Dhukkuboota foolii qaama namaa akka bookee hawwatutti jijjiiran

Namni dhukkuboota Ziikaa fi Dangiin qabame fooliin qaamaa isaa bookee caalaatti akka hawwatutti akka jijjiiramu qorannoon marsariitiin 'CellPress' maxxanse mul'ise.

Bookeewwaan foolii qaamaa nama dhukkuboota kanaan qabameen hawwataman, dhufanii ciniinuun/hidduun salphaatti vaayirasii dhukkuboota kana fidu nama biraatti dabarsu jedha qorannichi.

Dangiin gosa dhibee busaa yoo ta'u lafa gammoojjiitti hedduummata. Baha Itoophiyaatti irra deddeebiin mudataa ture.

Dhibeen vaayirasii Dangii jedhamuun dhufu kun gogaarratti waan nama hooqsisu kan namatti yaasuu fi dhukkubbii cimaa kan qabu yoo ta'u, hanga lubbuu galaafachuu gahuu mala.

Ziikaan dubartii ulfaa yoo qabe ulfaa irraa baasuu mala. Namootni ga'eeyyiin hedduun garuu salphaatti guyyoota muraasa keessatti irraa dandamachuu danda'u jedhu ogeeyyiin.

Dhibeen kun amma dura Itoophiyaa keessatti hin mul'anne.

Wiirtuu to'annoo dhukkubootaa Chaayinaa fi Yuunivarsiitii Shiinguwa dabalatee saayintiistonni laaboraatooriiwwan Chaayinaa gogaa hantuuta dhukkuba dangiin faalamtee keessatti molokiyuulii bookee caalaatti ofitti harkisu argatan.

Molokiyuuliin acetophenone jedhamu kun namoota dhukkuba Dangii fi Ziikaan qabaman keessattillee baay'inaan akka argamu saayintiistonni mirkaneessanii jiru.

Saayintiistonni wal'aansa molokiyuulii kana irratti fuulleffatu barbaaduutti jiru.

Sadarkaa addunyaatti waggaa waggaan namoonni miliyoona 400 dhibee Dangiin akka qabaman yaadama.

Ziikaan ammoo addunyaarratti biyyoota 86 keessatti argamuun gabaafameera.

Vaayirasoonni dhukkuboota kana fidan Kibbaa fi Jiddugaleessa Ameerikaa, Afriikaa, Kariibiyaan fi kutaalee Eshiyaa keessatti baramoodha.