuu hordofee godinaaleen ummatoota Kibbaa hedduunsaanii ‘naannoo taana’ jechuun gaaffii dhiyeessaa turan.
Haa ta’u malee, godinoota gaaffii naannoo ta’uu dhiyeessan keessaa qophaatti naannoo ta’ee kan hundaa’e Sidaamaa qofa. Godinaalen kaan kilaastaraan naannoo ta’anii akka hundaa’an godhame.
Sabaafi sab-lammoota 80 ol Itoophiyaa keessa jiran keessaa 50 ol kan ta’an Naannoo Sabaafi Sab-lammoota Uummatoota Kibbaa keessatti argamu. Amma saboonni kun naannoo afuritti hiramaniiru.
Naannoon Kibbaa jiraa?
Duraan Naannoo Sabaafi Sab-lammoota Uummatoota Kibbaa jedhamuun kan beekamu keessaa naannoleen sadi of-danda’anii keessaa bahanis naannichi garuu inuma jira.
Naannichatti biiroo kominikeshiinii keessa kan hojjataniifi saayinsii siyaasafi walitti dhufeenya idila addunyaa kan qoratan Obbo Dayyaamoo Daallee naannichi akka heera mootummaatti akka hin diigamin BBC'tti himan.
Qaama naannoo Kibbaa kan turaniifi murtee ummataarratti kanneen sagalee hin kennin qaama naannichaa ta’anii itti fufu.
Kanaaf, naannichi “diigameera jedhamuuf rakkisaa ta’us, qaabatamaasaa yoo ilaalle garuu naannichi hin jiru,” jedhu Obbo Dayyaamon.
Naannon Kibbaa qaama federeeshinii ta’ee itti fufus, yeroo hundaa’u bal’inni isaa, baay’inni ummataa, baay’ina sabootaa ture amma waan jin jirreef naannichi ‘qabatamaatti hin jiru’ akka jedhamu taasisa jedhan.
Naannoleen biroo haaraa hundaa’urraa kan ka’e, naannoo duraanii keessatti kanneen hafan Yam, Guraagee, Hadiyyaa, Silxee, Kamabaatafi Halaaba ta’u jechuudha.
'Saboonni hunduu naannoo ta'uuf mirga qabu'
Ummanni Walaayittaa kanneen naannoo ta’uuf gaafataa turan keessayi.
Obbo Gobazee Go’aa Dura Taa’aa Paartii Adda Dimokiraatawaa Ummata Walaayittaa yoo ta’an, ummanni Walaayittaa of-danda’ee naannoo ta’uuf waggoota 20 ol gaafataa akka ture dubbatu.
Ummanni Walaayittaa mootummoota dhufaa darbaan Kutaa Biyyaa Sidaamoo, Ummattoota Kibbaa, ‘Awuraajjaa’ Oomoo Kaabaa keessatti caaseffamuun “akka gidirfamuuf ummata itti murtaa’edha” jedhu.
Haa ta’u garuu, uummanni Walaayittaa sagalee kenneen naannoo haaraa hundaa’e keessatti dabalamuuf sagalee caalu kennus gaaffin naannoo ta’uu akkuma itti fufu dubbatu Obbo Goobazeen.
“Seerri kana dhorkuu danda’u hin jiru. Uummanni Walaayittaa, wajjiin jiraadhee argeera, amma manakoon ijaara kan jedhe,” jedhan.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaafi qorataa federaalizimii kan ta’an Dr. Sisaay Mangistee kanaan dura BBC'tti akka himanitti heerri mootummaa afaanifi saba irratti kan hundaa’e waan ta’eef gara fuulduraattis naannoleen haaran hundaa’uf balballi banaadha.
“Heerri mootummaa keeyyanni 47 muraan 2, sabaafi sab-lammoonni naannolee jiran keessa jiran yeroo kamittuu naannoo hundeessuu danda’u jedha. Sanarra ammoo biyya ta’uufuu keeyyanni 39 jira.
“Kanaaf, haala qabatamaa Itoophiyaa amma jiruun sabaafi sab-lammoonni 76 ykn 77 mana maree federeeshiniitti beekamtii argataniiru. Isaan kun hundi naannooofii hundeessuf mirga heera mootummaa qabu,” jedhan.
Naannoo Ummattoota Kibbaatti gaaffiin naannoo ta’uu godinaalee garaa garaarraa ka’aa ture mootummaan federaalaa deebisuuf rakkataa ture.
Obbo Dayyaamon akka jedhanitti yeroo dhiyoo asitti gaaffiin naannoo ta’uu ummatarraa alatti kallattii garaa garaa lamarraa dhufaa akka ture himu.
“Inni jalqabaa, akkuma Sidaamaa nutis naannoo ta’uu qabna kan jedhan dhaabbileen saboota Walaayittaafi Guraagee jiru.
''Kan biraa ammoo bifa kanaan naannoo ta’aa kan jedhu [Paartii] Badhaadhinaa irraa karaa kan gadi dhufuudha.
''Kanaaf gaaffichumaa kaadiroonni Badhaadhinaa kan fidan yoo ta’u, deebii kan laatanis isaanuma,” jedhu.
Eenyu wajjin walitti dhufanii naannoo akka ta’an “murteen gaaraa gadi kenname” naannolee jedhaman sanatti fudhatama akka hin argannes himaniiru.
Keessumaa Walaayittaafi Guraagee biratti “muddamatu jira” jedhan.
Murteen kenname kun gaaffii yeroo dheeraaf ture itti fufinsaan kan hin furre ta’uu ibsuun “qoricha bayyanannaa Badhaadhinni kenne” jedhan Obbo Dayyaamon.
Murteen gaaraa mootummaa biraa gadi kenname kun gara fuulduraatti gaaffii kaasuu akka hin oolles himu.
“Qotee bulaaf yoo ilaalle jijjiirama heddu hin qabu. Gaaffiin qotee bulaa sadarkaa aanatti tajaajila argachuudha.”
Qabatamaatti dhimmoota bulchiinsa gaarifi diinagdee milkeessinaan fudhatama qabaachuu akka danda’us tilmaama isaanii kaa’un, “sanaan alatti gaaffileen ni deebi’a jedhanii yaadun hin danda’amu” jedhan.
Obbo Gobazeefi namoonni siyaasaa Walaayittaa biroo murtee ummataa dhiyeenya Walaayittaatti gaggeeffame hin fudhatan.
Heera biyyattii cinaatti dhiisun “murtee paartii galmaan gahuuf murtee ummataa maqaadhaf gaggeeffameedha” jedhu Obbo Goobazeen.
Murtee mirga ummataa kan sarbeefi gaaffii ummataa dhiisun “yaada aangawoonni kaasan gara fuula duraatti kan fide, pirojektii hamaa fedhii ummata Walaayittaa qoru akka ta’e argineerra” jedhan.
'Murtee ummataa maqaaf gaggeeffame'
Murtee ummataarratti ummanni lakkoofsaan guddaa ta’e hirmaachuun murtichi amanamaadha hin jechisiisuu gaaffii jedhuuf Obbo Dayyaamon ummanni dhiibbaa angawoonni godhaniin bahuu akka danda’u kaasan.
“Fakkeenyaf, ‘Qophaa kee naannoo hundeessuu barbaaddaa?’ jedhee gaaffin hin dhiyaanne.
''Gaaffichi ‘Naannoo diigamaa jiru keessa turta moo kilaastara haaraa keessatti dabalamta?’ kan jedhudha” jedhan.
“Kanaaf ummanni heddumminaan bahus dhiisus filannoo maal qaba?” jechuun gaafatu.
Obbo Goobazeenis yaada kana deeggaru; ummata Walaayittaa keessaa filachuu kan danda’u miliyeena 2.5 ta’us dhiibbaa garaa garaarraa kan ka’e dhibbeentaa 30 qofni akka filate ibsuun lakkoofsi kun ulaagaa idil-addunyaatin illee fudhatama akka hin qabne ibsan.
Sababa kanaan murteen ummataa kufaa akka ta’uuf “biiroo Ministeera Muummee kaasee dhaabbilee saddeet mana murtiitti dhiyeessineerra.
''Adeemsichi mana murtiin laalamee bu’aan kan dhufu ta’a,” jechuun naannoon Walaayittaa hanga hundaa’utti gaaffiin isaanii akka itti fufu himan.
Abbo Dayyaamon ammoo naannoleen haaraa hundeeffaman fudhatamummaa [Paartii] Badhaadhinaaf murteessaa akka ta’e himu.
Naannoleen kun hundaa’uusaaniin ummanni tajaajila itti dhiyeenyan akka argatu kan gargaaru yoo ta’u, kanatti fayyadamuun milkaa’uu akka danda’an ibsan.
Garuummoo malaammaltummaan babal’achuun, pirojektoonni federaalaan hojjataman dhabamuun, ekisteenshiniin fayyaa baadiyyaa bittannaa’uu eegaluufi itti gaafatamuummaa dhabuun aangawootaa wantoota furmaanni itti godhamuu qabaniidha.
Gaaffileefi qormaatawwan ittaanan
Gaaffiin naannoo ta'uu deebi’eera jedhamus ammayyuu dhimmoonni ka’an jiru.
Kanneen keessaa gaaffii magaalaa guddoo kan jedhu tokko akka ta’e kaasu Obbo Dayyaamon.
Naannoo Kibba Lixaa Itoophiyaatti biiroolee bakka garaa garaa gochuun deebisuuf yaalamus gaaffiin magaalaa guddoo garuu qormaata ta’uu danda’a jedhan.
Obbo Dayyaamon akka jedhanitti Paartin Badhaadhinaa paartii ‘sabarratti hin hundoofnedha’ jedhamus aangoo gaafa kennu sabarratti hundaa’ee ta’uusaa waan hin oolle waan ta’eef gaaffiin akka irratti ka’u gochuu mala.
“Bakka aangoo qooddachuun ifatti hin eegalle malee sabni kun kana argate, saba sanaaf ammaa kana kan jedhu ADWUI irraa kaasee kan tureedha.
''Bakka bu’ummaa gahaa hin arganne, sabaan kana qofaatu nu gahe kanneen jedhan komiin in jiraatu.''
Akka Obbo Goobazeen jedhanitti dorgommiin kun saboota gidduutti shakkiifi ija hin taanen wal-ilaaluu kan fiduudha.
Gama biroon ammoo gaaffilee misoomaa deebisuun wal-qabatee qormaanni biraa mudachuu akka malu kaasan Obbo Dayyaamon.
“Naannoo haaraa wajjiin godina taatu jedhamee bifa ifa hin taaneen qondaaltota mootummaatin kan itti himame jira.
''Godina hin arganne taanaan mufiin itti fufa,” jechuun qormaatni naannolee haaraa akka eeggatu dubbatu.