Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mariin nagaa mootummaafi WBO Tanzaaniyaatti itti fufeera, Oromiyaatti ammoo waraanni itti fufeera
Mariin nagaa marsa lamaffaa mootummaa federaalaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Tanzaaniyaatti gaggeeffamu itti fufee jiraachuu ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa hime.
“Mariin marsaa lamaffaa ‘Shane’ walin itti fufeera; gaggeeffamaa jira. Gama keenyaan mariin kun gama sabaa-himaaleetiin akka ta’u hayyamamoo miti,” jedhan dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alam.
Mootummaan Itoophiyaa, WBO waliin marii nagaa marsaa lamaffaa gaggeeffamaa jiraachuu kan mirkaneesse yeroo jalqabaatiif. Kunis ibsa idilee torbanii ministeera dhimma alaa Kamisa kennamerratti ture.
Namoonni gama lamaaniin bakka bu‘an hunduu marii kanarratti hirmaachaa jiraachuu maddeen BBCtti himaniiru.
Guyyoota darban keessa marii nagaa kun itti fufee gaggeefamaa tureera. Dhuma torban kanaarra waan tokkorra gahamee ibsi kennama jedhamee eegamus, akka yaadame hin taane jedhu dippilomaatonni itti dhiyeenyaan mariicha hordofaa jiran.
Marii nagaa kanarrattis, WBO irraa Ajaja Waliigalaa ABO-WBO Kumsa Dirribaa [Marroo], Itti-aanaa Ajajaa Waliigalaa WBO Gammachuu Abbooyyee hirmaachaa akka jiran gabaafamuun isaa ni yaadatama.
Gama mootummaatiin odeeffannoo marii kana ilaallatu irratti wanti ifatti jedhame jiraachuu baatus, qondaalota waraanaa mootummaa torban dura mariirra turaniin ala Sadaasa 12 irraa kaasee anga’oonni mootummaa olaanoo lama marii kanatti makamuu dhaga'ameera.
Aanga’oonni kunneenis, Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Ministira Muummee Abiy Ahimad kan ta’an Ambaasaaddar Reediiwaan Huseen fi Ministira Haqaa Geediyoon Ximootiyoos ta’uun barameera.
WBOn ibsa baaseen, jalqabarra waa’ee marii kanarratti waayyu osoo hin ibsamiin kan tureef, Marroo Dirribaafi Gammachuu Abbooyyee nageenyisaanii eegamee bakka marii akka qaqqaban yaadamee akka ta’e beeksisee ture.
WBOn ibsa isaa kanaan, rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiruuf furmaata siyaasaa karaa nagaatiin akka argatu gochuu keessatti murannoo akka qabu beeksisuun, mariin nagaa kun akkuma xumurameen waan irra gahame akka ibsus himee ture.
“Furmaata siyaasaa karaa nagaa hawwii saba keenyaafi kabaja jaallan keenya wareegamanii dhugoomsuuf yoomiyyu ni dhimmamna,” jedhe ibsa isaa kanaan ABO-WBOn.
Aanga'oota mootummaa Federaalaa Itoophiyaan alatti, mootummaa naannoo Oromiyaarraas namoonni lama marii nagaa kanarratti hirmaataa jiraachuun barameera.
Marii kana adda durummaan gaggeessaa jiru IGAD yoo ta’u, Jilli Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Hamariin durfamu, akkasumas Keeniyaafi Noorwey waliin ta'uunidha.
Haata'u malee, wayita mariin nagaa mootummaa Federaalaafi WBO gidduutti Taanzaaniyaa, Daare Salaamitti gaggeeffamaa jiru kanatti waraanna Oromiyaa bakka gara garaatti cimee itti fufuu jiraattonni dubbachaa jiru.
Torban darban keessa Godina Gujii aanoolee adda addaa, Shawaa Kaabaa, aanaa Kuyyuu, Godina Shawaa Lixaa, aanaa Gindabarat fi Wallagga Lixaa aanolee tokko tokko keessatti waraanni akka ture BBC'n jiraattota irraa iyyaafateera.
Dabalataan Godina Buunnoo Beddellee fi Iluu Abbaa Booraa aanolee akka Makkoo fa'aa keessati waraanni gaggeeffamaa jiraachuu himan.
Marii nagaa mootummaa fi ABO-WBO marsaa jalqabaa Taanzaaniyaa, odola Zaanzibaar irratti gaggeeffame. Maricha irratti wal hubannaan jiraachuu himamus waliigalteerra osoo hin gahiin hafan.
Marsaa lammaffaan qondaalota siyaasaa fi waraanaa gidduutti gaggeeffamuun jijjiirama guddaa galmaa'edha.
Mariin kun yoom xumuramuu akka danda'urratti yaadni garaa garaa himamaa jiraatulleen garuu haala cimina mata dureewwan marichaa irraa ka'uun guyyaa akkasii xumurama jechuun rakkisaa akka ta'e maddeen BBC'tti himan.
ABO-WBO marsaa jalqabaa irratti dhimmoota akka haaldureetti kaase keessaa tokko, mootummaa ce'umsaa akka hundaa'u kan jedhu ture.
Akkasumas hidhamtoonni siyaasaa biyya keessa jiran akka gadhiifaman gaafachuu fi dhimmoonni kaanis jiraatanis waa'ee mootummaa ce'umsaa hundeessuu mata duree falmisiisaa guddaa ture.
Mariin ammaa kun maal irratti akka xiyyeefate gama lamaaniinuu odeeffannoo bal'aan bahaa hin jiru.
ABO-WBO yoo xumuramu ibsa kennina, kanaan ala odeeffannoo sobaa miidiyaa hawaasaa irra deemu hedduun dhugaarraa kan fagaate jechuun ibsa baaseen akeekkachiisuun isaa ni yaadatama.
Marii kanarratti wanti haaraan yoo jiraate hordofnee kan isin biraan geenyu taha.