Mootummaan Itoophiyaafi TPLF sodaa dhiibbaa alaatiif moo garaama isaaniirraa mariif qophaa'an?

Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggoota lama lakkoofsise marii nagaan furuuf tattaaffiin godhamullee hanga yoonaa waraanni hammaatee itti fufeera.

Mariin Gamtaan Afrikaa dhuma torbee darbee irratti gaggeessuuf tures yeroo biraatti dabarfameera.

Marii Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf Gamtaan Afrikaa qaamolee lamaaniif waamicha dhiyeesse kana hunduu fudhatanii turan, garuu mariin hin eegalamne.

Namoota maricha irratti akka jaarsummaatti argamu jedhaman keessaa tokko kan turan pitrezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuru Keeniyaataa guyyaa mariin qabame sana irratti argamuu akka hin dandeenye ibsan.

Qondaalli UN duraanii Mukesh Kapila marii nageenyaa Daarfuur, Seeraaliyooniifi Sudaan Kibbaa keessatti hirmaateera.

Itoophiyaa keessatti qaamoleen wal waraanan lameen dhiibbaa biyyoota alaa ofirraa deebisuuf ni mari’anna jedhu malee dhugaan qabatamaan waan biraadha jedha.

‘’Marii bu’aa buusu gaggeessuuf jalqaba dhukaasa dhaabuu qabu. Kanneen mariisisanis qaamolee lamaaniinuu amanamuufi fudhatama argachuu qabu.

‘’Haalli qaamoleen lamaan wal amantaafi ofitti amanummaan keessatti mari’atanis mijachuu qaba. Ammatti garuu haalli mariif bu’uura ta’e tokkollee hin mijanne,’’ jedhan.

Mukeesh Kapilaa mariin kun yeroo hin beekamnetti dabarfamuun na hin ajaayibne jedhanii, marii dhugaa eegaluuf jalqaba haalli ofitti amanummaa mirkaneessu qabatamaan jiraachuu qaba jedhan.

‘’Dhukaasa dhaabuun gargaarsi namoomaa danqaa malee akka seenu eeyyamuun dirqama.

Yaaddoon kiyya, waraanichi sadarkaa furamuu danda’urra hin jiru. Kanneen walwaraananis miira nagaa buusuu keessa hin jiran,’’ jedha.

Itti dabaluun, waliigaltee nageenya buusuurra ga’uuf uummanni gam-lachuu marii nagaaf qophii ta’uu qabu. Haalli uummanni marii nagaaf fedhii itti qabaatu uumamuu qaba jedha Mukeesh Kapila.

Nagaa busuun dhiibbaa qaama alaan dhufuu hin danda’u kan jedhu Kapilaan, fedhii uummata gamlamaan malee dhiibbaa alaan waan milkaa’u miti jedhan.

‘’Kan mariisisu Gamtaa Afrikaati jedhama malee innis loogiirraa bilisa miti. Dhiibbaa alaatiin furmaati amansiisaan inuma hin argamne.’’

Mootummaan Itoophiyaa gartokkeen waraana dhaabuu labsuun waamicha marii nageenyaa Gamtaa Afrikaa simachuu yoo ibsu, TPLF jalqabarra Gamtaa Afrikaa irraa amantaa akka hin qabne agarsiisaa ture.

Yeroo sana pirezidaatii Keeniyaa kan turan Uhuuruu Keeniyaataa jalatti akka gaggeeffamu barbaadu ture.

Marichaaf qaama kamtu amanama?

 Gamtaan Afrikaa waldhabdee mootummaa Itoophiyaafi humnoota TPLF gidduu jiru furuuf pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Olesegun Obaasaanjoo ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa gochuun muude.

Obaasaanjoon yeroo adda addaatti mootummaa Itoophiyaafi humnoota TPLF waliin marii gaggeessaniiru. TPLF garuu Gamtaa Afrikaa irraa amantaa akka hin qabne ibsaa ture.

Akkasuma Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US, qaamolee lamaan gara marii nagaatti akka dhufaniif hojjechaa turan.

Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa gochuun Maayik Hamar dabalatee namoota sadii muuddeetti. Hanaga ammaatti garuu qaamni furmaata waaraa argamsiise in argamne.

Mootummaan Itoophiyaa wixineewwan US fi UN dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa ilaalchisuun dabarsaa turan balaaleffataa ture.

TPLF Gamtaa Afrikaa irraa amantaa hin qabu yoo tahe, qamni marii kanaaf amanamu kami gaaffii jedhu Kapilaan akkas jedha.

‘’Gamtaan Afrikaa qaama sirriidha jechuun natti ulfaata. Waraanni kun erga eegalamee waggaa lamaaf deema. Lammiileen daafoo waraana kanaan guddoo hubamaniiru.

‘’Waraana haala kanaan uummata nagaa dararaa waggaa lama lakkoofsisu callisanii ilaaluun waan hin malle. Humna guutuun itti seenanii nagaa buusuu feesisa ture,’’ jedhan.

‘’Gamtaan Afrikaa qaama dirqama qabu ta’ee osoo jiruu kana hin raawwatin yoona ga’eera. Kanaafuu, wayita balaa guddaan uummatarra ga’aa jiru kanatti qaamni Gamticharra jiru- UN keessa seenee mala furmaataa kaa’uu qaba. Walumaagalatti adeemsi nagaa buusuu kun Gamtaa Afrikaa qofatti kan dhiifamu yoo ta’e homaa bu’aan argamu hin jiru,’’ jedha.

Yeroo baayyee biyyoonni Afrikaa rakkoon Afrikaa Afrikaanotumaan furamuu qaba jedhu. Mootummaan Itoophiyaas yaada kana deeggara.

Waraanni kun waraana Ardii Afrikaa waan ta’eef Afrikaanotumaan furamuu hin qabaatuu gaaffii jedhu Kapilaan, kun rakkoo ilaalcha sanyummaa irraa maddudha malee sirrii miti jedhan.

Itti dabaluun, Mukesh waraanni Yukireen wayita eegalu namuu waraana Awurooppaa qofa jedhee hin callisne. Rakkoon biyyattiitti mudate biyyoota Awurooppaa fi addunyaa mara yaaddesseera.

Addunyaan akkuma waraana Yukireen furuuf hirmaatutti kan Afrikaa keessattis hirmaachuu qaba jedha.

‘’Wanti adda godhu hin jiru. Rakkoon Afrikaa rakkoo addunyaati, kanaafuu furmaata addunyaarraa barbaada. Kanaafuu rakkoo Afrikaa keessatti mudatu akkuma rakkoo biyya addunyaa kamiitti fudhachuun furmaata gumaachuu barbaachisa.’’

Qaamoleen lamaanuu mariif fedhii qabaachuu ibsu. Garuu wayita mari’atamu hin argamu, kanarra xiinxalaan siyaasaa kun akkas jedha.

Ameerikaa, UN fi Gamtaan Awurooppaa qaamoleen lameen waraana dhaabuun akka marii nagaa jalqaban dhiibbaa gochaa turan.

Qaamoleen lameenis deebii dippolomaasii tahe, ‘marii nagaa kamiyyuu ni fudhanna’ kan jedhu deebisuurra kan darbe yeroo qabatamaatti mariif taa’an hanga ammaatti hin argamne.

Xiinxalaan siyaasaa kunis yoo ibsan ‘’mootummaan Itoophiyaa fi TPLF Salphumatti wayita ilaallu mariif fedhii qabaachuusaanii argina.

Kun dhiibbaa biyoota addunyaatiini. Keessattuu, dhiibbaa gama Ameerikaan jirurraa kan ka’eedha.

Namuu akkasaan mariif fedhii qabanitti hubata. Wanti qabatamaan ta’aa jiru faallaa kanaati,’’ jedha.

Qaamoleen lameen mariif qophii tahuu yeroo ibsanitti haleellaan adda addaa gaggeeffamaa ture.

Ammas waraanni humna waraanaa Ertiraa hirmaachise Kaaba biyyattiitti adeemsifamaa jiraachuutu himama.

Mukesh haala akkanaa keessatti marii nagaa gaggeessuu jechuun fakkeessuudha jedha.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggoota lama lakkoofsise lubbuu kumaatamootaa galaafateera. Miliyonotaan ammoo qe’ee isaanii irraa buqqiseera.