'Giriinlaand kan Ameerikaa ta'uu qabdi' jechuun Tiraamp ergamaa addaa muudan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, odola bal'oo Arktiik kan taate Giriinlaandiitti ergamaa addaa erga muudanii booda, dhuunfachuu akka barbaadan dubbachuun Deenmaark waliin waldhabdee haaraatti jiru.
Gahee hojii haaraa bulchaa Luwiiziyaanaa Jeef Laandirii BBC'n kan gaafate wayita deebisu, Ameerikaan Giriinlaandiin ''eegumsa biyyaalessaaf'' akka barbaadan ibsuun ''keenya ta'uu qabdi'' jedhan.
Ergamaa addaa Giriinlaandii Laandriin, qaama Deenmaark ofiin of ''bulchitu hoggana'' jedhan.
Tarkaanfiin kun Koppanhagen kan dallansiise yoo ta'u, Ambaasaaddarri Ameerikaa dhimma kanarratti 'ibsa akka kennuuf ' akka waamtu beeksiste.
Muummichi Ministeeraa Giriinlaand ''Nuyitu egeree keenya ofii keenyaa murteessaa , walabummaan biyyaas kabajamuu qaba'' jedhan.
Goov Laandriin X irratti ''Giriinlaandi qaama US gochuuf fedhaan tajaajiluun kabaja guddaadha'' jedhan.
Tiraamp Amajjii darbe gara Waayit Haawusitti deebi'uu hordofee Giriinlaandii bakka tarsiimoo fi qabeenya albuudaa qabdu ta'uu kaasuun, yeroo dheeraaf to'achuuf akka barbaadu kan ibse deebisee kaase.
Odola kana to'achuuf humna fayyadamuu hin dhiisne, ejjennoo kun michuu NATO kan taate fi Waashingitan waliin hariiroo cimaa qabdu Deenmaark rifachiiseera.
Tiraamp itti dabaluudhaan, ''sana furuu qabna,'' jedhan. "Giriinlaandiin kan barbaannu nageenya biyyaalessaaf malee albuudaaf miti" jedhan.
Tiraamp dooniiwwan Chaayinaa fi Raashiyaa galaana bakka sanantti dhiyoo jiranirraa yaaddoo uumuu kaase.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Giriinlaandiirra namoota 57,000 ta'anitu jiraata, bara 1979 irraa eegalee harka caalu of bulchiti. Humni ittisaa fi imaammata dantaa alaa Deenmaarkitu to'ata.
Lammileen Giriinlaand harki caalaan isaanii adeemsa keessa Deenmaarkirraa walaba ta'uu barbaadu.
Sagaleen hawaasaa sassaabame akka agarsiisutti jiraattonni odola kanaa qaama US ta'uu mormu.
Ministirri Dhimma Alaa Deenmaark, Laarsi Lookee Raasmusen, muudamni Laandrii ''baay'ee kan nama mufachiisu'' jechuun ibsuun, Waashingitan abbaa biyyummaa Deenmaark akka kabajju akeekkachiisaniiru.
Tamsaasa Deenmaark TV2tti akka himetti: "Akka biyya Deenmaarkitti, Odola Faaroo fi Giriinlaand qabnutti gochoota tokkummaa daangaa keenya miidhan fudhachuu hin dandeenyu" jedhan.
Ministirri Muummee Giriinlaand Jeensi-Fireederik Nilsan akka jedhanitti, Giriinlaand Ameerikaa fi biyyoota biroo waliin tumsuuf fedhii qaba, garuu bu'uura wal kabajuu qofaani.
"Ergamaan addaa muuduun homaa nuuf hin jijjiiru. Nuti egeree keenya ofii keenyaa murteessina. Giriinlaandiin kan warra Giriinlaandiiti tokkummaan daangaa kabajamuu qaba" jedhan.
Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursulaa Von der Leyeen toora X irratti, Gamtaan Awurooppaa guutumaan guutuutti ''Deenmaark fi ummata Giriinlaand waliin dhaabbata'' jedhan.
Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis kanaan dura miidiyaa hawaasaarratti, Laandrii hangam ''Giriinlaandiin nageenya biyya keenyaaf barbaachisaa akka taate'' hubachuun dantaa Ameerikaa kabachiisa jedhan.












