'Ameerikaan Giriinlaand harkashee galfatti jedheen abdadha' jedhan Tiraamp

Pirezidaantii 47ffaa Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Giriinlaandi akka Ameerikaatti dabalan dubbatan.

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp waa'ee odola kanaa xiyyaaraa keessatti gaafataman

Pirezedant Doonaald Tiraamp torban muraasa darban keessa lafa Deenmaark kan ta'e Giriinlaand to'achuu akka fedhan erga ibsanii asitti Ameerikaan Giriinlaand akka to'attuun amana jedhan.

Sambata darbe kana gaazexeessitootatti wayita dubbatan, jiraattonni odola kanaa 57,000 ta'an ''nutti dabalamuu barbaadu, ni arganna jedheen yaada'' jedhan.

Tiraamp yaada kana kan kennan Ministirri Muummee Deenmaark Mette Firederiksan torban darbe bilbilan pirezidanticha waliin wayita haasa'ani Giriinlaandi gurgurtaaf akka hin dhiyaanne cimsanii dubbachuun gabaafamu hordofeeti.

Tiraamp bara 2019 yeroo jalqabaaf naannoo Arktiik bal'aa kana bitachuuf kan akeekan yoo ta'u, Ameerikaan Giriinlaand to'achuun nageenya idil-addunyaatiif ''barbaachisa'' jedhan.

''Warri odola kanarra jiraatan nutti dabalamu barbaadu jedheen yaada,'' jedhan Tiraamp waa'ee odola kanaa xiyyaara pirezidantummaa keessa turan keessatti wayita dubbatan.

Deenmaark maal akka irraa qabdu hin beeku, garuu eegumsa addunyaa bilisaaf barbaachisaa waan ta'eef yoo akka keenya taatu nuuf hin hayyamne gocha diinummaa ta'a," jedhan.

Tiraamp itti fufuun, ''Giriinlaandiin addunyaa bilisaaf waan barbaachiftuuf ni arganna jedheen yaada,'' jedhan.

"Bilisummaa kennuu kan dandeenyu nuyi jechuurra kan darbe Ameerikaa waliin waan wal qabatu hin qabu. Isaan bilisummaa kana kennuu hin danda'an."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp amantaa kana jedhaniis, Ministirri Muummee Giriinlaandii fi Deenmaark lamaanuu odolichi gurgurtaaf akka hin dhiyaanne dubbatan.

MM Giriinlaand Mute Egede itti fayyadamni lafichaa "fedha Giriinlaandiirratti hundaa'a" jedhan, Garuu humna ittisaa fi albuuda baasurratti US waliin waltti dhiyeenyaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsan.

Minisittirr Muummee Deenmaark Firederiksan jalqaba baatii kanaatti Giriinlaandii kan warra Giriinlaandiiti, egeree ishee murteessu ummata bakka kana jiraatan qofa.

Firederiksan torban darbe Tiraamp waliin bilbila daqiiqaa 45'f erga haasa'anii booda ejjennoo ofii deebitee mirkaneessite jedha gabaasni Faayinaanshiyaal Taayims.

Gaazexaan kun qondaala Awurooppaa maqaan isaa hin ibsamne tokko eeruun wayita barreessu, haasaan isaanii kun ''gammachiisaa miti'', fedhiin Tiraamp Giriinlaandii argachuuf qaban ''cimaa fi balaa guddaa hordofsiisu danda'a'' jedhe.

Ministirri Muummee Deenmaark odola kana gurgurtaaf akka fedha hin qabne ibsuun, ''fedhii guddaa'' Ameerikaan garuu akka hubatan ibsan.

Giriinlaand karaa gabaabaa Ameerikaa Kaabaarraa gara Awurooppaatti geessu argamuun, Ameerikaaf bakka tarsiimoof filatamtuu taasise.

Akkasumas dhaabbanni qorannoo hawaa Ameerikaa meeshaalee qorannoo guddaa bakka kanaa qaba.

Waggoota dhiyoo asitti yuuraaniyeemii dabalatee albuudota gati jabeeyyii Giriinlaandii baasuuf fedhiin Ameerikaan qabdu dabalaa dhufeera.

Odolaan kun ofiin of bulchitu yoo taatu, kutaa Deenmaark jalatti argamti.

Garuu Giriinlaanditti waanti irratti waliigaliigalame sududaan walaba ta'uudha, kunis hariiroo haaraa US waliin uumuuf karaa saaquufii danda'a.