Raashiyaan xayyaara waraanaa UK cinaatti misaa'ela dhukaaste

Galaana Bilaak Sii gubbaatti xayyaarri waraana Raashiyaa kan UK cinaatti misaa'ela dhukaasuu ministeerri ittisaa UK ibse.

"Taaten hamaan" kun gaafa Fulbaana 29 daangaa qilleensa idil-addunyaa keessatti raawwachuu ministeerri ittisa UK Been Waalas himan.

UKn akka jettetti xayyaarri waraana Raashiyaa kan UK RAF jedhamu cinaatti misaa'ela kan dhukaase osoo UKn daangaa qilleensa Bilaak Sii to'ataa jirtuuti.

Raashiyaan gama isheetin "rakkoo teekinikaa" irraa kan ka'e taaten kun mudachuu ibsite. UKn waan mudate kana akka Raashiyaan "itti yaaddee goote" jettee, akka hin fudhanne garuu ammoo akkaataa gochaa Raahshiyaatti wantoonni akkamitti tasa rakkoo guddaa uumuu akka danda'an miseensota paarlaamaa UKtti himan Been Waalas.

Xayyaarri UK RAF RC-135 Rivet Joint jedhamuu fi hojii to'annootif Bilaak Sii tti bobba'e, ji'a darbe keessa xayyaarota waraanaa Raashiyaa SU-27 jedhaman lama wajjin walitti dhufan.

Taatee kanaan xayyaarri waraana Raashiyaa xayyaara basaasaa UK cinaatti misaa'ela gadi lakkise.

Ministeerri Ittisaa UK akka jedhanitti yeroo sanatti xayyaarota waraanaa Raashiyaa SU-27 lama ta'anii bobba'an keessaa tokko xayyaara UK irraa fageenya baay'ee dhiyoo irratti misaa'ela gadi dhiise.

Been Waalas taatee uumame kanaan yaadda'uu isaaniin ministeera ittisaa Raashiyaaf xalayaa barreessanii akka turanis himan.

Raashiyaanis xalayaa Onkoloolessa 10 ministeera ittisaa UKtiif deebisteen dhimmicha qorattee xayyaara ishee "rakkoon teekinikaa" mudatee akka ture ibsite.

Taaten uumames daandii qilleensa idil-addunyaa irratti ta'uu Raashiyaan amanteetti jechuun dubbatan Been Waalas.