Itoophiyaafi Raashiyaan wanti waliin hojjechuuf waliigalan maali?

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad konfiransii anniisaa Atoomawaa Raashiyaatti gaggeeffamaa jirurratti argamuun Itoophiyaa sagantaa nikularaa amansiisafi fakkeenyummaa qabu akka ijaartu ibsan.
Gabbisa nikularaa kaayyoon ilaallatu kan Raashiyaatti gaggeeffamuu eegale irratti hirmaachaa akka jiran Waajirri isaanii beeksiseera.
Konfirensii World Atomic Week jedhamu Moskootti guyyoota sadiif gaggeeffamurratti argamuun haasaa kan taasisan MM Abiy, Itoophiyaan waggootaaf anniisaa magariisa irratti xiyyeeffachuun hojjataa turuufi teeknolojiin nikularaa anniisaa faalama qilleensaa hin geessisne ta'uusaan kutannoo anniisaa magariisaa Itoophiyaan hordoftuuf murteessaa ta'uu dubbatan.
Hidha Haaromsaa Guddicha dhiyeenya eebbifame akka fakkeenyatti kaasuun Itoophiyaan madda anniisaa magariisaaf gumachuuf agarsiistuu cimaa ta'uus kaasan.
"Waggoota kudhanii oliif Itoophiyaan anniisaa magariisa irratti kutannoon hojjachaa turte. Hidhi Haaromsaa Guddichi, Afrikaatti guddicha ta'e, kutannoo nuti qabnuuf fakkeenya ta'ee kan mul'atuudha," jedhan.
Itoophiyaan anniisaa amma qabduun daangahuu akka hin barbaannefi karaalee ittiin jireenya lammiilee biyyattii jijjiiruun danda'amu irratti akka hojjatanis dubbachuun teeknolojiin nikularaa egeree Itoophiyaaf murteessaa ta'uu kaasan.
Abiy haasaa sagantaa kanarratti godhan keessatti Itoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo damee kanaan godhan akka jabeessan dubbatan.
Embasiin Raashiyaa Itoophiyaatti argamu biyyootni lamaan misooma niikularaa ilaalchisee wantoota irratti waliigalan jedhe tarreesseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Itoophiyaan michummaa wal'amantaa, beekumsaafi walkabajuurratti hundaa'eef muyrannoo qabaachuu MM Abiy ibsaniiru'' jedha.
Raashiyaafi Itoophiyaan sagantaan waliin hojjetan qabxiilee jaha irratti akka ta'e tarreesse:
- Bu'uura nikuleraa Itoophiyaa ijaaruu
- Damee nikuleeraaf ogeeyyii leenjisuu
- Bu'uura bulchiinsa anniisaa nikuleeraa cimsuu
- Gidduugala saayinsii niikuleeraafi teeknoolojii ijaaruu
- Ce'umsa teeknoolojiifi leenjii eegumsaarratti walta'umsa tolchu
Ibsi embasichaa dabaluun ''Itoophiyaan hariiroo Raashiyaa waliin qabdu cimsuuf'' qophii ta'uu Abiy dubbachuu gabaaseera.
Teeknolojiin nikularaa madda anniisaa amansiisaafi faalama xiqqeessu ta'uusaatiin Itoophiyadhaaf gama hedduun barbaachisaa akka ta'e ibsan.
"Teeknolojiin nikularaa anniisaa aara hedduu hin maddisiisne argamsiisa, wabii nyaataa jabeessa, doktaroota gargaara,...saayintistoonni keenya akka kalaqaniif isaan gargaara.
Itoophiyaadhaaf nikulariin waa'ee anniisaa qofa miti," kan jedhan MM Abiy "waa'ee uummataati," jedhan.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad torban lama dura wayita Hidha Haaromsaa Itopohiyaa eebbisan, deeggarsa Raashiyaatiin ijaarsi sagantaa gabbisa nikularaa yeroo dhiyootti akka eegalu ibsuunsaanii ni yaadatama.
Itoophiyaan sagantaa gabbisa nikularaa kana kaayyoo naga qabeessaaf qofa akka hojiirra oolchitu ibsanii ture.
Konfirensii dhimma itti fayyadama nikularaa World Atomic Week jedhamuufi magaalaa Mooskootti gaggeeffamaa jiru irrattis Itoophiyaan kaayyoo nagaaf sagantaa gabbisa nikularaa akka eegaltu irra deebiin mirkaneessan Abiy.
Itoophiyaan sagantaa nikulara kana itti gaafatamumma guddaan akka hojiirra oolchitus dubbatan.
"Kana [sagantaa nikularaa] itti gaafatamummaadhaan, karoora of-eeggannoon qophaa'een, ulaagaa nageenyaa sadarkaa olaanaa qabuunifi humna biyya keessaa cimaa ta'een itti deemna," jedhan.
Intelejensii nam-tolchee, industiriifi kalaqa irratti Itoophiyaan hirmaattuu cimtuu ta'uu keessattu [teeknolojiin] nikularaa tarkaanfii tarsiimawaa akka ta'es kaasan.
Itoophiyaan sagantaa nikularaa ijaaruuf jetturratti Raashiyaa waliin hojjachuuf qophii ta'uu ibsuun, Itoophiyaan biyya uummata miliyeena 130 qabdu taatee madda anniisaa biroo qofaarratti hirkattee jiraachuu akka hin dandeenyes dubbatan.

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia
"Galmi keenya ifaadha: sagantaa nikularaa naga qabeessa, kan iftoomina qabu, fakkeenya ta'e ijaarudha," jedhan.
Dhaabbanni UN nikulara to'atu Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idila-addunyaa (IAEA), tattaaffii Itoophiyaan kaayyoo nagaaf sagantaa nikularaa eegaluuf jettu akka deeggaru ibseera.
Konfirensii Anniisaa Atoomawaa Raashiyaan qopheessite kanarratti daayirektarri Ejansii Anniisaa Atoomikii Idil-addunyaa Raafaa'eel Giroosii kan argaman yoo ta'u, MM Abiy deeggarsa dhaabbanni isaan gaggeessan Itoophiyaaf taasiseef galateeffataniiru.
Sagantaan Raashiyaatti gaggeeffamaa jiru kun jalqabbii indaastirii niikuleeraa Raashiyaa waggaa 80ffaa yaadachuu wajjin walirra bu'eera.
Saganticha irratti Pireezidantiin Raashiyaa argamuu keessummoota kan simatan yoo ta'u, dureewwan biyyoota Indiyaa, Belaruus, Iraaniifi kaanis argamaniiru.
Sagantichi dhimma niikuleeraafi indaastirii isa waliin hariiroo qaburratti xiyyeeffata.
Akka odeeffannoon marsariitii qaama saganticha qopheessurra jiru agarsiisutti hirmaattonni sagantaa kanaa hogganoota biyyaafi dhaabbilee sagantaa misooma niikuleera gaggeessan, akkasumas ogeeyyiifi qorattoonni damee niikularaas irratti ni hirmaatu.












