Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raayyaan ittisaa 'hidhattoota maqaa Faannoon socho'an irratti tarkaanfiin fudhadha' jedhe
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Naannoo Amaaraa keessatti hidhattoota maqaa Faannoon socho'aniifi Oromiyaa keessattis hidhattoota WBO irratti tarkaanfii fudhachaa akka jiru beeksise.
Hoogganaa Kominikeeshinii Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ta'an koloneel Geetinnet Adaanee ibsa ALI Adoolessa 25/ 2015 kennan waabeffachuun miidiyaan biyyaalessaa akka gabaasetti raayyaan ittisaa ''hidhattoota maqaa Faannoon socho'aa nagaa booressan irratti tarkaanfii ni fudhata,'' jedheera.
Ji'oota muraasa darban murtee mootumaan federaalaa humnoota addaa naannolee diiguun caasaa nageenyaa kaanitti makuuf baase hordofee, naannoo Amaaraa keessa diddaafi walitti bu'iinsi dhalateera.
Naannolee tokko tokkotti ammoo humnoota addaa naannichaa murtee kana fudhachuu didan akkasumas hidhattoota naannichaa fi qaamolee nageenyaa federaalaa gidduu walitti bu'iinsi mudataa jira.
Qaamoleen nageenyaa mootummaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu ittiin jedhanii eegalaniin lola hidhattoota waliin adeemaa jiruun ji'oota darban kana lubbuun namaa darbaa jira. Muddamni kun bakka adda addaattis itti fufeera.
Gondar, Qobboo, Waldiyaa, Shawaa Roobiit fi iddoolee biroottis torbanoota darban walitti bu'iinsaa fi haleellaawwan banamaniin miidhaan qaqqabeera.
Hoogganaan hariiroo hawaasaa raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa koloneel Geetinnet ibsa kennan keessatti Naannoo Amaaraa bulchiinsa Gondar bakka Cuwaahitiifi Qollaadibbaa jedhamutti haleellaan tasaa miseensota waraanaa isaaniirratti baname akka ture dubbatan.
Haleellaa tasaa raawwatameen miidhaa qaqqabe garuu aanga'aan kun hin dubbanne.
Haata'u malee, haleellaa kana hordofee hawaasa naannoo, dargaggoofi jaarsolii waliin mariin erga gaggeefamee booda taateen sun ''dhiifamaan goolabameera'' jechuun isaaniis gabaafameera.
Naannoo Amaaraan alattis Naannoo Oromiyaa keessatti hidhattoota WBO kan mootummaan Shanee jedhu ''hojiin barbadeessuu'' jabaatee itti fufeera jechuun isaaniis gabaafameera.
Koloneel Geetinnet waayee Naannoo Amaaraa keessa haala jiruu yoo dubbatan, walittu bu'iinsa lafatti mudataa jiruun cinaatti, duulli miidiyaa guddaan banamuus dubbataniiru akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti.
Tarkaanfii mootummaan federaalaa hidhattoota Faannoofi humnoota addaa murtee mootummaa diduun baqatan irratti tarkaanfii fudhachaa jiruun namoota nagaafi qaamolee hunda irra duutiifi miidhaan kaan qaqqabus, miidhama gahaa jiru kana ilalchisee qaamni mootummaas ta'e kaan wanta jedhan hin qaban.
Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa Ebla darbe ibsa baasen naannoo Amaaraa keessa walitti bu'iinsa raayyaa ittisaa fi hidhattoota naannichaa gidduutti dhalateen lubbuun namaa darbuu ibsee ture.
Komishinichi ibsa isaa keessatti tarkaanfii seera kabachiisuu mootummaan federaalaa Kaaba Goondar, Kaaba Walloofi Kaaba Shawaa keessatti gaggeessaa jiruun walitti bu'iinsi meeshaalee gurguddaan dabaalame raawwatamuus eeree ture.
Torbanoota darbanis Gondar, Waldiyaa fi Shawaa Roobiititti walitti bu'iinsi itti fufee jiraachuu BBC'n jiraattota irraa odeeffatee ture.
Sababa kanaattis naannolee adda addaatti tajaajilli geejibaa idileen fi sochiin hojii danqamuu akkasumas yaaddoon jiraachuu jiraattotni dubbatanii turan.
Kun kanaan osoo jiruu abbootiin amantaafi jaarsoliin biyyaa godinaalee Amaaraa hundarraa babba'an haala yeroo akkasumas dhimma nageenyaarratti dubbachuuf magaalaa guddoo naannichaa Baahirdaaritti walgahii taa'uun isaanii gabaasameera.