Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa Obbo Batteerratti raawwateef mootummaatti quba-qabuun fudhatama hin qabu- Mootummaa N. Oromiyaa
Ajjeechaan miseensa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Battee Urgeessaarratti raawwates ta’ef, ololli itti gaafatamummaa isaa mootummaadhaaf kennuuf deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama hin qabu jedhe Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa baaseen.
Ajjeechaa qaama hin beekamneen miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaa irratti raawwate mootummaan ni balaalleefata kan jedhe ibsi Roobii har'aa, Ebala 10, 2024 bahe kun, "...miseensi ABO kun mootummaa waliin garaagarummaa ejjennoo siyaasaa waan qabuuf duwwaa akka gochaan kun qaama mootummaatiin raawwatetti ololli deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne ta’uu mootummaan cimsee beeksisa," jechuun hime.
Namni siyaasaa Obbo Battee Urgeessaa qaama hanga ammaatti adda hin baaneen magaalaa Maqiitti lubbuun isaanii darbee argamuun ni beekama kan jedhe ibsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa, "gochaan kun qaama kamiinuu yoo raawwate bu’uura kamiinuu fudhatama kan hin qabneedha," jedha.
Obbo Batteen qonna paappayyaa bakka dhalootaa isaanii kan taate Maqiitti argamu hordofuuf Jimaata darbe garas imaluu akka dhagahan hiriyaan isaa BBCtti himaniiru.
Akka hiriyyaan isaanii kun jedhanitti, Obbo Battee magaalaa Maqii hoteela keessa turan irraa halkan naannoo sa'aa jahatti fudhatamanii ''rasaasaan ajjeefaman.''
Ammatti gocha kana eenyu akka raawwatee fi haala itti raawwatame irratti odeeffannoo gahaan akka hin jirre kan himan hiriyyaan Obbo Battee, ''Akkuma beekamu Batteen yeroo baayyee hidhamee bahe. Hordoffii jala jira,'' jedhan.
Ajjeechaa gara jabinaan miseensaa fi qondaala isaarratti raawwatameen gadda guddaa keessa galuu kan ibse Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n, ajjeechaan murti seeraa malee qaroo Oromoo, warra siyaasafi aadaa isaaniitiin dammaqqanii ija ta’an irratti raawwatamu gocha tooftaafi itti-gaafatama tokko malee Oromoo callisiisuudhaaf baroota dheeraatiif ta’aa turanidha jedhe.
ABO'n ibsa ajjeefamuu qondaala isaa kana ilaalchisuun baaseen, “Ajjeechaa artistii kabajamaafi jaallatamaa qaroo Oromoo Haacaaluu Hundeessaa ammallee akka haaraatti osoo yaadachaa jirruu, ammas akka sabaatti du’a gaddisiisaa lubbuu Oromoo dubbii beeku, kutataafi goota dhabne,” jedheera.
Ibsi Mootummaa naannoo Oromiyaa kun, "Qaamoleen siyaasaa kasaaraan siyaasaa isaan qaqqabe carraa kanatti fayyadamuuf tattaaffi humnaa olii taasisaa akka jiran mootummaan taajjbbii qaba," jedha.
Yakka ajjechaa Obbo Battee Urgeessaarratti raawwate adeemsa qorannoo seeraa hordofee ummataaf kan ifoomsu ta’uu ibsa kanaan kan beeksise Mootummaan Naannoo Oromiyaa, "hanga qaamni nageenyaa gorannoodhaan adda baasee ummataaf ifoomsutti itti gaafatamummaa gochaa ajjeechaa kana qaama kamiifuu kennuun kan hin danda’amne ta’uun hubatamee qaamni kamiyyuu olola qabatamaa hin taane tamsaasurraa akka of qusatu cimsee beeksisa," jedha.
Obbo Batteen ji'a tokko dura gaazexessaa lammii Faransaay waliin af-gaaffii osoo gochaa jiranii shororkeessummaan shakkamanii hidhamanii turan. Boodas Manni Murtii Magaala Finfinnee Kutaa Magaala Boolee wabii birrii kuma 100 tahuun akka mana hidhaatii gadhiifaman murteessee jennaan hidhaarra bahuun isaanii ni yaadatama.
Sana duras bara 2022 ji'ootaaf himannaa walfakkaataan qondaaltota ABO kaan waliin mana hidhaa turanii rakkoo fayyaa jabaa isaan mudateen walqabatee hidhaarra gadhiifaman.
Obbo Battee Urgeessaa jijjiirama bara 2018 dhufe hordofee ABO gara biyyaatti erga deebi'ee booda namoota siyaasaa dhageettii guddaa horatan keessaayi.
Dhaabbichi yeroo adda addaa dhiibbaa alaafi kessoon rakkoon wayita isa mudatuttis ejjennoo dhaabaasaa cimsee qabachuuf miidiyaalee adda addaarratti kaayyoo dhaabasaa himuun beekama.
Hubannoo siyaasa Oromoo fi Itoophiyaarratti qabaniinis dhaaba ABO keessatti dhaloota haaraa abdiin irra kaahame turan. Obbo Baatteen gaheessa jalqaba ganna afurtammaniirra jiran yoo ta'u, abbaa ijoollee afuriiti.
'Abdii hin kutannu. Abdii kutachuufis as hin jirru' - Obbo Battee
Ji'oota dura haala qabsoo karaa Nagaa Itoophiyaa keessa jiruu irratti BBCn xiinxala namoota siyaasaa adda addaa dubbisuun qopheesse keessatti Obbo Batteen yaada ''qabsoon karaa nagaa yeroo kamiyyuu caala haala yaadessaarra jira'' jedhu kennanii ture.
Erga filannoo bara 2021dirreen siyaasaa qabsoo karaa nagaaf wanti abdii ta'u mul'ateraa? gaaffii jedhuuf Obbo Batteen ''homtuu wanti abdii horu hin mul'anne, inummaayyuu wanta sana caalaa abdii kutachiisaatu jira'' deebii jedhu kennu.
Obbo Batteenis hireen filannootti hirmatanii injifachuu cufaameera yaada jedhu qabaachuu malee, qabsoon karaa nagaa gaggeessan filannoorratti hirmaachuun gamasittis dhiibbaa qaama biyya bulchuun osoo harka hin kenniin itti fufa jedhu.
''Abdii hin kutannu. Abdii kutachuufis as hin jirru. Kan abdiirraa kutannu, hiree filannoorratti hirmaatanii mootummaa uummatni filate ijaaruuti. Diddaa sirna cunqursaarratti qabnu ittuma fufna. Hamma uummatni kun jirutti diddaan kun ittuma fufa.''
Siyaasa Oromoo keessatti namootni buleeyyiin hirmaannaa siyaasa keessatti qaban xiqeessaa fi callisaa dhufuun isaanii irratti gaaffii dhiyeessinee turreef deebii yoo kennan, dhaloonni akka isaanii abdii ta'u jiraachuu dubbatanii ture.
''Namoonni muraasni beekaman qabsoo dhiisan jechuun, uummanni qabsoosaa hin dhiisa jechuu miti'' kan jedhan Obbo Batteen, dhalootni akka isaanii kanneen isaan dura turan irraa barachuun qabsoo karaa nagaatti akka cichanis dubbatan.