DRC'tti riqicha osoo eebbifamuu jige deebisanii ijaaruun eegalame

Tibbana viidiyoon Dimookraatiik Rippaabliik Koongoorraa gadhiifame tokko biyyattii bira darbee addunyaa guutuutti miidiyaa hawaasummaa gubbaatti qoosaa ta'eera.

Magaalaa guddoo biyyattii Kiinshaasaa keessatti riqichi laga tokko irratti ijaarame yeroon itti eebbifamu gahee, keessummoonni piroojikticha eebbisan maqasii qabatanii ribaanii muruun eebbisuun gahe.

Keessummootni lama yeroo tokkotti riibaanii diimaa muranii eebbisuuf qophaa'anii keessummaan isheen tokko ribaanicha yeruma kuttu riqichi jige.

Dhaabbata piroojektii kana ijaaruuf deeggarsa kenne irraa kan argaman aadde Hurlaine Badila battala riqichi jigutti maqasaaii lafatti darbatanii karavaataa keessummaa isa biraatti rarra'anii bishanitti kufuurraa baraaramuuf yeroo yaalan viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti qoodame ni mul'isa.

Namootni eebba riqicha kanaarratti argamuun gammachuu ibsuuf itti naanna'anii turanis namoota riqicharra jiraniif yaaddahuun iyyuutti ka'an.

Taatee kanaan namni miidhame jiraachuun adda hin baane.

Riqichi namootni lafoo akka irra ce'an konkiriitii irraa ijaarame kun akka hin taane ta'ee caccabe.

Riqichi kun namoota oogummaa hojii riqichaan gahumsa hin qabneen, hanga simiintoo barbaachisu osoo adda hin baasiin hojjetanme jedhameera.

Hurlaine Badila dhaabbata hojii tola ooltummaa DJCEP jedhamu kan qabdu yeroo ta'u, riqichi kun hojjetamuu isaan dura riqichi dulloomaan ture jijiiramuu waan qabuuf ture hojii kana kan deeggarte.

Eebba irratti wayita haasaa gootu tola ooltummaan kun anaaf qofa osoo hin taane, haadholiifi hangafoota koofi kan quxusuu koo ta'aniifi hiriyya aabbaa koo ta'aniifi'' jetteetti.

Namootni kaanis dhaabbata tola oolu kana akka deeggaru waamicha gooteetti.

Riqichi irraa dubbatameef kun garuu turtii daqiiqaawwaniin booda jigeera.

Dhaabbatni tola oolaan kun bubbulee ergaa twiitara gubbaatti taatee kanaan walqabatee barreesseen riqicha kana deebisanii ijaaruun eegalamuu beeksise.

Riqichi haaraan bakkuma inni duraa jigetti ijaaramu sadarkaa isaa eeggatee akka ijaaramu beeksise.

Haftee riqicha duraa kaasanii haaraa ijaaruun eegalamuus suura waliin maxxansan.