Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baayern Munik Luwis Diyaaz mallatteessisuuf Liiverpuul waliin waliigalteerra gahe, Isaak hoo?
Luwis Diyaaz Liiverpuul keessaa bahuun Baayern Munik galuuf waliigaltee xumuraa irra gahe.
Baayern Muunik taphaticha fudhachuuf paawondii miliyoona 65.5 kaffala. Baayern jalqaba paawondii miliyoona 58.6 dhiyeeseefii ture. Liiverpuul osoo hin fudhatiin hafe.
Diyaaz tapha michummaa Liiverpuul Sanbata duraa AC Miilaan waliin taasisuun 4-2 mo'ame keessaa hafeera.
Kunis jijjiirraa kana waliin wal qabatee akka tahe hiameera. Liiverpuul Diyaaziif eeyama kennuun Eeshiyaa irraa gara Awurooppaatti imaluun qorannoo medikaalaa Baayern Muunik wlaiin gaggeessuun akka jijjiirraa isaa milkaa'uuf eeyyama kenneeraafii.
Liiverpuul ganna kana Huugoo Ekitikee fi Filooriyaan Wiirzi mallatteessiseera. Isaan lameen sarara duraa Liiverpuul irratti dhiibbaa gaarii uumu jedhamee eegama.
Diyaaz pawwondii miliyoona 37'n Poortoo irraa gara Liiverpuul kan deeme Amajji 2022 ture.
Taphoota 148 irratti galchiiwwan 41 lakkoofsiseera. Bara darbe Liiverpuul yeroo waancaa Piriimer Liigii mo'atu Diyaaz galchii 13 lakkoofsise.
Walumaagalaan galchii 17 bara 2024-25 lakkoofsise. Kun turtii isaa Liiverpuul keessatti isa baay'ee milkaa'aadha.
Baayern Muunik ammoo bara darbe galchii 99 lakkoofsisuun waancaa Bundisliigaa 34ffaa mo'ataniiru. Garuu Shaampiyoonsi Liigii fi Jarman Kaappii keessaa dafanii bahan.
Baayern Muunik Shaampiyoonsi Liigii keessatti cimsee hojjechuu barbaada. Taphattoota akka Haarii keenii fi Maayik Oolisee garee isaatti dhiyeenya kan dabale Baayern Muunik Diyaaz waliin sarara fuula duraa isaa akka malee cimsachuu danda'a.
Liiverpuul ammoo sarara duraa irratti erga Ekitikee dabaleeyyuu Piriimer Liigii keessatti gahumsa guddaa irratti kan argamu Aleeksaander Isaakiin Niwkaastil irraa mallatteesisuu barbaada.
Liiverpuul yoo Niwkaastil taphaticha gurguruuf eeyyamamaa taheef gatii rikardii tahe dhiyeessuuf akak jedhu himameera.
Liiverpuul bara darbe jijjiirraa taphattootaaf maallaqa guddaa baase hin qabu. Bara kana garuu hanga ammaatti Paawondii miliyoona 300 ol baasii godhaniiru.
Isaakiif gatii rikardii tahe kan dhiyeessan yoo tahe baasiin Liiverpuul bara kanaa gara paawondii walakkaa biliyoonaatti siquuf jedha.
Arsenaal hanga ammaa pawwondii miliyoona 204 tahuun taphattoota ciccimoo mallatteessiseera.
Viiktar Giyookeres tapha michummaa Arsenaalii fi Niwkaastil irratti deeggartootaatti baasuun simatameera.
Oduu biraan maanchister Yuunaayitid ammayyuu taphataa sarara fuula duraa barbaadaa jira. Randal Kooloo Mu'aanii PSG irraa mallatteesisuuf Juuvantas waliin wal morkachuu akka danda'an gabaasonni bahaniiru.
Maanchister lamaan karra eegaa PSG Doonaaruumaa mallatteesisuuf gaaffii dhiyeessaniiru.
Doonaaruumaan kontiraata isaa PSG wlaiinii hin haaressine. Galatasaareenis taphaticha akka barbaadu ibseera.
Waancaa Shaampiyoonsi Liigii PSG waliin kan injifate Doonaaruumaan Cheelsiidhanis barbaadamaa ture.
Arsenaal Ebereche Eezzee guyyoota muraasa fuuldura keenyaa keessatti akka mallatteesisu himameera. Eezzeen garee Mikeel ARteettaatti makamuu barbaada.