Siitiin Halaand harkatti galfate, Liivarpuul Nuunez harkaan gahuuf fiixeerra gahe

Halaandiifi Nuneez

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Halaandiifi Nuneez

Maanchistar Siitiin taphataan sarara fuulduraa duraanii Boruushiyaa Doortimund Eerling Halaand harka isaa galuu ibse.

Morkataa Siitii kan ta'e Liivarpuulis Beenfiikaa irraa bakka Saadiyoo Maanee kan bu'u Daarwiin Nuuneeziin harkatti galfachuuf waliigalteen xumurameera.

Halaand, dargaggeessi ganna 21 tapha Doortimuundiif taphate 89 keessatti goolii 86 galcheera. Halaand osoo gahumsa guddaarra jiruu gara piriimiyeer liigiitti dhufuun oduu guddoo ta'eera.

Halaand shaampiyoonaa Ingiliz Siitii waliin waliigalteen raawwate hanga bara 2027 akka turu hiree kennaaf. Torban lama boodas dirree Itahaaditti garee isaa haaraatti makama

Waliigalteen Halaandiifi kilaba isaa Doortimuund waliin kan xumurame ji'a darbe ture.

'Kuni guyyaa anaafi maatiikoo itti boonne'' jedhe Halaand.

Erliing Halaand Maachistar Siitiitti makame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erliing Halaand Maachistar Siitiitti makame

Abbaan Halaand, Alf-Inge, bara 2000-2003'tti dursaa taphattoota Maanchistar Siitii ture.

Yeroo hundumaa tapha Siitii akka daawwatu kan himu Halaand, qaama Siitii ta'uu hawwaa akka ture dubbate. ''Carraa hedduu uumu, taphataa akka kootiif dinqiidha'' jedhe.

''Garee taphattoota jajjaboo addunya of keessaa qabu, Peep, leenjistoota jaboo yeroo hundaa keessaa tokko, fedha koo guutuuf baka sirriin jira jedheen amana.''

Tapha bara dorgommii duraa irratti hirmaachuuf ariifachuu kan himu Halaand goolii galchuu, waancaa hedduu injifachuufi akka taphataattis of fooyyessuu akka fedhuu fi san gochuufiis ofitti amanamummaa guutuu qabaachuu hime.

waliigaltee Liivarpuuliifi Nuneez

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara dorgommii piriimiyeer Liigiii darbe qabxii tokkoon durfame lammaffaa ta'uun kan xumure Liivarpuulis, akkuma Siitii taphataa sarara duraa jabaa adamsaa ture Daarwiin Nuuneeziin harka galfachuuf waliigaltee mallatteesseera.

Beenfikaan ibsa waliigaltee kana ilaalchisee baaseen Nuneez waggaatti paawundii miiliyoona 64 akka ta'e fi miiliyoona 85'tti ol guddachuu akka danda'u ibse.

Liivarpuul Nuneeziin kansaa godhachuuf paawundii miiliyoona 85 gahu baaseera.

Taphataan kilaba Poortugaal Beenfiikaa ganna 22, tapha kilaba isaaf taphate 41 irratti goolii 34 lakkoofsiseera.

Liivarpuul bittaa taphataaf maallaqni baase inni guddaan bara 2018 ittisa isaa Virjiil Vaan Daayikiin mallatteesisuuf isa baase, paawundii miiliyoona 75, ta'us amma Nuneez taphataa kilabichi baasii isa guddaa itti baase ta'eera.

Maanchistar Yunaayitiid taphataa kana bitachuuf Liivarpuul waliin dorgomaa ture. Nuneez bara 2020'tti Benifikaa kan gale garee Ispeen ALmeeriyaa irraa maallaqa paawundii miiliyoona 20.5 ture.

Taphataan lammii Uragaay kun bara dorgommii 2021-22 tapha liigii 28 irratti hirmaatee goolii 26 galcheera.

Bara dorgommii darbe tapha Chaampiyoonsi Liigii 10 taphatee goolii jaha lakkoofsiseera. Kilaba amma itti dhufe Liivarpuul iratti tapha nuusa xumuraa dhaqaa galatti goolii tokko tokko lakkoofsiseera.

Nuneez taphataa lammataa Liivarpuul bara kana mallateesifate yeroo ta'u kan jalqabaa taphataa sarara duraa Fuulhaam Fabiyoo Karvaalodha.

Bittaan Nuneez kan saffisaan milkaahe, jifataan kilabichaa lammiin Senegaal Saadiyoo Maanee gara Baayer Muunikitti imaluuf kilaboota lamaan gidduu dubbiin adeemaa jiraachuu wajjin walqabata.

Liivarpuul Mohaammad Saalaa waliinis miindaafi fayidaa irratti dubbachaa kan jiru yeroo ta'u waliigalteerra hin gahan taanaan taphatichi bara dhuftu kilba fedhetti galuuf bilisa ta'a.

Jifataan isaa kan biraan lammii Biraaziil Robeertoo Firmiinoos ji'oota 12 booda kontiraatni isaa ni xumurama. Taphataan biraan Kilabichaa lammii Jappaan Takuumii Minaminoos kilaboota biroon barbaadamaa jira.