Pirezdantii ittaanaan Keeniyaa osoo hospitaala ciisanii jiranuu aangoorraa ari'ataman

Rigathi Gachagua

Madda suuraa, Getty Images

Seenaataroonni Keeniyaa ittaanaa pirezidantii Riigaatii Gaashaaguwaan wallaansaaf hospitaala seenanii bakka jiranitti aangoorraa kaafaman.

Abukaatoon pirezidanti Ittaanaa kanaa akka jedhanitti, Gaashaaguwaa mana maree keessatti argamuudhaan murtee aangoorraa itti kaafamanii dhaggeeffachuu kan hin dandeenye sababii hospitaalaa seenaniifiidha.

Adeemsi itti aanga'aan kun bakka hin argamneetti aangoorraa kaafame kunis guyyaa diraamaadhaan dabaalameedha jedhameera. Gaashaaguwaan mana marichaatti argamuun sa'aatiiwwaniin booda ofiisaanii ni ittisu jedhamuun eegamee ture.

Gaashaaguwaan himannaawwan 11 irratti dhiyaatan hunda gonkumaa hin raawwannee jechuun haalaniiru.

Keeniyaanoota biratti maqaa masoo Riigii Jii jedhuun beekaman kunis sababii dhukkuubbii lapheerratti itti dhagahameetiin, Hospitaala Kaaran seenuudhaan wallaansa bakka argataa jiraniitti osoo beelamni ni dheerata jedhamee eegamaa ture.

Haata'u malee seenaataroonni adeemsichi bakka inni hin jirreetti akka gaggeeffamuuf murteesse. Abookaatoonni Gaashaagiwaa murte kana mormuudhaaf mana marichaa gadhiisuun bahanii ture.

Gaashaagiwaan walitti dhufeenyi pirezidantii Wiiliyaam Ruuttoo waliin qaban erga laafuu eegalee bubbuleera.

Miseensoonni mana maree seera tumuu hanga Sambataatti hin turru jechuudhaan pirezidantii ittaanaa angoorraa kaasuuf hangam akka kutatee ka'e kan agariise ta'eera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Torban darbe miseensoonni mana maree bakka bu'oota ummataa irra caalaa fi manni maree biyyaaleessaa pirezidantii ittaanaa aangorraa ari'achuudhaaf sagalee kennan.

Adeemsa kanatti aansee falmii guyyaa lamaa turu mana maree seera tumuu keessatti taasifamu qabaata ture.

Sooreessi beekamaafi pirezidantii ittaanaan bakka Maawunti Keeniyaa jedhamurraa dhufan kunis daldalaa beekamaadha.

Gaashagiwaan aangoorraa kaafamusaanii hordofuun yaada kennaniin ''kun ajjeechaa siyaasaati'' jedhaniiru.

Kamisa galgala miseensoonni mana maree 67 keessaa harki lama sadi kan ta'u sababii himannaa irratti dhiyaateetiin pirezidantii ittaanaan kun aangoorraa kaafamu qabaatu jechuun sagalee kannaniiru.

Manni marichaa kka jedhuutti, pirezidantii ittaanaan kun himannaawwan irratti dhiyaatan shaniin bakkeessaan irratti argameerra. Sabootta jidduutti qoodiinsa uumuu fi waadaa yeroo mudaman seenan kabaju dhabuun himannaawwan irratti dhiyaatan keessatti argamu.

Gaashaagiwaan malaammaltummaa dabalate dadabarsa maallaqaa seeraan alaa gochuunis himannaan irratti dhiyaatulleen kanaan bilisa jedhamaniiru.

Wiiliyaan Ruutoo fi Gaashaagiwaan gara aangootti erga dhufanii waggaa lama lakkoofsiisaniiru. Haata'u malee baatuun dura jidduusaaniitti wal dhabdeen umamuun kan dhagahame.

Waxabajjii darbe keessa Gaashaaguwaan ittigaafatamaan waajira tikaaa mormii gibira sababeeffqachuudhaan Keeniyaatti ka'ee ture pirezidantiidhaaf ibsa gahaa hin kenniine jechuudhaan mormusaanii ni yaadatama. Gochaan isaanii kunis akka pirezidantiicha tuffachuutti itti lakkaa'ameera.

Mormii ummataa Keeniyaatti ka'ee ture hordofuunis pirezidanti Ruutoon gibira silaa hojiirra oolchuuf turan kaasuun isaanii ni yaadtama.

Kana malees, miseensoota kaabineesaa guutummaatti harii'uudhaan ministiroota haasaa muudanii ture.

Ruutoon itti aanaan isaanii aangoorraa kaafamu ilaalchisee hanga ammaatti wanti jedhan hin jiru.