Kiristaanoo Ronaaldoo himannaa gudeeduu irraatti dhiyaateen bilisa jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Kiristaanoo Ronaaldoo himannaa yakka gudeeddii irratti dhiyaate abbaan alangaa US haquun barame.
Himannaan kun kan haqame abukaaton himatuu odeeffannoo miliqee baheefi galmee hatametti waan dhimmannaa baheef jedhameera.
Kaatiriin Maayorgaa, taphataan Mancheestar Yunaayitid kan ta'e, Kiritaanon bara 2009 Laas Veegasitti akka ishee gudeede himatte.
Ronaaldon himannicha haalun takkaa himatamee akka hin beekne falme.
Bara 2010'tti murtee mana murtiitiin alatti doolara 375,000 Ronaaldoo irraa akka fudhatte himamus isheen garuu beenyaa miliyeenan lakkaa’amu irraa barbaaddi turte.
Mayoorgan akka jettutti, erga taateen sun uumameen booda qarshicha fudhachuu waliigaltee turte; miidhaa hamilee irra gahe irraa kan ka’e adeemsa beenyaa sana sirriitti xinxaaluu akka hin dandeenyee fi beenyicha akkan fudhadhuuf dhiibbatu narra ture jetti.
Abukaatoo Mayoorgaan kan ta’e Leslii Istooval himata iyyannaa osoo hin baniin dura bifa seerri hin eeyyamneen odeeffannoo akka argatee fi sanadiiwwan icciititti dhimma bahe jedhuun Abbaan Alangaa Distiriiktii US Jeenifar Doorsi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan alangaa kun akka jettutti, abukaaton Moyorgaa odeeffannoo hatamee fi icciitii dhuunfaa fayyadamuun maqaa Ronaaldoo balleesse.
Abbaan alangaa Doorsin murtii kaleessa himanni Mayoorgan kana booda akka itti hin fufne addaan kutaniiru. Sababni isaas abukaaton ishee adeemsa himannaa yakkaa waan hin hordofneef.
Bara darbes, amala Itooval-abukaatoo Mayoorgaa- irraa kan ka’e himanni kun akka adda citu abbaan alanagaa himannaa yakka sasalphaa yaada furmaataa kaa’ee ture.
Bara 2019, qorattoonni yakkaa US “sababni isaan amansiise waan hin jirreef” Ronaaldon akka adabamuu hin dandeenye dubbatanii turan.
Biiron Abbaa Alangaa Bulchiinsa Kilaark Laasveegas keessatti argamu akka jedhetti bara 2009 tti yakki kun akka irratti raawwatte isaanif gabaastee turte, garuu ammoo yakkichi eessatti akka raawwatee fi eenyu akka ishee irratti raawwate itti himuu hin barbaanne.
Kana irraa kan ka’e poolisiin qorannoo qabatamaa gaggeessuu hin dandeenye. Haa ta’u malee gaaffii isheen dhiyeessite irraa kan ka’e himannichi bara 2018 tti qoratamee ture.
Kiristaanoo Ronaaldoo gama isaatin, bara 2009 Laasveegasitti ishee wajjin akka wal argan hin haalle, garuu waanti raawwate fedhii ishee irratti hindaa’uni.
Namoota qoccolloon saalaa narra gaheera jedhan BBC’n maqaa isaanii ifa hin godhu, garuu Mayoorgan maqaan ishee yoo dhahame rakkoo akka hin qabne eyyamamtuu taatetti.












