Hidhattoonni M23 baha DR Koongoo keessaa hin baanu jedhan

Pirezidaantonni Ruwaandaafi DR Koongoo wal gaarerfannaa gidduu isaanii jiru qabbaneessuf guyyaa kaleessaa walii galanis hidhattoonni M23 jedhamuun baha Koongoo keessa socho’an waraana dhaabnee hin baanu jedhan.

Ruwaanda fi DR Koongoo hidhattoota M23 jedhamuun baha Koongoo keessa socha’an irratti hanga waraanaf walitti dhaadachuutti gahanii turan.

DR Koongon hidhattoota M23 jedhaman kan hidhachiisee deeggaru Ruwaandadha jechuun hanga haleellaa waraanaa Ruwaandaa irratti fudhachuuttii dhaadattee turte.

Roobii darbe garuu Fileeksi Shikeede fi Pool Kaagamen magaala guddoo Angoolaa Laawundeetti wal arguun gara waraanatti hin seennu jechuun walii galanii turan.

Walii galtee isaanii kanaan biyyoonni lamaanuu wal gaarreeffannaa gidduu isaanii jiru qabbaneessuf walii galuun hidhattoonni M23 baha Koongoo keessa socho’an haal duree tokko malee gadi dhiisanii akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.

Ruwaandaa fi Koongon waamicha dhiyeessanis hidhattoonni M23 garuu hanga mirgi qabsoonuf galma gahutti waraanni dhaabatu akka hin jirre ibsan.

Oduu himaan M23 Willi Nigoma BBC tti akka himetti, hidhattoonni isaanii bakka qabatee jiru gadi dhiisee keessaa eessayyuu hin dhaqu.

“Gadi dhiisnee eessa dhaqna? Nuti lammiilee Koongooti. Biyya keenya gadi dhiisnee akka baanu barbaaddaa?” jechuun gaafata.

Akka Wiiilii Nigoman jedhutti kuni rakkoo siyaasa Koongoo lammiiledhuma Koongoo giddduutti furamuu qabuudha.

Hidhattoonni M23 “kaayyoo qabatamaa” qabsaa’aniif akka qaban dubbatu. Innis, uummata Koongoo afaan Kiniyarwanda dubbatanii fi waggootaf moggaatti dhiibamaniif akka falman dubbatu.

Mootumaan Koongoo garuu garichi ergamtoota Ruwaandati jechuun komata.

Hidhattoonni M23 ji’a Bitootessaa keessa kaaba Koongoo bulchiinsa Kaaba Kiivuu keessatti mootummaa irratti haleellaa fudhachuu erga eegalee as Koongo fi Ruwaandaan akka malee wal garreeffachaa turan.

Haleellaa gareen kun gaggeessuf biyyoonni lamaan quba walitti qabu. Akka gabaasa UN tti sababa waraana garee M23 fi mootummaa Koongoo gidduutti gaggeeffamuun lammiilen 170,000 qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Dhiyeenya kana ammoo hidhattoonni kun daangaa Yugaandaa irratti kan argamtu magaala Bunagaanaa to’atee ture.

Hidhattoonni M23 sabumman isaanii Tuutsii yoo ta’an afaan Kiniyarwanda dubbatu.

DR Koongon ammoo hidhattoota kana kan deeggaru Ruwaandadha jetti. Ruwaandan garuu kana irra deddeebin haalti.