Ronaaldoon 'karoora keenya keessa jira, gurgurtaaf hin dhiyaatu' - Teen Haag

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Maanchester Yunaayitid Eriik Teen Haag bara dorgommii haaraa dhufuuf Ronaaldoon "karoora keessa jira, gurgurtaaf hin dhiyaatu" jedhan.
Taphataan sarara duraa lammii Poorchugaal ganna 37 imala Yunaayitid shaakalaaf gara Taayiland godhurratti hin hirmaatu, kilabicha akka gadi dhiisuu barbaadus beeksisee ture.
Waggootaaf Riyaal Maadiriidii fi Juveemtusiif erga taphatee booda ture bara darbe gara Yunaayitid kan deebi'e.
"Dhimma dhuunfaaf jecha amma nu waliin hin jiru. Bara dorgommii dhufuuf Kiristiyaanoo Ronaaldoo waliin karoorsaa jirra, kanuma" jedhe leenjisaan Ayaaks duraanii Teen Haag.
"Isa waliin hojjechuuf hawwiin qaba. Kiristiyaanoon gurgurtaaf hin dhiyaatu. Karoora keenya keessa jira. Waliin milkaa'uu feena."
Ronaaldoon imala Yunaayitid gara Taayilaand godhu keessaa hafuun egeree taphataa kanaa irratti shakkii uumee ture. Imala Taayilaand duras taphattoonni Yunaayitid gara dirree leenjii Kaariingitan yoo deebi'an Ronaaldoon hin turre.
Inni dirree leenjii garee biyyaalessaa Poorchugaal irratti leenji'aa ture.
Yunaayitid Kibxata Taayilaanditti Liivarpuul waliin tapha michoomaa qaba. San booda ammoo gara Awustiraaliyaa imala. Ronaaldoon imala kanatti makamuufi dhiisuu isaa akka hin beekne Teen Haag himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Imala eegaluun dura Ronaaldoo waliin dubbachuu kan himu leenjisaan lammii Daach kun, "marii gaarii waliin goone, kun anaa fi Kiristiyaanoo jidduutti kan hafudha. Garuu wantin mirkaneessuu danda'u, dhugumatti marii bareeda waliin gochuu keenya" jedhe.
Teen Haag waa'ee dursaa garee Yunaayitid keessa ijoo dubbii ta'es irraa dubbateera. Dursaan garee Yunaayitid Haarii Maaguweer bara dorgommii darbe gahuumsa agarsiiseen akkaan qeeqamaa ture.
"Haarii Maaguweer dursaa garee ta'a" jedhe Teen Haag. "Waggaa tokkoo oliif dursaa garee ture. Milkaa'ina hedduus galmeessee jira. Dhimma kanarraa mamii tokko hin qabu."
Maanchester Yunaayitid bara kana taphataa tokko qofa mallatteessise. Fiyonoord irraa taphataa sarara ittisaa Taayireel Malaashiyaa. Taphataa sarara jidduu Kiristiyaan Eriiksan fi Barseloonaa irraa Firaanii De Joongi mallatteessisuuf fiixeerra jira.
Teen Haag taphattoota kan mallatteessisu yoo akkaataa taphaa inni fedhu keessatti qooda baahachuu danda'an qofa akka ta'e hubachiiseera.
"Taphattoota sirrii dabaluu feena. Garee baay'ee gaarii qabna, akkaataa itti taphannu irratti hojjetaa jirra," jechuun dubbate.
Yunaayitid waliin waliigaltee haaraarra gahuu kan dadhabe taphataan sarara jidduu Pool Poogbaa gara kilaba isaa duraanii Juveentus deebi'ee jira.
Kilaba isaa haaraa waliin injifannoo argachuuf hawwii akka qabus dubbateera.












