Bilinkan Itoophiyaafi Ertiraan ‘waraana waloo’ Tigraayiitti gaggeessan akka dhaaban gaafatan

Ittigaafatamaan Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan, Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa haleellaa ‘waraana waloo’ Tigraay keessatti gaggeessaa jiran akka dhaabaniif waamicha taasisan.

Antoonii Biliinkan barreeffama karaa toora tiwitara isaanitiin maxxansaniin, qaamooleen waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaatan gochaawwan waraanicha cimsa irraa akka of qusataniif waamicha dhiyeessan.

Karaa gama humnootii Tigraayiin ammoo aanga’oonni naannichaa ‘‘gochaan dubbii barbaachaa’’ raawwachu irraa akka of qusataniif aanga’aan kun kan akeekkachiisan.

Gama biraatiin ammoo Ergamaan Addaa Ameeriikaa Gaanfa Afriikaa Maayik Haamar Jimaata darbe Finfinneetti Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makooniin waliin mari’achutu himame.

Ergamaan Addaa Haamar kan daawwannaaf torbanootaan dura gara Afrikaa dhufanii turanis Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa fi amma ammoo Finfinnee daawwataa jiraachutu himame.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa akka beeksiiseettis, Ambaasadar Haamar Jimaata kaleessaa Obbo Dammaqaa Makooniin waliin haala waraanichi karaa nagaatiin xumura godhaturratti mari’ataniiru.

Itti gaafatamaan Deeggarsa Namoomaa UN Maartiin Giriftas gama isaanitiin, haalli Shiree keessaa yaaddeessaa ta’usaatti waa’ee nageenya namoota nagaa fi hojjattoota namoomaa baayyee yaadda’uu hima.

Hogganaan kunis barreeffama kanarra tiwiitaraatiin maxxansaniin, ‘‘hojjattoonni deeggarsa namoomaa lama miidhaan irra gahuu baruu kootti yaaddoon ol natti ta’eera’’ jedhan.

Itti dabalunis ‘‘ammas irra deebiin qamoolee wal waraanaa jira akka gara marii nagaatti deebii’aniifaniif, hanga sanattis akka namoota nagaa fi hojjattoota namoomaaf eegumsa taasisanan gaafadha’’ jedhan.

Waraanaa Kaaba Itophiyaa amma waggaa lama guutuuf jiru kanaanis lubbuun namoota kumataan lakkaa’amanii bade, miiliyoonooti ammoo bakka jireenyaa isaanii gadhiisuun buqqaafamaniiru.

Waraanichi baatiiwwan shaniif dhaabbate kan ture yoo ta’u Adooleessa darbee sababii gareewwan lamaan itti wal himataniin deebii’ee eegaleera.

Biliinkan Motummaan Itoophiyaa fi aanga’oonni Tigraay waraana dhaabuuf daandii nagaa hordofuu kan qabaatan amma jedhan.

Kanaanis mariin nagaa hoggansa Gamtaan Afriikaatiin gaggeeffamu Ameerikaan akka deeggartu aanga’aan Ameerikaa kun himan.

Mariin nagaa paartiilee wal waraanaan lamaan jidduutti Afriikaa Kibbaatti torban lamaan dura eegalamuuf ture irratti gama lamaaniinu hirmaachuuf fedhii argamsiisanii ture. Haata’u malee sababii rakkina loojistiikii jedhameetiin marichi yeroo hin beekamneetti dabarfamuun himanee ture.

Guyyoota muraasaan dura Ameerkaa dabalatee biyyoonni Awurooppaa jaha waraanaa mootummaa itoophiyaafi humnootii Tigraay jidduutti gaggeeffamu akka isaan yaaddeesse ibsuun isaani ni yaadatama.