‘Magaalaan Koram humnoota Federalaatiin hin qabanne’- Qondaalota TPLF

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaan Koram to’annoo humnoota Tigiraay jala akka jirtu qondaaloonni TPLF himan. Mootummaan Itoophiyaa garuu TPLF deebisee qabchuu beeksisee ture.
Qondaalli olaanaa TPLF Pirofeesar Kindayyaa Gabra-hiwoot, magaalichi ammayyu to’annoo isaanii jala akka jirtu dubbatan.
Mootummaan Itoophiyaa garuu Kibxata darbe akka beeksisetti, magaalaa Koram dabalatee magaalota akka Shiree fi Allaamaaxaa qabanneerra jedhe.
Pirofeesar Kindayyaan, ‘’mootummaan Koram to’adheera jechuun dhara,’’ jedhan Roobii kaleessaa turtii BBC Tigrinyaa waliin taasisaniin.
Pirofesar Kindayyaan akkas jedhan, "humnoota keenyatu ammallee Koram jira," jechuun naannoo magaalichatti dhiyaatutti garuu lolli cimaan gaggeeffamaa jiraachuu eeran.
Naannichatti tajaajilli bilbilaa waan hin hojjanneef, magaalichi to'annoo qaama kamii harka akka jiru BBC’n qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.
Humnoonni Tigiraay Wixata darbe ibsa baasan keessatti Shireen humnoota mootummaa federaalaatiin to’atamuu ibsan.
Naannoo Tigiraayitti waraanaa adeemaa jiru keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa qaqqabaa jiraachuu dhaabbileen idil-addunyaa mirgaaf falman ibsaa jiru.
Komishinarrii Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoonni Gamtoomanii kaleessa ibsa baase keessatti, haleellaa xiyyaaraa fi haleellaa meeshaalee waraanaa jajjabootiin namoonni nagaan du’uu fi qabeenyi manca’uu gabaasaaleen agarsiisan nu qaqqabaa jira jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaan namoota nagaarratti raawwatuufi bu’uuralee misoomaa namoonni nagaan itti gargaaramanirratti raawwatamu akka yakka waraanatti ilaalamuu danda’u akeekkachiisan.
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez, waraannii Itoophiyaa keessatti deemaa jiru yaddeessaa ta’uu eeruun, waraana kana durayyuu namooota miliyoona 13 naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaaritti deeggarsa namoomatu barbachisa ture jedhan.
Gartuuwwan wal-waraanuutti jiran deeggarsa namoomaatti danqaa ta’uu akka hin qabne gorsan.
Guutereez kana dubbachuu isaanii guyyaa tokko dura toora tiwitarasaanirratti haallii Itoophiyaa keessa jiru sadarkaa yaaddeessarra gahe jedhanii turan.
Qaamoleen wal waraanan saffisaan marii akka eegalan Guutereez akeekkachisaa turan.
Jenevaatti bakka bu’aan Itoophiyaa ibsa kaleessa baasaniin, Komishiiniin Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii du’a namoota nagaa ilaalchisuun ibsa baasan qeequun, waraanni Itoophiyaa namoota nagaaf eegumsa taasisa jedhanii haalan.
Dhukaasa dhaabuu gam-tokkee ji’oota shanitti dhiyaatuuf tureen booda lolli deebi’ee hammatera.













