Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Tigraayitti waraanni hammaachuun dhumaatii haaraaf sodaachisa'-Aministii
Naannoo Tigraay keessatti humnoota mootummaa Itoophiyaafi hidhattoota Tigraay gidduutti waraanni torbanoota as dhiyoo keessa hammaate dhumaatii haaraa hordofsiisuu mala jechuun Aministii Intarnaashinaal akeekkachiise.
Jaarmiyaan idila addunyaa mirga namoomaaf falmu kun qaamoleen waraana kana keessaa qooda qaban kamuu waraana hammaate kana keessatti ''namoota nagaaf eeggannoo gochuu qabu'' jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa daangaan qilleensaa isaa naannoo Tigraay keessa jiru sarbamee meeshaan waraana humnoota Tigraayiif dhiyaachaa jira sababa jedhuun magaalotaa fi buufataalee xiyyaaraa naannicha keessa jiran to'achuuf duula eegaluu beeksisee ture.
Duula kanaanis magaalota akka Allaamaaxaa, Shiree fi magaalota biroo murteessoodha jedhe to'achaa akka jiru ibsa.
Duula kanaanis mgaalota keessatti waraanni akka hin adeemsifamne tarsiimoo qopheessee namoota nagaaf eeggannoo akka godhu ibsa Wiixata Onkololessa 23 baaseen beeksiseera.
Aministii Intarnaashinaal garuu ''ragaan argadheen faallaa ibsa kanaatu jira'' jedheera.
Hagayyaafi Fulbaana keessa haleellaawwan qilleensaa Maqalee fi Adi Daa'iroo irra deddeebiin raawwatameen daa'imman dabalatee namootni nagaan dhibbaan lakkaawwaman ajjeefamaniiru jedha.
Fulbaana 5-12'tti ammoo humnootni Eertiraa kan Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin hiriiran magaalaa Sheraarootti godaantota Eertiraa dabalatee namoota nagaa yoo xiqqaate 40 ta'an murtee seeraa malee ajjeesanniirs jedheera.
Dhaabbatichatti daayirektarri damee Bahaafi Kibba Afrikaa Muleeyaa Miwaanaanyaandaa uummatni nagaan Tigraay ajjeechaafi sarbamni mirgaa hamaa haaraan nurra gaha jedhee yaaddoo qaaa jedhan.
''Uummatni nagaan Tigraay sarbamni mirgaa bal'aan, ajjeechaa seera maleessa, haleellaa saalaa, haleellaawwan tooftaan yeroo Sadaasa 2020- Waxabajjii 2021 Raayyaan Ittisa Biyyaa Tigraay qabatee ture raawwataman aammas deebi'ee mudata sodaa jedhu qabu.''
Dayirektarittiin hooggantootni waraanaafi kan siyaasaa gaafatama qaamolee hooggananiin yakka waraanaa raawwatuu malu ittisuufi gaafatamummaa mirkaneessuu qaban hubaachuun irra jiraa jedhanii san gochuu dhabuun yakka kanaan akka gaafatman akeeka jedhan.
Aministiin ibsa isaa kana keessatti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa walabaa akka jiraatuufi dhaabbilee mirg namoomaa qorannoo walabaa akka gaggeessan hireen akka jiraatu gaafate.
'Waraani haa dhaabatu'
Aminsitii Intaranaashinaal ibsi isaa Onkololessa 23, 2022 kun kan bahe mootummaan Itoophiyaafi humnootni TPLF marii nagaa isaa jalqabaaf Afrikaa Kibbaa galuun isaanii wayita dhagaahamettiidha.
Ammatti mariin kun eegalamuufi dhiisuu irratti gabaasni bahe hin jiru. Haata'u malee senaataroonni US 10 ta'an marii nagaa eegaluun dura xalayaa MM Abiyiif erganiin waraanni akka dhaabatu waamicha godhaniiru.
Senaatarootni miseensa Koree Haajaa Alaa US ta'aniifi kaan torbanoota darban waraanni hammaachuun waraanicha keessatti ''gaaga'ama ilma namaarratti geessiseen boqonnaa isa gaddisiisaadha'' jedhan.
''Erga waraanni kun Sadaasa bara 2020 eegalee as namootni nagaan miiliyoona 2.5 ta'an qe'eerraa buqqa'aniiru, tilmaaman 500,000 kan ta'an ajjeefamaniiru'' jedhan.
Xalayaa isaanii kanaan mariin nagaa Gamtaa Afrikaan durfamu waraana kana ni goolaba abdii jedhu akka qaban ibsaniiru.