Kiristaanoo Roonaaldoo: Osoo Roonaaldoon taphataa jiruu xiyyaraan hiriirri irratti ba'ame

Madda suuraa, Mark Waugh
Dubartii miidhaa saal-quunnamtiin Kiristaanoo Roonaaldoo himatte deeggaruuf xiyyaarri tokko dirree kubbaa miillaa guddicha Ooldi Tiraafoordi irra marsuun taphatichatrratti mormii dhageessifte.
Himati kun taphataa collee addunyaarratti maqaa guddaa qabu kanarratti erga banamee kan ture ta'us, erga taphatichi kilabiisaa ganamaatti deebi'ee tapha jalqabaarratti deebi'ee irratti ka'e.
Gareen mirga dubartootaaf dhaabbatan, Level Up feminist group, jedhaman himata taphaticharratti dhiyaatee ture yaa'ii namootaa kana yaadachiisuuf akka carraa kanatti fayyadaman himu.
Kaatiriin Mayorgaa bara 2009 hoteel Laas Veegaas keessatti Kiristaanoo Roonaaldoo miidhaa saal-quunnamtii irraan ga'uu himatte.
Roonaaldoon himata kana haaleera, Abbaan Alangaa US bara 2019 keessa dhimma kanarratti wayita dubbatu, himati kun waan Roonaaldoo adabsiisu miti jedhe.
Dhaadannoon waraqaa guddarratti barreeffamee xiyyaaratti maxxanfame, "Believe Kathryn Mayorga" jedha: Waan Kaatiriin himattu amanaa akka jechuuti.
Tapha Maanchistar Yunaaytid Newcastle Yunaaytid waliin Sambata kaleessaa taphatan irra naanna'uun mormii agarsiisaa turte xiyyaarattiin..
Waggoota 12 booda gara kilabiisaa ganamaa kan deebi'e taphataan lammii Poorchugaal kun, taphasaa jalqabaarratti Maachistariif goolii lama galche.

Madda suuraa, PA Media
Kaatiriin Mayorgaa bara 2010 keessa himata Roonaaldoo irratti dhiyeessite osoo mana murtiin hin ga'in jaarsummaan fixuuf doolaara Ameerikaa 375,000 gaafattee turte.
Kanaanis dhimmichi uummatatti akka hin baane gochuuf walii galuuf turan.
Abukaatoowwan isaa ammoo walii akkasiirra ga'uu jechuun ''haala kamiinuu balleessaa ofii amanuu jechuudha,'' jedhan.
Bara 2018 ammoo Mayorgaan irra deebiin himata bante, abukaatoowwan ishee gareen farra miidhaa saal-quunnamtii, #MeToo movement jedhamu akka ishee cinaa jiru itti himuun jajjabeessan.
Yeroo sana dhimmichi kan qorate poolisiin Laas Veegaas, shakkii malee wanti qabatamaan Roonaaldoorratti dhiyaate waan hin jirreef himati kun waan isa adabsiisu miti jedhan.

Madda suuraa, PA Media
Roonaaldoon dubartii kanaan walarguu hin haalle, garuu walquunnamtiin isaanii fedhii lameenuu kan hordofe waan ta'eef himati irratti dhiyaate sirrii akka hin taane hima.
Bara 2018 akkas jechuun tiwiitara isaarratti barreesse: ''Himata narratti dhiyaate cimseen morma. Yakki gudeeddii haalaa fi amala kiyya akkasumas hojii an itti jiruun faallaadha.''















