Namoonni amantaaf osoo hin taane sababa hiyyummaaf garee shororkeessitootaatti makamu -UN

Madda suuraa, AFP
Gabaasni haaraan UN baase biyyoota Sahaaraan gadii keessatti namootni akka garee shororkeesitootatti makaman kan gochaa jiru, amantaa osoo hin taane carraa hojii dhabuudha jedhe.
Sagantaan Misoomaa UN biyyoota Afrikaa saddet keessatti qorannoo namoota 2,200 hirmaachisee gaggeesse. Isaan keessaatti Maalii,Sudaan, Naayijeeriyaa fi Somaaliyaan argamu.
Namoota sababa garee kanatti himan keessaa 17% qofatu sababa amantaan garee shororkeesitootatti makamuu himan.
%40 kan tahan ammoo sababa hiyyummaa irraa kan ka’e gara garee shororkeesitootatti makamuu himan.
Namoota yaada kennan keessaa 1,000 kan tahan kana dura miseensa garee finxaaleyyiitti fedha isaaniin akkasumas dirqamanii kan makamanidha.
Dabalataan hidhaa maatii isaaniirra gama mootummaan taasifamu akka garichatti makamaniif sababa tahuus yaada kennnaniiru.
Warri fedha isaaniin garichatti makaman carraa hojii dhabuun akka tahe himaniiru. Finxaalesummaan isa bara 2017 keessa ture irraa %92 dabaluu gabaasni UNDP ni agarsiisa.
Qorannoon kun carraa barnootaa dabalataa wagga tokkoof argachuunillee carraa isaan garichatti makamuuf qaban hir’isuuf murteessaa tahuu hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2021 keessa du’aatii biyyoota Saharaan gadii keessatti galmaa’e keessaa walakkaan isaa sababa gareelee kanaan tahuu qorannichi ibseera.
Mootummaan Somaaliyaa biyyoota Baha Afrikaa akka Itoophiyaa, Keeniyaa fi Jabuutii waliin tahuun hidhattoota al-Shabaab haleeluuf waliigalaniiru.
Gareen Islaamaa al-Qaayidaan hidhata qabu biyyattii keessatti buufata waraanaa loltoota UN, Gamtaa Afrikaa fi mootummaa biyyattii irratti haleellaa gaggeessaa ture.
Maalii keessatti haleellaa Jihaadistootni irra dedebiin gaggeessaniin lubbuun namoota kumaatamaa darbeera.
Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa, Sergee Laavroov, biyyi isaanii lola mootummaan Maalii garee jihaadistootaa waliin godhan irratti mootummaa biyyattiif itti fufinsaan deeggarsa waraanaa akka gootu himan.
Ministirichi magaalaa Maalii Bamaakootti kana kan dubbatan yoo tahu, dhiyeenyuma yeroo sadaffaaf ardii Afrikaatti deeggarsa taasisan.
Hogganaan Juuntaa Maalii Kolonel Assimii Gooyitaa, erga hariiroon Faransaay waliin qaban sadarkaa hamaarra gahee Raashiyaa waaliin michummaa cimsataniiru.
Loltootni Faransaay Maalii keessaa akka bahaniif ajajni darbeera. Humni waraanaa Raashiyaa adda tahe garee Waagner jedhamu ammo bobbaafamaniiru.
UN garuu Maalii keessatti yakki waraanaa biyyattii keessatti garee Wagnerii fi mootummaa Maaliidhaan raawwatamuu waan hin hafneef qaamni wallaba tahe akka qoratun barbaada jedhe.












