Gaanaatti yeroo jalqabaaf vaayirasiin hamaa Maarbarg mul’ate

Gaanaan yeroo jalqabaaf namootni lama vaayirasii hamaa Maarbarg jedhamuun hubaman argamuu mirkaneessite. Vaayirasiin kun dhibee hamaa maatii keessatti daddarbuu fi vaayirasii dhibee Iboolaa fidudha.

Dhibamtoonni vaayirasii kanaa lamaan hospitaala bulchiinsa Ashaantii keessatti dhiyeenya lubbuun isaanii darbu himameera.

Saamudi isaanii jalqaba ji’a kanaatti fudhatamee vaayirasiicha akka qaban kan agarsiise yoo ta’u, amma laaboraatorii Seneegaal jiruunis mirkaneeffameera.

Ogeessoti fayyaa biyya Lixa Afrikaa kun akka jedhanitti namootni 98 dhibamtoota kunneen waliin qunnamti qabu turan shakkii jedhuun adda baafamanii jiru.

Dhibee Maarbargiif ammatti wal’aansi hin jiru – ta’us garuu oggeessoti fayyaa akka jedhanitti bishaan baay'isanii dhuguu fi mallattoo dhukkubichaa adda addatti wal’aanuun carraa lubbuun ooluu dhukkubsataa tokko dabaluu danda’a.

Vaayirasiin kun sinbira halkanii irraa dhala namaatti kan darbu yoo ta’u, namaa namatti kan darbu ammoo karaa dhangala’aa qamaanidha.

Mallattoolee akka mataa bowwuu, ho’ina qaamaa, dhukkubbii maashaa, dhiiga diddiguu fi dhiiguu kan qabu dhibeen kun hamaa fi yeroo hedduu kan du’atti geessudha.

Uummanni bakkeewwan holqi jiran irraa akka fagaatanii fi nyaata fooni kamiyyuu nyaachuu dura akka bilcheessaniif qondaaltonni akeekkachiisaniiru.

Afrikaa keessatti tatamsa’inni dhibee kanaa Angoolaa, Rippaaplika Dimokraatawaa Koongoo, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa fi Yugaandaa keessatti mul’atanii akka turan, Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) ibseera.

Vaayirasiin Maarbarg yeroo jalqabaaf kan argame bara 1967’tti Jarmanii keessatti yoo ta’u, lubbuu namoota torbaa galaafateera.

Addunyaa irratti tatamsa’inni vaayirasii kanaa inni hamaan kan argameeruu bara 2005’tti Angoolaa keessatti yoo ta’u, lubbuu namoota 200 galaaffachuu WHO ni ibsa.