Liiverpuul Siitii injifachuun waancaa Komunitii Shiild fudhate

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Komunitii Shiild [Community Shield] fudhachuuf Sanbata galgala istaadiyeemii Leester Siitii Kiingi Paaworitti taphni kilabootni masaanuu piriimar liigii Ingliiz lamaan Liivarpuul fi Siitiin wal-morkatan olaantummaa Liivarpuuliin xumurame.
Bara dorgommii darbe Shaampiyoonaa piriimar liigii Ingiliiz kan tahe Maanchister Siitii fi Liiverpuul qabxii tokkoon qofaan wal caaluun ture kan xumuran.
Kilabootni lamaaniyyuu yeroo jijjiirraa taphattootaa ganna kanaatti taphattoota murteessoo gurguruun taphattoota jajjaboo biraas mallatessisaniiru.
Taphataan Liivarpuul mallatteessise Daarwiin Nuuneez jijjiiramee erga seenee booda rukuttaa peenaalitii tokko argamsiisuu, akkasumas goolii tokko galchuun Liivarpuul 3 fi 1n siitii akka injifatu gumaacheera.
Taphataan Siitiin kilaba Jarman Doortimundirraa mallatteessise Erliing Halaand galchii lakkoofsisuutti milkaa'uu baatullee yaalii gaarii gochuun deeggartoota Siitiif abdii ta'uu mul'iseera.
Taphataan lammii Arjentiinaa Juuliyaan Alvaarez ganna 22, Maan Siitiin mallatessisee fi Serjiyoo Aguweeroo lammaffaa taha jedhamee eegamu Siitiif galchii 1 galche.
Taphoota michoomaa Sanbata galgala taphataman birootiin Arsenaal galchii 6 fi 0n Siiviyaa yoo injifatu, Siitiirraa garas kan godaane Gabreel Yasuus tapha jalqabaa istaadiyeemii Arsenaal irratti taphaterratti hatiriikii hojjete.
Maanchistar Yuunaayitid ammoo Noorweey Oslootti Atileetikoo Maadiriid waliin taphatee 1 fi 0n injifatameera.
Siitii fi Liivarpuul akkamiin of cimsan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara darbe galchii lakkoofsisuun kilaboota lamaaniifuu rakkoo hin turre. Maan Siitii galchii 99, Liiverpuul ammoo 94 lakkoofsisan.
Kan itti aanu Chelsii yoo tahu, galchii 76 ture kan lakkoofsisan.
Haa tahu malee, kilabootni lameen yeroo gannaa kana taphattoota sarara duraa mallatessisuuf baasii guddaa baasan.
Maan Siitiin Erliing Haalaandi Borushiyaa Doortimondi irraa paawondii miliyoona 51.5niin mallatessisuun yoo of cimsu, Liiverpuul ammoo Daarwiin Nuuneez Benefikaa irraa hanga paawondii miliyoona 85 gahuun mallatesise.
Taphataan lammii Noorwey kun amma gana 22 tahus kilabaa fi biyya isaaf galchii hedduu lakkoofsisuun maqaa horateera.
Biyya isaa Noorweyiif taphoota 21 irratti galchii 20 lakkoofsiseera. Doortimondiif ammoo taphoota 89 irratti galchii 86 lakkoofsiseera.
Peep Gaardiyoolaan sarara gidduu isaas Kelvin Filiippi Liids irraa paawondii miliyoona45niin mallatesisun cimsateera.
Gama biraan taphattootni akka Gabri'eel Jesusii fi Ziinchenkoo Siitii keessaa bahaniiru.
Liiverpuul taphataa lammii Yuraagaay, Nuuneez, garee isaatti kan dabale yoo tahu, bara darbe Benefiikaaf taphoota 41 irratti galchii 34 lakkoofsiseera.
Dabalataan ol adeemaa lammii Poorchugaal Faabiyoo Kaarvaaloo Fuulhaam irraa, ittisa cinaa gara mirgaa irra kan taphatu Kalvin Raamsee Aberdeen irraa mallatesisaniiru.
Garuu taphataa isaanii gahumsa guddaa qabu Sadiyoo Maanee bara kana dhabuun rakkoo biraa itti tahuu danda'a.
Kilabootni lameen qophii dorgommii duraa ganna kana taasisan irratti gahumsa taphattoota isaanii ilaalaa turaniiru.
Dorgommiin michummaa kun gahumsa isaanii isa dhugaa madaaluu baatus Maan Siitiin Bayern Munik fi kilab Ameerikaa mo'achuun deebi'e.
Liiverpuul Maanchister Yuunaayitidiin 4 fi 0n mo'ame. Kiristaal Paalaas 2 fi 0, RB Leebzhiig 5 fi 1mo'achuun RB Saalzibargiin ammoo mo'aman.
Taphootni kunneen kilabootni lameen taphattoota isaanii akkamiin akka dorgommii bara kanaa jalqaban kan isaanitti agarsiise fakkaata.















