'Qe'eetti yoon deebi'e na ajjeesu'- Qonnaan bulaa Gujii

Obbo Haayilayesuus Waaqoo qonnaan bulaa Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa Ganda Maanadanaa jedhamu keessa jiraataa turan yoo ta'u, mana sadii dhaabbachuun ijoollee 49 horachuu himu.

Haata'u malee, yeroo ammaa sababii rakkoo nageenya naannawaa isaanitiin wal qabatee erga qe'eesaanii dhiisanii irraa baqatanii waggaa shanitti dhiyaachuu BBCtti himan.

Maaliif akka baqatan yoo himanis, lubbuusaaniitiif sodaatanii akka ta'e himu. ''Yoon deebii'e na ajjeesu jedheen sodaadha. Duras na barbaadanii jennaan baqadhe,'' jechuun maaliif akka qe'ee saaniitti deebi'uu sodaatan kan ibsan.

Sababbiin qe'eerraa baqachuusaanii inni guddaan ammoo qaamoolee nageenyaatiin ''hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) deeggarta,'' jedhanii waan adamsaniif akka ta'e dubbatu.

Haataa'u malee, qondaalli mootummaa naannichaa himannaa maanguddoo kanaa hin fudhatan.

Bulchaan Aanaa Bulee Horaa Obbo Qumbii Arbaa, himannaa qonnaan bulaan Hayilayesuus dhiyeessan ilaalichisuun deebii BBCf kennaniin, ''namni qe'eerraa isaan buqqise hin jiru,'' jedhan.

Gama biraatiin ammoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)tti komishiniin mirgoota namoomaa qoratu ibsa dhiheenya baaseen, humnoonni mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti namoota nagaa murtii seeraa malee ajjeesaa, hidhaafi dararaa jiru jechuun himate.

Itti dabalunis, Oromoonni sivilii ta’an WBO waliin hidhata qabdu jedhamuun qabamuufi hidhamuun hedduu ta’uus Komishinichi ifa godheera.

Obbo Haayilayesuus garuu sodaa qabaniin erga qe'eesaaniirraa fagaatanii waggaa shan ta'uu himan.

Maanguddoon kunis ofii isaaniitiif hidhattoota WBO waliin hidhata qabaachuufi deeggaruu haa waakkatan malee ilmisaanii hidhattoota kanatti makamuu hin dhoksine.

Naannoo Oromiyaa bakkeewwan hidhattoonni WBO bal'inaan keessa socha'aniitti, jiraattoonni hidhattootaafi humnoota mootummaan akka dararaman himu.

Jiraattoonni humnootii mootummaatiin hidhattoota deeggartu yoo jedhaman, hidhattoonni ammoo, mootummaa waliin hidhata qabdu jechuun gama lamaan rakkoof saaxilamaa jiraachu yeroo garaa garaatti gabaasuun keenya ni yaadatama.

Godinni Gujiis godinaalee naannoo Oromiyaa hidhattoonni WBO fi humnoota mootummaa yeroo garaagaraatti itti walitti bu'an keessaa tokko.

Badii maali himatu?

Obbo Hayilayesuus ALI bara 2011tti erga qe'erraa baqataniin booda manneen jireenyaa isaanii kan qorqorroo fi buyyoo (citaan) walumatti manneen sadii jaalaa gubachuu dubbatu.

Bara kana keessa ammoo biqiltuun buna heektara afur kaampii waraanaa ijaarra jechuun bakka qaamoleen nageenyaa fi bulchaan aanichaa itti argamanitti hawaasa naannichaatiin cirsiifamuu himatu.

''Maatiis osoo hin mari'achiisin akkasumas shallaggii tokko malee bunakoo hanga kanaa na jalaa ciran,'' jedhu.

kana malees ijoollee isaanii abbaa keessan fidaa jedhamuun baatii torbaaf, hawwaan isaanii ammoo baatii jahaf hidhanii gadhiifamuu dubbatu.

Walitti bu'iinsi mootummaa fi hidhattoota WBO jidduutti gaggeeffamus osoo mariidhaan furamee, silaa ''namoonni akka kootii qe'eerraa buqqa'an gara qe'eesaanitti deebi'u,'' jechuun abdii qaban himu.

Namoonni walitti bu'iinsa naannawa isaaniitti gaggeeffamu jalaa gara magaalaa dhiyeenyatti argamutti baqachuun hojii humnaa hojjatan jiraachuu dubbatu Obbo Haayilayesuus.

Maanguddoon kun ilmisaanii kan abbaa ijoollee shanii ta'e hidhattoota naannicha keessa socho'aniitti dabalamuu isaatiin wal-qabatee, qaamoleen nageenyaa ilmasaanii kana ''fidaa'' jechuun maatii isaanii akka dararan himu.

Mudannoon akkasii kunis waan naannicha keessatti maatiiwwan hedduu mudatu ta'uu, Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa gabaasa isaa haala qabiinsa mirga namoota naannichaatti mana hidhaatti argamanii irratti kanaan dura baaseen himunsaa ni yaadatama.

Walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota WBO gidduutti naannichatti gaggeeffamuun qonnaan bultoonni kaanillee miidhaaf saaxilamusaanii kaasu.

Dhimma kanarratti qondaala Godina Gujii Lixaa dubbisuuf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne.

Rakkoo na mudateera jedhan kanas jaarmiyaa mirga namoomaaf falmuu Aminastii Intarnaashinaal damee Finfinneetti himachuu dubbatu.

Maanguddoon kunis bakka jireenyaa isaanii kanaa lafa qonnaa heektara 37 ta'u qabaachuu kaasuun, amma garuu rakkoo keessa jiran irra kan ka'e waanta nyaatamu dhabaa jiraachuu himatu.

''Naannoo keenyaatti kan nama miidhu waraana fi caasaa mootummati. Nama hidhu. Milishaan gandaa ammoo horii gurguratu, ni qalatus,'' jechuu himatu.

Gama kaaniinis hidhattoonni humnoota mootummaatiin ala ta'en Godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti ajjeechaa raawwachuu, manneen namootaa gubuu, ugguranii maallaqa gaafachuu fi kaaniin himatamu.

Dureewwan hidhattoota WBO garuu himanna akkasii kana waakkachuun siriiyyuu qaama walabaatiin akka qoratamuuf yoo gaafatan dhagahamu.