Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TPLF lamatti hiramuun isaa garam geessuu danda’a?
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa aanga’oota buleeyyii TPLF afur torban dura aangoorraa kaafaman ilaalchisuun walga'ii waamaniirratti dubbatan.
Hoogantoota olaanoo Obbo Geetaachoo Raddaa aangoorraa kaasan kunneen: sadarkaa itti-aanaa pirezidantii bulchiinsa yerootti gorsaa ijaarsa ummataa kan ta’an Obbo Alam Gabrawaahid; itti-gaafatamaa Waajjira pirezidantii bulchiinsa yeroo kan ta’an Obbo Amaanu’el Asaffaa, Bulchiituu Godina Baha Kibbaa Liiyaa Kaasaa fi Bulchaan godina Lixa kabaa Obbo Taklaay Gabramadihiin turan.
Qondalaatoonni kunneen xalayaa Obbo Geetaachoo Raddaatiin mallattaa’een Onkolooleessa 25 fi 26, 2023 irraa kaasee aangoosaanii irraa kaafamuutu himame.
Aanga'oota olaanoo kanaan alatti, kanneen sadarkaa gadi aanaarra jiran keessaa aangoorraa dhorkamaniiru.
Dhimma ji’a darbe bulchiinsi mootummaa yeroo Naannoo Tigraay aanga'oota mootummaa halkan keessa beekamtii mootummaatiin ala walgahii waamanirratti tarkaanfiin fudhachuu himee ture.
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Getaachoo Raddaa Onkoloolessa 27, 2023 gaazexeessitootatti akka himanitti, aanga'oonni mootummaa bakka garaa garaarraa walitti qabaman beekkamtii mootummaasaa malee Maqaleetti walgahii taa'an.
"Namoonni kunneen maaliif akka buufataalee, aanaaleefi godinaaleerraa walgahiidhaaf Maqalee keessatti halkan Onkololeessa 25, 2023 akka waamaman ifa miti,’’ jedhan.
Hirmaattonni walgahiichaarra caalaan aanga'oota sadarkaalee garaa garaa irratti ummata kakkaasan yoo ta’an, kanneen itti-gaafatamummaa mootummaafi ummataan itti kenname haalaan hin fayyadamne irratti tarkaanfiin fudhatameera,” jedhan Obbo Getaachoon.
Akka maddeen naannicharraa argaman mul'isanitti qondaalota waraanaa dabalatee aanga'oonni nananichaa Maqaleetti walga'ii gaggeeffataa jiru.
Aanga'oonni hojiirraa kaafamuu, maallaqni uumatarraa walitti qabame eessa akka dhaqe? gaaffii jedhuufi dhimmoonni kaan TPLF keessatti walqoodinsi akka uumamu taasiseera.
Addaan qoodamuun kun eessa geessa? Maal qaqqabsiisuu danda'a? Taajjabdoota dhimma kana itti dhiyeenyaan hordofan gaafanneerra.
Maddi waldhibdee maal?
Ajandaan kun kan Tigraay miti; akkuma barame gidduu isaaniitti aangoodhaaf waldhabaa jiru. Masaanummaan ykn morkiin gidduu isaanii jiru teessoodha,” jedha namni BBCn dubbise tokko.
“Gama tokkoon garee TPLF Dabretsiyon fi Alam [Gabrewahid] ni jiru. Isaan kun bulchiinsa yeroo Obbo Getaachoon durfamitti gammadoo miti. Ta’us garuu nama gara aangootti fidna jedhan ammatti yaadaa waan qaban hin fakkaatan,” jedha taajjabaan kun.
TPLF paartii fedhiiwwan ummataaf dursa kennuufi garaagarummaa uumame karaa dimokiraatawaa ta’een furu akka ta’etti of yaada.
Gaazexeessaan dhimma naannoo Tigraay keessa deemaa jiru kana itti dhiyeenyaan hordofu Getaachoo Agaragaawwii, TPLF fi bulchiinsa yeroo gidduutti garaagarummaan uumamee jiru hin jiru jedha.
“Garaa garummaan kun garaa garummaa TPLF [akkuma kanaan dura ta’aa turedha] jedheen hubadha,” jedha.
Tarkaanfiin fudhatame harki caalaan waajjira piroppogaandaa TPLF irraa warra ta’anirrattidha jedha gaazexeessa Getaachoon.
Mootummaa keessatti, jarri tarkaanfiin irratti fudhatame kunneen ‘ummata dadammaqsuu’ keessatti kan beekamaniifi kanaafis kan kaffalan turan.
Siyaasa Tigraay waggoota 30 oliif olaantummaan dhuunfatee kan ture TPLF, hojiiwwan mootummaafi paartii adda baasuu dhabuun qeeqama.
“Akka jedhametti aanga’oonni hojiirraa kaafaman kunneen ‘hojii bulchiinsa yeroo ce’umsaa hojjechaa hin jiran. Jarri kun [bulchiinsa yeroo] kanaaf hojjetu osoo hin taane irratti hojjetu jedhaman. Ani kun shakkiidha jedheen yaada,” jedha Getaachon.
Shakkiin biraa jiru ammoo Waliigalteen Piritooriyaa hojiitti hiikamuun kan hin milkoofneef bulchiinsi yeroo kun waan hin barbaadneef kan jedhudha.
Kana ilaalchisuun aanga’oonni hojiirraa kaafamuun kan agarsiisu waldhibdee adeemsa ‘naamuusa’ paartiifi karaa bulchiinsi yeroo ‘ofumaan’ fudhatedha.
Waldhabdeen kun garamitti geessa?
Taajjabdoonni haalli kun akkuma kanaan dura si’a lama mudate TPLF keessatti qoodaminsa gara uumuutti geessuu akka danda’u waliigalu.
Getaachoo Aragaawwii shakkiin malaammaltummaa, keessumaa maallaqa yeroo waraanni ture uummatarra sassaabamaa ture ilaalchisuun ka’aa jiraachuu amana.
Hooggantoonni hangi tokko aangoorraa kan kaafaman saba kanaafi kanneen biroof akka ta’e himama.
“Morkiin kun kan ‘ebelu’ mo’achuu qabudha jettu miti,” jedha ogeessi seeraa Shawit. Dhimmi waldhabdee fedhii xixiqqafi aangooti. Adeemsi Getaachoo [Raddaa] adeemsa ulee dabeessaati,” jedha Shewit.
Getaachoo Raddaa caasaa jiru diigee aangoorratti hafuuf hawwaa? kan jedhus gaafa Shewit.
"Seenaa isaa keessatti paartiin akka TPLF namoota dhuunfaafi murnaan toa'tame hin jiru," jedha ogeessi seeraa Shewit.
Mootummaan federaalaa amma gareen duraanii TPLF fuulduratti dhufuu hin barbaadan jedhee amana jedha.
Hooggantoonni TPLF waraana dura murteessoo turan bulchiinsa yeroo keessaa akka duubatti deebiyan ta’uun, bulchiinsa Getaachoo fudhachuurratti akka yaada hiran taasifamaniiru.
Haata’u malee, TPLF haala jiru fudhatee waliin akka hojjetu himeera.
Hundeeffamuun bulchiinsa yeroo ce’umsaa ji’a afur fudhachuufi naannoon waraanaan manca’e kun tajaajilawwan mootumma yeroo isaa eega akka hin arganne taasisuun qeeqama.
Yeroo sanarraa kaasee garaa garummaan keessaa cimaa ture.
“Karaa biraatiin, TPLF maqaa filannootiin ykn haala danda’ameen aangootti deebiyuuf hawwii qaba,” jedhu Shewit.
“Sababiin isaa Tigraay gadii hanga gubbaatti Alam [Gabrewahidiiin] socho’a waan ta’eef neetiwoorkii kana cabsuudhaaf salphaa hin ta’u,” jedha.
Tigraay keessatti miseensa hedduu kan qabu TPLF, ‘caasaa bal’aa ‘Raayyaa Misoomaa’ jedhuamus ni qaba.
Yaaddoon jiru...
“Wanti nama yaaddessu dhiibbaan isaa adeemsa keessa uummata bira gaha kan jedhudha. Kun Tigraayiif yeroo kana ajandaa ta’ee miidhaa qaqqabsiisa,” jechuun soda qaban ibsu.
Jarri ajandaawwan gurguddoo kan akka dhimma daangaafi tokkummaa, akkasumas namoota qe’eerraa buqa’anii jiranii dagachaa jiru jedhu.
“Kun ammoo [mootummaa Federaalaatiif] carraa gaarii uumaaf. Mootummaan Federaalaa garuu bulchiinsi yeroo hojiirra oolmaan waliigaltee Piritooriyaa akka ‘hokkolu’ taasiseera jechuun himata.
“Gamni tokko mo’achuu danda’a; Yookaan ammoo yaa’ii waliigalaa eegamullee osoo hin taasifatiin itti fufuu danda’u.”
Gaazexeessaa Getaachoon garuu haali kun “gara baayyee hamaa ta’etti” geessa jedhee hin amanu.