Roonaaldoon Maan Yuunaayitidii bahuufii?

Madda suuraa, Getty Images
Kiristaanoo Roonaaldoon Maanchister Yuunaayitid Keessa bara kana turuun isaa gaaffii keessa jira jedhan xiinxaltootni.
Leenjisaan Roomaa Joosee Moorinoo fi Ispoortingi Liisban taphaticha mallattesisuu danda'u jedhama.
Haa tahu malee miindaan Roonaaloo kilaboota kaneeniif rakkoo tahuu danda'a.
Roonaaldoon torbanitti miindaa torbee Paawondii 480,000 argata.
Arsenaal ammoo Maanchister Siitii irraa Gabri'eel Yesuus mallatesisuuf xumura irra gahaa jira.
Maan Siitiin taphatichaaf paawondii miliyoona 50 barbaada.
Arsenaal ammoo hanga paawondii miliyoona 30 kaffaluu barbaada.
Arsenaal ammas taphataa Leester Siitii Yurii Tilemansi mallatesuuf gaafataa jira.
Akkasumas taphataa sarara gidduu Poortoo Faabiyoo Viyeeraa ganna 22 tahe mallatteesisuuf waliigaleera.
Dabalataan taphataa Liids Yuunaayitid Raafiinaa ganna 25 tahee fi Baarseloonaadhaan haalaan barbaadamaa jiru gaafataa jiru.
Gama biraan ammoo Chelsiin Roomeluu lukaakuu bakka buusuf taphataa haaraa barbaadaa jira.
Baayern Munik irraa Rooberti Lewaandowiskii mallattessisuuf gaafataa jira.
Garuu taphatichi Baarseloonaa galuu akka barbaadu himeera.
Chelsiin taphataa sarara ittisaa Miilaan Iskirinaar ganna 27 tahe mallatesiisuu barbaada.
Gatii Roomeluu Lukaakuu keessattis shallaguu akka danda'an himama.
Gama biraan Seezar Azupilikeetaan xumura waliigaltee isaa irra waan jiruuf Chelsii gadhiisee bahuu danda'a.
Taphatichi gara Baarseloonaa deema jedhamee eegama.












