Dulluma keessa abbaa tahuun balaa qabaa?

Al Paashinoo fi jaalalleesaa

Madda suuraa, Getty Images

Bara kana namooti dulluma keessa abbaa tahan keessumaa biyyoota lixaa keessatti arguun baratamaa dhufeera.

Tibbana taatoon beekamaa Al Paashinoo daa'imsaa arfaffaa umuriisaa waggaa 83tti jaalalleesaa ganna kan 29, Nuur Alfallaa irraa argateera.

Taatoon Roobart Da Niiroonis akkasuma ganna 79tti daa'imsaa torbaffaa argateera.

Taatoowwan kunneen dulluma keessa daa'ima godhachuun kan jalqabaa miti. Umriin abboolii ijoollee dulluma keessa godhatanii akkaan ol guddateera.

Bara 1972 hanga 2015 keessa waggaa 3.5 dabaluun umriin gidduugalaa abbootii 30.9 yoo tahu abbootiin harka 9 tahan immoo yeroo ijoolleen isaanii dhalatan namoota ganna 40ti jedha qorannoon jornaalii fayyaa wal-hormaata namaa Ameerikaa irratti maxxane.

Galmee wantoota dinqisiisoo Guinness World Records akka agarsiisutti namni umri guddaatti daa'ima godhate nama ganna 92ti.

Dulluma keessa abbaa tahuun garuu balaa baatu qaba.

Bara 2022tti qorannoon Yunivarsiitii Yutaahaafi dhaabota qorannoo birootti adeemsifame akka agarsiisutti dulluma keessa daa'ima godhachuun balaa qaba jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoowwan kunneen namoota umrii Al-Pachinoo irra jiran sababa baay'inaan hin mul'anneef hin hirmaachifne.

Ragaan qorannoo kanaa akka agarsiisutti ispeermiin dhiirota ganna 40 fi 50 keessa jiranii rukkina, lakkoofsaa, sochiifi jijjiiramatti madaquun gahumsi qaban gad-bu'aa dha jedha.

Umrii kanatti daa'ima godachuu jechuun, ''balaa maseenummaa dhiiraa dabaltee ulfi adeemsa uumamaa keessa darbe akka bu'u gochuus qaba, '' jedha qorannichi. Qorannoowwan baayyeen biroo ulfa buusuun baayyee sababa ispeermii abbaa dulluma keessa jiruun uumama jedhu.

Kana malees mucaan dhalachuun booda balaan daa'imni dhukkuba godhachuu jira. Bara 1950 irraa qabee abbootiin dulluma keessa mucaa godhatan ilmaan balaa dinkii tahuu keessa akka jiran beekama, ergasii garuu sababooti biroos akka shoora qaban mirkanaa'eera.

''Dulluma keessa mucaa godhachuun akkuma dubartiif ijoolleeshee balaaf saaxilu dhiiraafis akkasuma,'' jedha Yunivarsiitii Yutaahaa kuni.

Balaa daa'ima ulfaatina xiqqoo dhalchuu

Ispeermiifi hanqaaquu

Madda suuraa, Getty Images

Qorannoon Istaanfoord Yunivarsiitii abbootii dulluma keessa ijoollee godhatan daa'imman ulfaatin baayyeee xiqqoo qabaniifi gaggabdoon isaan rakkisu dhalchu jedha. Kaansarii yeroo ijoollummaatti uumamu akkasumas dhukkuba onneef saaxilamu.

Haa tahu malee waan tokko qalbeeffachuun murteessaa dha. Rakkoo fayyaa fi sababoota gidduu hidhata jiru baruuf malli faayidaarra oolu ifaa waan hin taaneef dhimmoota kana keessatti haala jiraanyaa dabalatee dhimmooti kaan shoora qabaachuu malu.

Qorattoonni ammallee dhiiroti dulluma keessa jiran seeliin ispeermii isaanii keessatti qacceen DNA waan miidhamuufi jijjiiramuuf isa dhaloota aanutti dabarsu.

Qorannoowwan akkanaa hakiimoti akkatti maseenummaa ilaalan akka jijjiiran gochaa jira.

Yeroo baayyee maseenummaan gaafa uumamu rakkoo dubartiiti jedhamee waan amanamuuf qorannoonis baay'inaan dubartoota irratti dalagame.

Amma garuu dandeettiin wal-horuu dhiirootaa suuta gad bu'aa haa dhufuyyuu urmiin isaanii akka dhiibbaa qabu ifa taheera.

Ammaaf dhimmi Al Paashinii fi Dee Niroo fi dhiiroota umrii torbaatama, saddeetamaa fi sagaltama keessa jiranii warra muraasa keessatti ramadama.

Tahus walumaagalatti mucaa dhalchuun dhimma dargaggoo qofa miti.

Bara 1970 irraa qabee abbootiin Ameerikaatti ijoollee godhatan umriin isaanii ganna 30 tahu %27'n hir'iseeera. Umrii 45 hanga 49 ijoollee godhachuun %52'n dabaleera.

Haalli kuni akkasiin yoo itti fufe ilaalcha hawaasaa dhiisii saayinsiin fayyaa iyyuu shakkii malee of fooyyeessu qaba.