Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yeroo jilli Gadaa gahu ijaarsi Qachaa aannaniifi dammaan dongoramu maali?
Wal harkaa fuudhinsa baallii Gadaa Gujii ALI Gurraandhala 13 bara 2016 adeemsifamuuf jilli Gadaa sirnoota adda addaa gaggeessaa ture.
Warri jilaa kunneenis tibbana ammoo lafa ardaa baalliin itti dabarfamu, Me’ee Bokkootti ijaarsa Qachaa eegaleera.
Ijaarsa Qachaa kana eebbisanii kan jalqabsiisan ammoo Abbaaa Gadaa Gujii kan baallii Gadoomaa dabarsuuf torbeen muraasni qofti isaan hafu Abbaa Gadaa Jiloo Maandhooti.
Ofii Ijjaarsi Qachaa maali?
Obbo Duubee Aduulaa Ogeessa Aadaa fi Turizimii Godina Gujii fi qorataa aadaati. Akka Obbo Duubee Aduulaan jedhanitti, Qacha jechuun bakka qubsuma abbootii Gadaati.
“Qachaa dhaabbachuu jechuun ardaa jilaarra yeroo abbootiin Gadaa naanna’an bakka qubsuma isaanii jechuudha. Innis eddoo qubatanii nama ittiin tajaajilan jechuudha. Qachaan mana yeroo abbootiin Gadaa keessa qubatanii taajaajila itti kennaniidha” jedhan oggeessi BBCn dubbise kun.
Qachaan kunis bakka dhaabbiidhaan keessa jiraatamu osoo hin taane, mana hanga jilli gagggeefamutti qofa abbootii Gadaa akka tajaajiluf ijaaramu ta’uus himu.
Yeroo baallii dabarsuu kan waggaa saddeet saddeetiin naanna’u kanaan alattis, gadaan waggoota saddeet keessatti ardaalee adda addaati jila aadaa yeroo qabaatu mara Qachaa ijaaruun aadaa ta’uus dabalanii himu Obbo Duubeen.
Yeroo akka amma jilli baallii dabarsuu dhihaatu kanatti ammoo Gadaan sadan Gujii, jechuunis (Uraaga, Maattii fi Hokkuu) hunduu me’ee bokkootti bakka qubsumaa kana ijaarratu ta'u kaasu.
Ijaarsi bakka qubsuma abbootii Gadaa kun aadaa keessatti kabaja guddaa waan qabuuf jechas callisamee hin dongoramu jedhu Obbo Duubeen.
“Qachaa ijaaruun kabaja qaba. Kanaaf jechas jalqaba Abbaan Gadaa erga eebbiseen booda, achiin aannanii fi damma itti qicanii ijaarsa bakka qubsumaa kana dongoru. Kunis kan raawwatamu safuu fi kabaja mul’isuufidha,” jedhan.
Gadaan Gujii sirna baallii dabarsuu kanaaf bakka qubsuma abbootii gadaa Ijaaramuu jalqabe kun erga xumurameen booda abbootiin gadaa fi jilli isaanii hanga guyyaan baallii dabarsuu gahuutti ardaa Me’ee Bokkuu qubatanii sirnoota aadaa haaluma seeroota gadaa lallabuu raawwatu jedhu qorataan aadaa kun.
Gujiitti jila gadaa torbee muraasa booda gaggeeffamuuf jiru kanaaf sirnoota dursaa erga raawwatamuu eegalee bubbuleera.
Sirni maqaa baasuu, mataa buufachuu amma dura kan raawwataman yoo ta’u, ijaarsi Qachaa ammoo amma itti jira.
Jila gadaa kanaanis baalliin gadaa Gujii 75ffaan ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti Gadaan Harmuufaa Gadaa Roobaleef baallii dabarsa.