Piriimer Liigii Ingiliziif kamtu qophii cimaa taasisaa jira?

Leenjistoota Piriimerliigii

Madda suuraa, BBC Sport

Bara dorgommii 2021/2022 Maanchister Siitii qabxii tokkoon qofa Liiverpuul caaluun shaampiyoonaa tahe.

Liiverpuul ammoo xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif gahuun Riyaarl Maadiridiif harka kenne.

Chelsiin sababa weera Raashiyaan Yuukireen irratti gaggeesiteen abbaa qabeenyaa isaa waggoota 20 oliif kilabicha gaggeessaa ture Roomaan Abirahimovich dhabe.

Garuu sadarkaa 3ffaan xumuruun shaampiyoonsi Liigii bara dhufuu hirmaachuu mirkaneesse.

Tootenahaam ammoo leenjisaa duraan qacaree dorgommicha eegale Nuunoo Ispiriitoo hojiirraa gaggeessee Chelsii fi Inter Miilaan waliin shaampiyoonaa tahun kan beekamu Antooniyoo Koontee fide.

Tootenahaam Koontee jalatti jabaachuun osoo hin eegamiin sadrkaa arfaffaan xumure.

Erga Sir Aleeksi Fergusan soorama bahanii waancaa Piriimer Liigii injifachuutti deebi'uu kan hin dandeenya Maanchister Yuunaayitid Ole Gunar Soolshayer gaggeessuun Raalf Raayinik qacare.

Inumaa kilebichi sadarkaa jahaffaan xumure. Bara kana ammoo leenjisaa haaraa Erik Ten Haag qacaran.

Arsenaal bara darbe dorgomaa cimaa ture. Garuu isaanis shaampiyoonsi Liigii keessaa bahuun shanaffaan xumuran.

Qophiin waancicha bara dhufu injifachuuf kilebootni gurguddoon gochaa jiran maal fakkaata?

Maanchister Siitii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Shaampiyoonaan Ingilaandi bara dorgommii xumurame kanaa Maan Siitiin gamanumaan qophii cimaa taasisaa jira.

Peep Gaardiyoolaan bara darbe taphataa sarara duraa jabaa malee taphataa turus bara kana akka maashiniitti goolii oomisha kan jedhame Erliingi Haalaandiin Boorushiyaa Doortimoondi irraa mallattesise.

Haalaandi paawondi miliyoona 51'n Maan siitii kan gale yoo tahu kileboota akka Riyaal Maadirid, Maan Yuunaayitidii fi Cheelsiidhaan haalaan barbaadamaa ture.

Abbaan Haalaandi dur Maan siitiif taphaataa waan tureef ilmi isaa kunis faana abbaa isaa hordofuun Maan Siitii gale.

Amma taphattootni sarara ittisaa kileboota kaanii yaaddoo jalqabuu in hafne.

Kana malees, sarara duraa irra kan taphatu Alvaarez kilaba biyya Arjentiinaa Riiverpilet irraa fudhatan.

Gabri'el Yesus ammoo kilabicha gadhiisuu gara Arsenaalitti imalaa jira.

Waggoota dheeraaf Siitiif taphataa kan ture taphataa gameessi lammii Biraazil Fernaandinoon Siitii gadhisuun gara kilaba biyya isaatti deebi'e.

Bakka isaa Klavin Filiips kan jedhamu Liids Yuunaayitid irraa mallatesisuuf Siitiin wlaiigaltee irra gaheera.

Lieverpuul

Liiverpuul qabxii tokkoon caalamee waancaa Piriimer Liigii yeroo dhabu kun kan jalqabaa miti.

Bara 2018 Maan siitiin qabxi 98 Liiverpuul 97 fiduun waancaa dhabaniiru. Bara kanas qabxii tokkoon caalaman.

Liiverpuul waancaa afuriif xumura irra gahus Shaampiyoonsi Liigiidhaan mo'amuun isaa taphattoota gaddisiisera.

Waancaa qofa osoo hin taane taphataa cimaa isaa Sadiyoo Maanees dhabeera.

Bakka Maan Siitiin Haalaandi fide, Liiverpuul ammoo Daarwiin Nuunez mallatesiseera.

Nuunez Benefikaa keessatti gahumsa guddaa kan agarsiise yoo tahu haalli taphaa Liiverpuul ni mijataaf jedhama.

Divok Origii, Takumi Minaaminoo fa'a taphattoota kilabicha gadhiisanii bahanidha.

Liiverpuul dorgommii eegaluuf aduun ji'a tokkoof torban lamaa hafu kana irratti gahumsa duraan deebi'aa?

Cheelsii

Roomaan Abirahimovich saba waraana Yuukireeniin kilaba isaanii hedduu jaalatan dhaban. Kilabicha amma abbaa qabeenyaa haaratu bite. Hoggansi duraanii gadhiisuun haaraan bakka bu'aa jiru.

Taphattoota akka Antoonii Ruudiger, Kiristaansen dhabuu isaa mirkaneesera. Markes Aloonsoo fi Azipuleketaan akkasuma gadhiisanii bahuuf jedhama.

Hakim Ziyech fuuldura irraa ni baha jedhamee eegama. Roomeluu Lukaakuu paawondi miliyoona 97 mallatesisanii waggaa tokko qofa taphatee gara kilaba isaa duraanii Inter Miilaanitti ergisaan deemaa jira.

Chelsiin amma Raafiinaa Liidsi irraa mallatesisuuf dhumarra gahaa jiraachuu himama.

Kanaan ala ammatti taphataa jabaa mallatesisan hin dhagahamne.

Kileboota Landan: Arsenaaliifi Tootenahaam

Arsenaal sadarkaa arfaffaan xumura jedhamee osoo eegamu guyyaa xumuraatti keessaa bahe. Bara kana Maayikil Arteettaan garee isaa cimsuuf taphattota ciicmoo gaafataa jira.

Liids Yuunaayitid irraa baarseloonaan barbaadaa kan ture fi amma tasa gara chelsi imaluuf kan edhame Raafiinaa tokko ture.

Garuu waan milkaa'an hin fakkaatu. sarara duraa irra kan taphatu Aleeksander Laakazet kilabicha gadhiisee baheera. Bakka isaa taphataa Maan siitii Gbari'eel Yesuus mallatesisuuf waliigaltee irra gahaniiru.

Garuu Maarkoniyos taphataa jedhamu Biraazil irraa mallatesisaniiru.

Gama biraan Tootenahaam Antooniyoo Koontee jalatti haalaan jabaachaa jira. Taphataa Intermiilaan muuxannoo guddaa qabu Peerisich mallatesisaniiru.

Everteen irraa Riicharlisanii fi Goordon barbaadu. Tootenaam morkataa cimaa taha jedhamee eegama.

Maanchister Yuunaayitid

Firaanki De Yoongii fi Erik Ten Haag

Madda suuraa, Getty Images

Erik Ten Haag jalatti bara dorgommii haaraa jalqabuuf kan ejdhu Maan Yuunaayitid ammayyuu taphataa haaraa mallatesise hin qabu.

Jalqaba irratti leenjisa haaraan kun Firaanki De Yoongi Baarseloonaa irraa barbaada. D Yoongi Baarsaadhaa bahuu hin barbaadu.

Garuu hanqina baajata qaban cufachuuf jecha gurguruuf akka fedha qaban ibsaniiru. Man Yuunaayitid De Yoongi fudhachuuf gatii barbaachisu ni kaffala jedhamee eegama.

Kiristitaan Eriksen xiyyeffannoo isaanii biraadha. Ittisa irratti Tiimber fi Lisandiroo Maartinez Ayaaksi irraa mallatesisu barbaadu. Dabalataan sarara duraa irra Nuunez erga dhabanii Antoonii, taphataa lammii Biraazil ganna 22 fi Ayaaksi keessatti Erik waliin hojjechaa ture barbaadu.

Pool Poogbaa, Huwaan Maataa, Maatich, Liingaardi, tapahattoota kilabicha gadhiisanii bahanidha.

Yuunaayitid Erik Ten Hag jalatti ijaarsa haaraa jalqaba jedhamee malee waancaa mo'achuuf morkataa jabaa taha kan jedhu ammatti tilmaama argataa hin jiru.