Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akeekkachiisa Faransaay hordofee hidhattoonni M23 baha Koongotti magaala albuudan badhaate to’atan
Hidhattoonni M23, Baha Dimookiraatik Rippaabilik Koongoo keessaa socho’an, magaala albuuda bilbila omishuuf murteessaa ta’e qabdu to’achuu beeksisan.
Magaalli Rubaayaa, kan hidhattoonni to’atan, albuuda addunyaarratti mobaayila omishuuf gargaaru Koltanii jedhamu qabaachun beekamti.
Hidhattoonni M23 loltoota mootummaa DR Koongoo waliin lola cimaa erga gaggeessanii booda Kibxata Ebla 30 magaalattii to’achuu dubbi himaan hidhatootaa Wiilii Nigoomaa beeksise.
Hidhattoonni kun magaalattii kan to‘atan, Ruwaandan hidhattoota M23 deeggaruu dhaabuu qabdi jechuun pirezidaantin Faransaayi Imaanu’eel Maakroon erga dubbatanii booda.
Pirezidaant Maakroon kana kan dubbatan pirezidaantii DR Koongoo Feliiks Shikeedii wajjin Paarisitti erga wal-arganii booda.
Ruwaandan hidhattoota M23 deeggaruu keessaa akka harka hin qabne irra deddeebin waakkatti.
Hidhattoonni M23 ji'oota 18 darban keessatti magaalotaafi bakkeewwan albuudan badhaadhoo ta'an Baha Dimokiraatik Rippaabilik Koongoo keessatti argaman harka caalu to'atanii jiru.
Amma immoo magaala Rubeeyaa, kan albuuda Koltaniin badhaatuu taate to'achuu beeksisanii jiru.
DR Koongon albuuda mobaayila omishuuf oolu, koltanii, omishuun addunyaarratti sadarkaa lammaffaa irratti argamti.
Albuudi kun ammoo biyyattii keessa bulchiinsa Masiisii dhiyeenya magaala Rubeeyaatti argamu keessaa baha.
Albuudi koltanii baatirii konkolaatafi mobaayila omishuuf oola.
Mootummaan DR Koongoo Ruwaandaan hidhattoota M23 leenjifi meeshaa waraanan deeggarti jechuun himata.
Mootummaan biyyattii haleellaa hidhattoonni baha DR Koongoo keessatti gaggeessan dura dhaabbachuu hin dandeenye.
Ji'ootan dura hidhattoonni kun magaala DR Koongoo keessatti guddinaan lammaffaa taate, Goomaa, seenuf jedhanii duubatti deebi'an.
Dubbi himaan hidhattoota M23 Wiilii Nigoomaa BBCtti akka himetti, Rubeeyaa to'achuunsaanii albuudhan badhaatuu waan taatef osoo hin taane humnoota mootumma achii har'iuufi.
Hidhattoonni magaalattii to'achuu beeksisanis, mootummaan DR Koongoo sobas dhugaadhas hin jenne.
Bulchiinsa Masiisitti aktivistii hawaasa sivilii kan ta'e Vooltaar Sadiikii, hidhattoonni magaalattii erga to'atanii booda namoonni hidhannoo qaban harka kennachuun jireenyasaanii idilee akka itti fufan itti himuu dubbate.
Hidhattoonni M23 Baha Koongoo keessatti sabni Tuutsii miidhan irra gahaa jira, qoollifatamaniiru jechuuni mootummaa wajjin kan lolatti galan.
Mootummaan DR Koongoo garuu hidhattoonni kun ergamtoota Ruwaandan kaayyoo lafa babal'ifannaa ittiin raawwattuudha jechuun Ruwaandaa komata.