Bu'uura Barreeffama Afaan Oromoo: Imala gaaffii seenaa afaanichaarratti ka'aniif deebii soquu

Afaan abbaasaa ta’ee kan afaan itti hiikkate; sadarkaa tokkoffaa hanga yunivarsiitiitti kan ittiin baratee, barsiise; kan ittiin qorate; kan dhaddacharra dhaabbatee ittiin 'muggute'; kan yaa’ii Caffee waamee ittiin seera tumee lallabe; kan ittiin kora taa’ee murtoo dabarse; kan gaaddisa taa’ee ittiin araarse; kan ittiin sirbee, weeddise… hunduu gaaffii ‘Afaan Oromoon barreessuun yoom jalqabe?' jedhu gaafachuun isaa hin oolu.
Garuu hanga ammaatti deebiin quubsaa argatan hin jiru.
Gaaffii kanaaf deebii dhabuu caalaa ammoo deebii gaaffichaaf kennamutu gaaffii biraa kaasuu isaati.
Namuu akkuma akka itti fakkaateen hubateera ykn deebii kenna - wal hin fakkaatu.
Barsiistuufi qorattuu kan taate Aadde Askaalee Tarfaa Seebaafis gaaffiin kun akkuma nama kaanii gaaffii ture.
Garuu gaafatanii hin dhiisne. Deebii, keessumaa ammoo deebii sirriifi ragaa amansiisaa qabu argachuuf karaa fagoo imalan; karra cufaa baayyee bansiifachuun waa hedduu soqan.
Duuba deebiyanii seenaa qoratan; qe’ee abbootii argaa-dhageettiitti marmaaran; hayyoota angafoota ta’an faana dha’an; godambaalee biyyaafi baar-gamaa keessaa iyyaafatanii iyyaafachiisan, Aadde Askaaleen.
Kanarraa ka’uun, bu’aa ba’ii Afaan Oromoon barreessuun keessa darbeefi eenyufaatu gumaacha hin dagatamne taasie jedhuuf kitaaba ‘BU’UURA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO’ jedhu barreessan.
Kitaabni bara 2023 keessa marsaa lammeessootiif maxxanfameefi tarreefama wabiilee dabalatee fuula 242 qabu kun, gaaffilee keessan-Afaan Oromootiin barreessuun yoom jalqabe? Qubee akkamiitiin? Eenyufaatu yaadatama? kanneen jedhaniif deebii qabateera.
Qorannoo kana gaggeessuuf wantoonni gurguddoo ta'an sadi akka bu'uura ta'aniif himu Aadde Askaaleen.
''Tokkoffaa yeroo barreessituun afaan kana sadarkaa adda addaatti barachaa turtetti wantota deebii itti barbaaddee deebii hin argatiin hafte argachuuf; lamaffaan barreessituun sadarkaa adda addaatti barsiistuu yeroo turtetti barattoota adeemsa baruu-barsiisuu keessatti gaaffilee adda addaa yeroo garagaraatti baruuf gaafachaa turaniif deebii argamsiisuuf; inni sadafaaan, barreeffamoota Afaan Oromoo yeroo adda addaatti barreefamaniifi namoota barreessaa turan hojiiwwan isaanii waliin haala qabatamaa qorannoo argame hubannoo uumuudha," jedhu.
Seenaa barreeffama Afaan Oromoorratti yaadota garagaraa
- Ittiin barreessuun yoom jalqabe kan jedhurratti
Afaan Oromoon barreessuu jalqabuu ilaalchisee yaadota gara garaatu kennama. Fakkeenyaaf, Qubeen Afaan Oromoo har'a ittiin barataafi barreessaa jirru yoom eegalame? gaaffiin jedhu yoo gaafatame deebii wal hin fakkaannetu kennama.
Gariin bara 1979 barreeffamuu eegale jedhu. Kaan ammoo bara 1991 [bara Charteraa] irraa kaasee Qubee Laatiniin barreeffamuun jalqabame jedhu.
Yoom kana qofa, warri xiqqoo seenaa barreeffamaafi og-barruu Oromoo ilaalchisuun waa qoratan ammoo xiqqoo achi fageessanii bara 1960oota gara dhumaa ykn baroa 1970 gara jalqabaa Hayilee Fidaa hayyoota biroo waliin ta’uudhaan Qubee Afaan Oromoo Laatiniirraa itti madaqse jechuu malu.
Afaan Oromootiin barreessuun Mishinaroota Jeeswiit ykn Jarman jaarraa 15ffaa booda gara Itoophiyaa dhufaniin jalqabame jechuun ragaa garagaraa kan dhiyeessanis jiru.
Bara Onesmoos Nasiib [Abbaa Gammachiis] Afaan Oromootiin Kitaaba Qulqulluu barreesse kan jalqabe kan itti fakkaatus hin dhibamu.
Yookaan ammoo bara Sheek Bakirii Saphaaloo afumaan qubee Afaan Oromoof ta’a jedhan uumanii ture sana kan jalqabe jedhu.
Dubbichi garuu kana hundarra ni tara. Aadde Askaaleen qorannoo gadi fagoo gaggeessuun kitaaba BU’UURA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO barreessaniin deebii rogaa akeekuurra darbee, qorattoota biroo Seenaafi Afaan Oromoo qorachuu fedhaniif xurree saaqaniiru.
- Eenyuti ittiin barreessuu jalqabe kan jedhurratti
Eenyuti Afaan Oromootiin barreessuu jalqabe kan jedhus gaaffii deebii wal fakkaataa hin argatiin jirudha.
Kanneen Hayilee Fidaa jedhan jiru. Kanneen ammoo Sheek Bakirii Saphaaloo jedhanis jiru. Lakki, Onesmoos Nasib [Abbaa Gammachiis] kanneen jedhanillee hedduudha.
“Harcaatiin [deebiin wal hin fakkaanne] kun maaliif ta’e kan jedhu gaaffii natti uuma ture. Tokko kana hima, inni kaan waan biraa hima,” jechuun Afaan Oromoo Sadarkaa Qophaa’inaa, Kollejjiifi Yunivarsiitiitti yeroo barsiisanitti kan isaan mudate gara qorannootti akka fuulleffattu isaan taasisuu dubbatan Aadde Askaalee Tarfaa.
Dhaloota kana maal barsiifna kan jedhu gaaffii natti uume kan jedhan Aadde Askaaleen, qorannoo gaggeessuu jalqabuuf akka kaka’an turtii BBC waliin taasisaniin dubbatan.
“Kaan Hayilee Fidaatu jalqabe jedhu; kaan ammoo Onesmoos Nasiib jedhu, akkuma kanammoo Sheek Bakirii Saphaaloo jedhu. Barri himamus bara garagaraati. Barri jalqabe wal hin fakkaatu, akkasumas namni jalqabe tokko hundi irratti waliif galu hin jiru kan jedhuuf deebii argachuufan qorannoo gaggeessuutti seene.”
Akka barreessituun kun jedhanitti, burjaajiin ykn addaan faca'uu yaadaa kan fidan sirnoota darban keessatti ummanni Oromoo afaan isaa ifaafi bilisaan barreessuufi irratti qoratee seenaa waaltessaa deemuun haa hafuuti, sirna itti afaan isaa bilisaan dubbachuu hin dandeenye keessa dabarsuu isaati.
Kanneen baroota garagaraa namoota adda addaan barreeffamaa turanis akka haftee hin qabaannetti gubamaa ykn dhoksamaa turaniiru.

Qorattuun ragaa akkamiin, eessaa argatte?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Afaan Ormoo ilaalchisee yeroo baayyee ragaafi dokimantoonni baayyee barbaadamoo ta'an biyya keessa hin jiran; yoo jiraatanis ni dhukfamu komiin jedhu yeroo hedduu ni dhiyaata.
'Kitaaba gaaffii seenaa barreeffama Afaan Oromoof bu’uura kaa’e kana barreessuuf ragaalee argachuun hangam rakkisaa ture?' gaaffii jedhu BBCn Aadde Askaaleef dhiyeesseera.
Yeroo magaalaa Adaamaatti Mana-barumsaa Qophaa’inaa barsiisaa turanitti, mudannoo barataasaanii akka hayyoota buleeyyiifi abbootii argaa-dhageettii faana dhooftuuf ka'umsa ta'eef yaadatu.
Kun ammoo seenaafi ragaa imaanaadhaan hayyuu Oromoo tokko bira olkaa’amee jirutti isaan geessuufillee carraa akka baneef ibsan.
"Gaaffii barattootaaf dhiyeesseen deebii garagaraa argadhe keessaa tokko deebii addaafi qabatamaa naaf kenne. Isa addatti waameen, 'eessaa fidde' jedheen gaafadhe. Barataa kanaaf namni ani seenaa Oromoofi Afaan Oromoo keessatti maqaasaa beeku Dr. Sheek Mohaammad Rashaad akaakayyuu isaati," jedhu Aadde Askaaleen.
Kana hordofee, Dr Sheek Mohaammad Rashaad bakka dhukkubsatanii, dadhabanii ciisan Harar deemanii ragaa ka’umsaa irraa argachuu yaadatu.
“Si’a lama deemee odeeffannoo na barbaachisu irraa argadheera. Ilmisaanii [Dr. Sheek Mohaammad Rashaad] biyya Sa’ud Arabiyaatii dhufanii ‘si barbaadna naan jedhanii’ na waamsisani. Si'a lamaffaa yeroo deemu kanatti kitaabota 42 kan nama tokko bira hin jirreefi nama biraatti kennuu hin barbaadne naaf kennani.”
Dr. Sheek Mohaammd Rashaad ammoo aadaa, seenaafi Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacha addaa taasisaniiru. Afaan Oromootiin raadiyoon akka jiraatullee kan taasisan nama jalqabaa seenaan yaadatudha.
Kitaabota qorannoof isaan gargaare irra jireessaan kan argatan Dr. Nagaasoo Gidaadaa pirezidantii duraanii Itoophiyaarraa ta’uu himu qorattuun kun.
Keessumaa, kitaabota biyya alaa mana-kitaabaa Jarmaniirraa Dr. Nagaasoo akka fidaafii turan kaasu.
“Yeroo garagaraa wallaansaaf Jarmanitti deddeebiyaa kan turan Dr. Nagaasoon, kitaabota hedduu biyya keessatti hin argamne naaf fidaniiru.''
''Nan yaadadha, yeroo tokko takkaatti kitaabota 18 naaf fidaniiru. Mana-kitaabaadhaa baasanii waan fidaniif koppii ta’uuyyu waan hin danda’amneef ji’a tokkoffaa na bira turee irraa dubbisa. ID [waraqaa eenymmaa] haadha warraa isaaniitiin baasanii naa fidaa turan. Kitaabonni sun gurguddoofi waggaa 430 kan turanifaadha," jedhan.
Kana malees, hayyoonniifi namoonni siyaasaa buleeyyii seenaa, aadaafi Afaan Oromoo ilaalchisee kitaabota barbaachisoo addatti walitti qabamaniifi ol kaa’aan akka argattuuf carraa kennuufii dubbatu Aadde Askaaleen.
Mana-kitaabaa Yunivarsiitii Finfinnee keessaas kitaaba ‘namni kamiyyu argachuu hin dandeenye' jedhamus tooftaa garagaraan argachuu akka danda’an ibsu.
Dabalataan ammoo namni Nagaash Qimaant jedhamu, kitaabota seenaa Oromoo ilaallatan namni kamuu argachuu hin dandeenye soqee baasu, akka gumaacha addaa isheef taasise kaasu.
“Kitaabonni seenaa Oromoo, aadaa Oromoo, Afaan Oromoo waan ajaa’ibaa ta’e nama kana bira jira.
Keessumaa yeroo Xaaliyaaniin biyya kana weerarte Afaan Oromoo afaan hojii biyyattii ture. Waggaa shaniif afaan barreeffamaafi afaan hojii tureera. [Kan kana ilaallatu] nama kanarraa gara kitaabota 20-30n argadhe.”
Barataa Sheek Bakirii Saphaaloo kan turan hanga Harargeetti deemanii dubbisuutti hayyoota seenaafi argaa-dhageettii hedduurraa ragaa walitti qabataniiru.
Godambaalee Kumsaa Morodaa Naqamteefi kan Abbaa Jifaar Jimma keessaas ragaan argatan jiru.
Biyya keessaa hanga alaatti kitaabota seenaafi aadaa, barbaadanii, fagoo deemanii iyyaafachuun kitaaba kana qopheessuuf maaltu si kakaase jechuun gaaffii dhiyaateef akkas jechuun deebisan Aadde Askaaleen.
“Ani maatii amantii [kiristaanaa] keessattin dhaladhee guddadhe. Kitaaba Qulqulluu Onesmoos barreessetu mana keenya jira ture. Obbolaan kudhanan qabu keessaa abbaankoo wangeela sana fuudhanii natti kennani. Wangeela sanarraa waan laman hubadhe --[amantiifi eenyummaa]."
Amantaafi eenyummaan keessatti guddatan qorannoo gaaffii kanneen deebisan hojjechuuf akka dhimmaman taasisuu dubbatu.
Gama kaaniin, koorsiin kollejjiitti baratte seenaa Afaan Oromoo kaasu 'Survey of Afaan Oromoo' jedhamus ka'umsa ta'eeraaf.
Koorsiin kun ummanni Oromoo afaan isaatiin akka hin baranneefi ittiin hin hojjenne dhiibbaa taasifamaa ture kaasa.
Kun ammoo dhimmanii akka qoratan taasisuu himu Aadde Askaaleen.
Seenaan barreeffama Afaan Oromoo dheeraadha
Akka baayyeen yaadutti osoo hin taane ummanni Oromoo seenaa barreeffamaa dheeraa qaba jedhu qarattuun kun.
"Afoolaan qofa miti ummanni Oromoo badhaadhaa kan ta'e. Og-barruu [seenaa baayyee dheeraa ta'es] qaba.
Kitaabni kun Afaan Oromoo seenaa barreeffamaa hangam qaba? gaaffii jedhu sirriitti deebiseera kan jedhan Aadde Askaaleen, "ragaa qabatamaa yeroo sana ture wajjin sirriitti deebiseera," jedhan.
Qubeen Afaan Oromoo har'a ittiin barreessinu seenaa fagoo qabaachuu kaasu. Qubeen Laatinii amma Qubeen Afaan Oromoo irraa madaqfame kun siriin isaa Herogiraafiksiifi Heraatiksii kan jedhan qorattuun kun, kana jechuun ammoo seenaan barreeffama Oromoo bara durii gara Kushitti akka deebiyu akeeku.
"Waggoota 700 dura ummanni Kush bifa Herogiraafiksiifi Heraatiksiin itti fayyadmaa tureera. Barreeffamni isumarraati ammayaa'aa dhufe. Kanaaf, ummanni Oromoo durirraa kaasee barreeffama qaba, durayyu kan isaati."
Kitaabni 'Bu'uura Barreeffama Afaan Oromoo' jedhu kunis maddawwan seenaa barreeffamanii baroota dheeraa turan waabeffachuun, hundeen barreeffama Afaan Oromoo gara duubaatti fagoo akka deemu akeeka.
'Qubee isaaf ta'u afaanichumatu filata'
Qubeen Afaan Oromoo amma ittiin barreessinu kun ittiin barreessuuf mijataa ta'uun isaa hayyoota dhimmi ilaallatuun qoratamee kan mirkanaa'e bubbuleera.
Isa dura garuu hayyoonni yeroo gara garaatti qubee Afaan Oromootiif ta'u argachuuf yeroo garagaraatti falaa akka turan seenaan ni hima.
Imaammata afaan mootummoota Itoophiyaa darbanii baayyee rakkkisaa ture keessattillee carraaqqiiwwan hayyoonni Oromoo dhuunfaan aadaafi Afaan Oromoo guddisuuf taasisan jabaadha jedhu hayyuun Oromoo buleessi Piroofeesar Makiriyaa Bulchaa.
Isaan keessaas gumaacha Sheek Bakirii Usmaan Odaa [Sheek Bakirii Saphaaloo] qubeen Gi’iiziifi Arabaa Afaan Oromootiif hin ta’u jedhanii haaraa bocanii ittiin barreessaa turan, akkasumas kan Hayilee Fidaa Gamataa Barattoota Oromoo Awurooppaatti hooganuun Qubee Afaan Oromoo ammayyaa qorannoon mirkaneessa akka addaatti kasu Piroofeesar Makuriyaa Bulchaa.
Qubee Sheek Bakirii Saphaaloo Afaan Oromootiif ta'a jedhanii bocan, akkasumas Gi'iizii akka ka'umsaatti fudhachuun kan hanqate akka qubee 'DH'faa bocanii itti dabaluun ittiin barreessaa kan turan Onesmoos Nasiib warra akka fakkeenyaatti ka'an keessaati.
Garuu namoonni dhuunfaan ykn gareen fedhii siyaasaa adda ta'e qaban Qubee Afaan Oromoo kanarraa mormii qaban 'harka wayyaa jalaan' yeroo maaliif qubee Gi'iiziin hin taane jechuun gaaftan dhaga'amu.
Baroota 1960 gara dhumaafi 1970 gara jalqabaa Hayilee Fidaa (PhD) fi hayyoonni hiriyyootasaa ta'an falmii Afaan Oromoon Gi'iiziin yoo barreeffamemoo qubee Laatiniirraa madaqfameen wayya jedhu tureef deebii qorannoon deeggarame kennaniiru.
Kitaabni Aadde Askaalee booqonnaawwa gurguddaa ja'atti qoodame kun ammoo gaaffii 'bifa siyaasaa qabu kanaafis deebii kenneera.
Afaan tokkoof ittiin barreessuuf qubee mijatu namatu filata osoo hin taane afaanichumatu qubee isaaf wayyu filata jedhu.
"Afaanichumati qubee isa kana naaf wayya jedha. 'Waan barreessitu akka dubbattetti barreessi; waan dubbistu ammoo akka dubbattetti dubbisi' kan jedhu seerri afaanii bu'uura ta'e jira," kan jedhan barreessituun kun, kun ammoo afaan tokko qubee ittiin bakka bu'u ofumaan akka filatu taasisa jechuun ibsu.












